bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 2
Nehemiah 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Bara mootichi Arxeeksis mooye woggaa diddameesso'oo ji'a Niisaaniititti hennaa daadhiin woyini'ii isa afoo ture, ani daadhii lafaa ol fuudhee mootichaa kenne; achiin dura garuu isa afo'otti gadda tokko malee jiraata'aa ture.
2
Mootichillee, «Uduu hin dhibamne maaf gaddi fuula kee irraan mudhata? kun gadda onne'eeti malee waan biraatii miti.» naan jennaan guddisee sodaadhe.
3
Anillee mootichaan, «Mootichi bara kumaa haa moowu! qachaan awwaalli abboota tiyyaa keessa jiru diiggamteerti, balballan isi'iillee waan ibiddaan gubateef fuulli kiyya maaf hin gaddine» jedheen.
4
Mootichillee, «Maal na kadhatta ree?» naan jedhe. Anillee Waaqa Sami'ii haga kadhadheen maayessa,
5
Mootichaan, «Mootii kiyya! yoo kun ka si gammachiisuu, ani garbichi kee si afo'otti yoo gaachena argadhee jiraadhe gara qachaa awwaalli abboota tiyyaa keessa jiruu gara biyya Yihuuda'aa dhaqee akka hojjadhu na ergi.» jedheen.
6
Hennaa san uduu mootittiin isa bira teetteertu mootichi, «Karaan deemtu hagam fagaata? yoom deebitalle'e?» naan jedhe. Mootichillee na ergu'uuf hin gammade; anillee hennaa itti deebi'u haaganaa qabeef.
7
Kanatti aansee ani mootichaan, yoo ka mootichi itti gammadu ta'e biyya Yihuuda'aa akka na geessaniif bulchoota worra laga Efraaxisii gama jiran bulchanitti akka kennu xalayaan naa haa kennamuu,
8
Akkasuma nama Asaaf jedhamu ka bosona mootumma'aa eegu ta'eef akka inni balbala mana qulqullu'uutii fi balballan qachatti'ii maraaf, mana ani hara itti baafadhuufillee muka hindheessaatii fi birbirsaa ka manaan jabeessu'uuf ta'u xalayaan ajajaa ka akka muradhu eeyyamu akka naa kennamu gaafadhe; Rabbillee waan arjummaa ufiitiin na gargaareef mootichi waan ani gaafadhe maraa naa kenne.
9
Anillee gara bulchoota laga Efraaxisii gama jiranii dhaqee xalayaa mootichaa isaanitti kenne. Mootichillee worra fardaatii fi bulchoota worra duulanii na woliin erge.
10
Garuu Sanbalaaxiin gosa Hooriitii fi Xoobbiyaan gosa Amoonii haga akka namni waan ijoollee Israa'elii mishaa yaadu dhufe dhagayan guddisanii biibbayan.
11
Anillee Yerusaalemiin gayee haga guyyaa sadihii achi taa'e.
12
Ganama lafaa ka'ee hennaa deemu, namoota heddutu na woliin ture. Waan Waandhi Yerusaalemitti haa hojjadhu'uuf onnee kiyya keessa kaaye nama kamittuu hin himne; horii yaabbi'ii ka ufii yaabbadheeru malee horiin biraa na bira hin turre.
13
Balbala dallawa dhooqaatiin bayee bakka burqaa jawwe'ee jedhamuun hulee waan badaa itti gatan dhaqee dallawa Yerusaalemii ka diiggamee fi balballan isi'ii ka ibiddaan gubateeru arge.
14
Kanatti aansee gara balbala burqa'aatii fi gara hulee mootichi itti dhiqatuu lufe. Garuu horiin ani yaabbadheeru karaa lufuun hin arganne.
15
Kanaafuu halkaniin gara faaffa'aatiin bayee dallawa diiggame laalee balbala dhooqaatiin deebi'ee gara qachatti'ii seene.
16
Worri baallii qaban garuu ani eessa akka dhaqee fi maal akka godhe hin beenne. Sababaan worra Yihuudi'ii, gadoota, worra bulchootaa, worra baallii qabanii fi worra hujii hojjata'aaranitti waan hin himneef.
17
Kanaan maayessa ani «Rakkoo nu keessa jirru, Yerusaalem akka diiggamte, balballan isi'ii akka ibiddaan gubate arga'aartan, ammallee ammaa achi akka nutti hin kolfine koottaa dallawa Yerusaalemii haa ijaarruu» isaaniin jedhe.
18
Kanatti aansee akka harki Waaqa kiyyaa mishaan na woliin jiruu fi dubbii inni natti hime isaanitti hime. Isaanillee «Kaanee haa hojjannuu!» jedhanii hujii misha'aaf irree ufii jabeeffatan.
19
Garuu Sanbalaaxiin gosa Hoorii, Xoobbiyaan garbichi gosa Amooniitii fi Geesaamiin Arabtichi hennaa waan kana dhagayan nu tuffatanii nutti kolfan; nu salphisanii «Wonti isin godha'aartan kun maali'i? isin dhugamaan mootichatti kakka'uu barbaaddanii?» jedhan.
20
Anillee «Waandhi Sami'ii hujii keenna nuu raawwata; nullee garboonni isaa kaanee hojjanna, isin garuu Yerusaalemiin keessatti gayee, hiree, mirgaa fi yaadannoo hin qabdan» jedhee isaanii deebise.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13