bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 9
Nehemiah 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
1
Ji'uma kana guyyaa diddamii arfeesso'ootitti ijoolleen Israa'elii wol gayanii soomaan uffata gaddaa uffatanii daaraa uf irratti firfirsan.
2
Sanyiin Israa'elii sanyii gosa biraa irraa uf fooyanii dhaabatanii cubbuu ufiitii fi ka abboota ufiillee himatan.
3
Namoonni maruu bakka ufii dhaabatanii kitaaba seeraa ka Rabbii Waaqa isaanii haga sa'aatii sadihii dubbisan; haga sa'aatii sadihii cubbuu ufii himata'aa Rabbii Waaqa ufiitii sagadan.
4
Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Baanii, Qadimi'eel, Sabaniyaa, Bunii, Sarraabiyaa, Baani'ii fi Kinaanillee waan irra dhaabatamu gubbaa dhaabatanii laagaa gudda'aan gara Rabbii Waaqa ufii iyyan.
5
Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Qadimi'eel, Baanii, Asabaaniyaa, Sarraabiyaa, Hoodiyaa, Sabaniya'aa fi Fattaayaan akkana jedhan. «Dhaabadha'aatii Rabbii Waaqa keenna ka bara baraa eebbisaa'a, maqaan kee ka ulfinna, eebbaa fi galata maraa irra ol ol jedhe haa eebbifamu! jedhaa'a» isaaniin jedhan.
6
Kanniin maraan maayessa baniin Israa'elii, «Sima calla'atu Rabbi; Samii, Samii Samii gubba'aatii fi duula isaanii maraa, lafaa fi waan lafa irra jiru maraa, galaanaa fi waan galaana keessa jiru maraa uumteerta; maraa jiraachifteerta, duultonni Sami'ii maruu sii sagadan.
7
Ati Rabbi Waaqa; Abraamiin filattee Uurii biyya Kaladaawotaa keessaa isa fiddee,
8
maqaa isaa «Abrahaam» jetteen. Garaan isaa si afo'otti amanamaa akka ta'e argitee lafa Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi lafa worra Gergesenootaa isaa fi fiixaa isaatii kennu'uuf waadaa galteef, Ati waan qajeelaa taateef dubbii ufii dubbatte raawwatte.
9
«Uduu isaan biyya Misirii keessa jiran rakkinna abboota teennaa argite; uduu galaana diimaa bira jiran iyyansa isaanii dhageette.
10
Akka isaanitti uf jajan waan beetteef Fari'oon, garboota isaa maraa fi worra Yihuudii hin taane maraa irratti baasaa fi maalalee mudhiftee, akkuma adha argine kana maqaa kee waamsifte.
11
Isaan afo'otti galaana addaan qooddee, galaana jidduu lafa gogaa irra ceeyan, Diintota isaanii garuu akkuma dhagaa galaana xiillaa keessatti gad darbaniititti galaana xiillaa keessatti isaan darbite.
12
Karaa isaan deeman isaanii ibsu'uuf guyyaa utubaa duumessaatiin, halkanillee utubaa ibiddaatiin isaan masakkite.
13
Samii irraa gaara Siina'aatitti buutee, banii keetitti dubbatte, Murtii qajeelaa, seera michuu dhuga'aa, ajaja fi seera isaanii kennite.
14
Sambata tee woyyittiillee isaan beessifte, Seera keetii fi ajaja kee karaa garbicha kee Muuse'eetiin isaan ajajje.
15
«Beela isaaniitiif Sami'ii nyaata isaanii kennite, dheebuu isaaniitiif dhagaa keessaa bisaan isaanii baafte; lafa isaaniif kennu'uuf isaanii waadaa galte sanitti akka galan isaan ajajje.
16
Garuu isaanii fi abbootiin teennallee guddisanii boonan, lum'a jabaatan, ajaja kee hin dhageenne, dhagawuullee hin didan.
17
Maalalee ati isaanii goote isaan hin yaadanne. Lum'a jabaatan, dhara isaaniitiin gara garbummaa isaanii ka duriititti deebi'u'uuf bulchaa muudatan. Ati garuu Waaqa namaa dhiiftu, arja'aa fi Waaqa namaa araaramtu, ka daddaftee hin lolle, ka araara namaaf guddiftu waan taateef isaan hin ganne.
18
Hennaa fakkeenna Waatiyyo'oo ka harka ufiitiin bassanii hojjatanii, ‹Waandhi biyya Misiriitii nu baase kana!› jedha'aa guddisanii si aarsan,
19
Araarri kee guddaa waan ta'eef lafa gammoojji'ii keessatti isaan hin dhiifne. karaa isaan deeman akka isaan masakkuuf guyyaa utubaan duumessaa, halkan utubaan ibiddaa isaan biraa hin fagaanne.
