bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 4
Nehemiah 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Sanbalaaxi akka ijaarsa jalqabne haga dhagaye guddisee aaree lolee nu worra Ayihuudi'iititti balde.
2
Obboleewwan ufiitii fi loltoota Samaariya'aa afo'otti «Wonti worri Ayihuudi'ii dadhabaan kunniin hojjata'aaran maali'i? qachattii deebisanii ijaaru'uuf karoorfataniiranii? ciincaa dhiyeessu'uun hujii guyyaa tokkotti waan fixan isaanitti fakkaataa? ijaarsa diiggame keessaa dhagaa ijaarsaaf ta'u baasuu danda'anii? » jedhee uf jaju'uun dubbate.
3
Xoobbiyaan gosa Amoonii isa bira dhaabatee «Ka isaan dhaga'aan ijaaran kana uduu jeedalti kortee hin jiga!» jedhe.
4
Anillee akkana jedhee kadhadhe «Waaqa keenna! nu tuffatamneerraa dhagayi; arraba isaanii isaanumatti deebisi, biyya booji'amanitti saamamaaf dabarsii isaan kenni.
5
Waan hamaa isaan raawwataniif isaanii hin araaramin, cubbuun isaan hojjatan si afo'oo hin badin, isaan hojjattoota tee afo'otti waan si aarsaniif.»
6
Nu ijaarsa deebifnee ijaarre; baniin maruu waan jabaatanii hojjataniif ijaarsi wodhakkaa gaye.
7
Sanbalaax, Xoobbiyaa, worri Arabootaa, worri Amoonootaatii fi worri Ashdoodotaa akka ijaarsi Yerusaalemii ijaarama'aa deeme, ka diiggame ijaaruun akka jalqabame haga dhagayan guddisanii lolan.
8
Kanaafuu isaan maruu wol ta'anii Yerusaalemiin lolanii raasu'uuf wolii kakatan.
9
Nu garuu Waaqa keenna kadhanne; sababaa isaaniitiif kolba isaan nutti dhufaniin worra halkanii fi guyyaa eegu kaayanne.
10
Hennaa kana namoonni Yihuuda'aa, « Ba'aan huji'ii nu dadhabsiise, wonti diiggame ka kaasuun nu barbaachisu gudda'a, ijaarsa ijaarree hin dandeennu» jedhan.
11
«Diintonni teenna waan nu godha'aarru uduu hin beennee fi uduu hin argine wodhakkaa isaaniititti argamnee isaan ajjeefnee hujii isaan hojjata'aaranillee dhaabsifna.» jedhan.
12
Worri Ayihuudi'ii ka isaan bira jiran dhufanii «Hulema jiran maraayyuu nutti dhufan» jedhanii harka kudhanii nutti himan.
13
Anillee ijaarsa duuba gara gadiitiin guraadee, woraanaa fi buundhee isaan qabsiisee akka gosa gosa isaaniitiin isaan dhaabsise.
14
Anillee akka isaan sodaatan argee ka'e; worra jajjabootaa, worra muudamtootaatii fi banii hafeen «Isaan hin sodaatinaa'a, Gooftaa gudda'aa fi ka gaachenni isaa sodaachisu yaadaa'a, waan obboleewwan keessanii, waan ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durbaa, waan haawwota manaa teessaniitii fi waan manniin keessaniitiifillee lolaa'a» isaaniin jedhe.
15
Waan diintonni keenna nu irratti hojjachu'uuf wolii kakatan nu akka dhageennee fi isaanillee akka Rabbi marii isaanii duwwaa godhe hubatan. Nu marti keennaa gara ijaarsa keennaatii fi hujii keennaa deebine.
16
Guyyaa san irraa jalqabee namoonni ani hiriirsise gariin cinaan huja'aa turan; cinaan garuu wontee, woraana, buundhee, sibiila lolaa ka mata'atti godhatan qabatanii turan. Worri bulchootaallee manniin worra Yihuuda'aa maraa duubaan dhaabata'aa turan.
17
Worri ijaarsa ijaaranii fi worri waan ijaaraniin baadhatan harka tokkoon woraana qabatanii harka tokkoon hojjata'aa turan.
18
Worri ijaarsa ijaaru maruu guraadee ufii mudhi'itti hidhatanii hojjata'aa turan; ka xurumbaa afuufullee na bira ture.
19
Worra gugurda'aa fi worra muudamaniin, akkasuma banii hafaniin, «Hujiin gudda'aa fi badha'a, nu maruu ijaarsa irra facaaneerra, namni tokko nama kaan irraa fagaateera;
20
Hulee laagaa xurumba'aa itti dhageettan gara keenna kanatti wol gayaa'a, Waandhi keenna nuu lolaa» isaaniin jedhe.
21
Kanaafuu guyya guyya'aan ganama irraa jalqabnee haga galgalaa, haga urjiin baatutti namoonni gariin hennaa hojjatan, gari gariin garuu meeshaa woraanaa hidhatanii akka worra balbala eeguutitti eega'aa turan.
22
Ani hennaa san bani'iin «Isin maruu ijoollee teessan woliin Yerusaalemiin bulaa'a, halkan nu eegaa'a, guyya guyyaa garuu hojjadhaa'a» isaaniin jedhe.
23
Ani, obboleewwan tiyya, namoonni ani hiriirsisee fi worri eegan ka na duubaan jiranillee uffata keennaa uduu hin mulqanne bula'aa turre.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13