bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 11
Nehemiah 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
1
Bulchoonni bani'ii qachaa Yerusaalemii keessa taa'an; Baniin hafan maatii kudhanii keessaa harki tokko garuu Yerusaalemii qachattii woyyittii, maatiin salgan garuu qachoota biraa keessa akka jiraataniif hixaa wolitti buusan.
2
Baniin worra fedha ufiitiin qachattii Yerusaalemii keessa jiraachuu barbaadan sanniin maraa hin eebbisan.
3
Bulchoonni biyyaa worri Yerusaalemii keessa jiraatan kanniin. Worri Israa'eliitii fi gadoonni, Leewwonni, Tajaajiltoonni mana woyyu'uu, ijoolleen garboota Solomoonii adduma addaan lafa ufiitii fi qachaa ufii Yihuudaa keessa jiraatan.
4
Ijoolleen Yihuuda'aatii fi ta Biiniyaamii Yerusaalemiin keessa jiraatan. Ijoollee Faareesii ilmaan Yihuuda'aa keessaa ilma Malaali'eelii, ilma Safaaxiyaasii, ilma Amaariya'aa, ilma Zakkaariyaasii, ilma Ooziya'aa, Attaayyaa,
5
ilma nama gosa Seeloona'aa, ilma Zakkaariyaasii, ilma Yooyaaribii, ilma Addaayya'aa, ilma Ozaaya'aa, ilma Kolhooze'eetii fi ilma Baarookii Ma'iseeyaa fa'a.
6
Ijoolleen Faareesii ta Yerusaalemiin keessa jiraatan namoota dhibba afurii fi jahaatamii saddeet. Isaan worra jajjabaa turan.
7
Horteen Biiniyaamii ilma Yashaaya'aa, ilma Iti'eelii, ilma Ma'iseeya'aa, ilma Qolaaya'aa, ilma Faddaaya'aa, ilma Yoo'idiitii fi ilma Meesulaamii Saaluu fa'a.
8
Isaaniin maayessallee Geebeena'aa fi Saalaayii maatii Saalu'uuti. Isaan wolumatti qabaa dhiira dhibba sagalii fi diddamii saddeet.
9
Bulchaan isaanii Iyyu'eelii ilma Zikirii ture. Yihuudaan ilmi Hasmu'aamii qachaa irratti bulchaa lammeesso'oo ture.
10
Gadoota keessaa Yoodaa'ee ilma Yooyaaribii Yaakiin.
11
Bulchoonni mana Rabbiillee ilma Akixoobii, ilma Maraayootii, ilma Saadooqii, ilma Meesulaamiitii fi Sarraayaa ilma Keliqiyaasiiti.
12
Obboleewwan isaanii worri hujii manaa hojjatan dhibba saddeetii fi diddamii lama. Ilma Malkiya'aa, ilma Faaskoorii, Ilma Zakkaariyaasii, Ilma Amaasii, ilma Falaaliya'aa, Addaayaa Ilma Yirohaamii,
13
obboleewwan isaaniitii fi bulchoonni hortee maatii isaanii namoota dhibba lamaa fi afurtamii lama. Ilmi Imeerii, ilmi Mishileemootii, Ilmi Ahizaayii, Amaasiyaa ilma Eziri'eelii,
14
obboleewwan isaanii namoota jajjabaa dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; bulchaan isaanii Zabdi'eelii ilma Hagidoolimii ture.
15
Leewwota keessaa ilma Buni'ii, ilma Asaabiya'aa, Ilma Aziriqaamii, Shaamayaa ilma Asuubii.
16
Bulchoonni worra Leewwotaa worri hujii mana Rabbiitiin ala raasaa keessa jiru irra turan Saabaataayii fi Yoozaabaatiin fa'a turan.
17
Hennaa faate'ee bulchaan worra galata dhiyeessanii ilma Asaafii, ilma Zabiidii, Mataaniyaa ilma Miikka'aa, obboleewwan isaa keessaa Baqibaqaarii nama lammeesso'oo, ilma Edootaamimii, ilma Galaalii fi Abdiyaa ilma Saamusii,
18
Leewwonni qachattii woyyittii keessa jiraatan namoota dhibba lamaa fi saddeettamii afur turan.
19
Garboonni balballan eegan Aquubii fi Xeelmoon, obboleewwan isaanii woliin namoota dhibbaa fi torbaatamii lama turan.
20
Gadoonninii fi Leewwonni worra Israa'elii keessaa hafan garuu adduma addaan qachaa Yihuuda'aa maraa keessa lafuma ufii irra jiraatan.
21
Tajaajiltoonni mana woyyuu qachaa Yerusaalemii keessa tulluu Oofeel jedhamu irra jiraata'aa turan; Siha'aa fi Gishiphaan bulchoota isaanii turan.
22
Faarfattoonni hujii mana Rabbii irratti argaman gosa ijoollee Asaafii keessaa Ilma Miikka'aa, ilma Mataaniya'aa, ilma Hashaabiya'aa, Oozii ilma Baani Yerusaalemiin keessatti bulchaa Leewwotaa ture.
23
Faaruu guyya guyya'aan tartiibaan dhiyaatuuf mootichi ajaja baasa'aa ture.
24
Fattaayaan ilmi Meesezeebelii ka Zaaraa gosa Yihuuda'aa waan banii Israa'elii laalu maraaf mooticha bira ture.
25
Waan gandootaatiif, waan maasaa ufiitiif ijoollee Yihuuda'aa keessaa namoonni hedduu Qiriyaati'arbaaqii fi gandoota isi'ii keessa, Diiboonii fi gandoota isi'ii keessa, Yiqabsi'eelii fi gandoota isi'ii keessa,
26
Iyyaasuu, Molaadaa, Beetiphaaleex, Hatsarshulaag,
28
Beersaabeehii fi gandoota isi'ii, Tsiglaag, Mikkonaana'aa fi gandoota isi'ii,
29
Ayinriimoon, Tsoori'aa, Yaarimuut,
30
Zaanowaa, Adolaamii fi gandoota isi'ii, Laakkisoo fi maasaa isi'ii, Azeeqa'aa fi gandoota isi'ii keessa jiraatan; akkasuma Beersaabeehiin irraa jalqabee haga dhooqa Heenoomiititti mana ijaaratan.
31
Ijoolleen Biiniyaamii Geebaa irraa jalqabee haga Maakimaasiiti,
32
Beeteelii fi gandoota isi'ii Anaatoot, Noob,
33
Hannaaniyaa, Hatsoor, Raamaa, Giiteem, Hadiid,
35
Sibooyim, Baanbalaat, Lood, Oono'oo fi Geharaashimiin keessa jiraatan.
36
Worri Leewwotaa ka biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan heddu isaanii gara worra Biiniyaamii ta'an.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13