20
Hafuura kee mishaa akka isaan barsiisu isaanii kennite. Mannaa nyaatan isaan hin dhoogganne, dheebuu isaaniitiif bisaan kenniteef.
21
Lafa gammoojji'ii keessatti woggaa afurtamaaf isaan soorte. Isaan womaa hin dhabne, uffanni isaanii hin moofne, lutti isaaniillee hin iitofne.
22
«Moototaa fi worra Yihuudii hin taane addaan qoqqooddee isaanii kennite. Mootii Haseboonii, lafa Seewoonii, Mootii Baasaaniitii fi lafa Aagii dhaalan.
23
Ijoollee isaanii akka urjii Sami'ii baay'eessitee, lafa abboota isaanii akka dhaalaniif, isaanii waadaa galte sanitti isaan galchite.
24
Ijoolleen isaaniillee lafa san itti galtee dhaalte worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiraatan isaan afo'otti salphifte. akka fedhan haa isaan godhani'iif worra san mootota isaaniitii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya san keessa jiraatan dabarsitee isaanii kennite.
25
Qachoota dallawa dhaga'aa qabdu, lafa gabbattuu michuu, manniin waan mishaa uf keessaa qabu, boolla qotame ka bisaanii, hulee woyini'ii, mukkiin ejersaatii fi mukkiin hedduu, ka daraaraa isaa nyaatan dhaalan; Nyaatanii quufanii, furdatanii, mishooma kee gudda'atti gammadan.
26
«Garuu isaan worra tole hin jenne turan, si didan, seera kee uf duubatti gatan. Raattota tee ta akka isaan gara kee deebi'aniif isaanii raagan ajjeesanii guddisanii si aarsan.
27
Kanaafuu ati dabarsitee diintota isaaniitiif isaan kennite, isaanillee isaan rakkisan; hennaa guddisanii rakkatan sitti iyyatan, Atillee Sami'ii isaanii dhageette. Ati waan guddiftee namaa dhiiftuuf bulchoota diintota isaanii jalaa isaan oolchan isaanii kennite.
28
Haga hara baafatan deebi'anii waan hamaa si afo'otti hojjatan. Atillee harka diintota isaaniititti isaan dhiifte. Isaanillee isaan bitan Hennaa isaan deebi'anii sitti booyan Sami'ii isaanii dhageettee akka araara kee gudda'aatitti isaan hambifte.
29
Akka isaan gara seera keetii deebi'aniif isaan gorsite. Isaan garuu uf jajan, seera keellee hin raawwanne. murtii qajeelaa namni ittiin jiraatu irratti ka'anii yakka hojjatan, seera kee dudda itti kennan, lum'a jabaatan, si hin dhageenne.
30
Ati garuu woggaa baay'ee isaanii obsite. Karaa raattota teetiitiin Hafuura keetiin isaanitti radde, isaan garuu si hin dhageenne. Kanaaf worra Yihuudii hin taane ka biyya san jiraatanitti isaan kennite.
31
Ati garuu Waaqa arja'aa fi ka namaa dhiiftu, araarri keellee guddaa waan ta'eef isaan hin balleessine, isaan hin dhiifnelle'e.
32
«Ammallee Waaqa keenna! Ati Waaqa waadaa namaa galte eeddu, Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a, bara mootota Asoorii irraa jalqabee haga adhaa rakkoo nu'uu fi mootota keenna, bulchoota keenna, gadoota keenna, raattota teenna, abboota teennaa fi banii kee maraa irra gaye akka waan diqqa'aatitti hin laalin.
33
Waan nu irra gaye maraafuu ati qajeela'a. nu cubbuu hojjanne, ati garuu waan dhuga'aa hojjatte.
34
Mootonni, bulchoonni, gadoonninii fi abboonni teenna seera kee hin eenne; seeraa fi ajaja ati isaan gorsite hin dhageenne.
35
Mishummaa kee guddaa san, lafa gabbattuu michuu bara mootummaa isaaniititti isaanii kennite keessatti si hin waaqeffanne, hujii hamaa hojjatan irraallee hin deebine.
36
Kunoo nu adha garboota; lafa ati abboota teennaa kennite irrattillee garbootuma. Lafti tun ta ati daraaraa isi'ii haa nyaatani'iif abboota teennaa kennite.
37
Eebba lafa tanaa sababaa cubbuu keennaatiif mootota sanii kennite; Isaan hunna keennallee bita'aaran, horii keennallee akkuma fedhan godhan, kanaafuu nu'u rakkoo guddaa keessa jirra.» jedhanii kadhatan.
38
Waan ta'e kana maraafuu nu seera wolii galte'ee barreessina; bulchoonni, Leewwonni teennaa fi gadoonni teenna chaappa'aan mirkaneessan.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13