bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Nehemiah 7
Nehemiah 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Haga ijaarsi ijaarameen maayessa, haga balballan itti ijaareen maayessa, worri balbala eeganii fi faarfattoonni, worri Leewwotaallee haga muudamaniin maayessa,
2
Obboleessa kiyya Anaani'ii fi Hannaaniya ijaarsa irratti baallii qabu Yerusaalemiin irratti isaan muude. Inni nama dhuga'aa ka namoota kaawwan caalaa Rabbiin sodaatu ture.
3
Anillee haga aduun oo'itutti balballan Yerusaalemii akka hin banamne, uduma isaan dhaabatan balballan loosa'aan haa cufanii; namoota Yerusaalemii keessaa gari garii kore kore'een mara isaaniituu kolba manniin isaaniitiin, «Worra eegu kaayaa'a» isaaniin jedhe.
4
Qachattiin guddo'oo fi badhoo turte; baniin isii keessa jiru garuu hagoo ture, manniinillee itti hin ijaaramne ture.
5
Waandhi kiyya worra jajjabaa'a, worra baallii qabanii fi baniillee wolitti qabee akka laakkayu na taasise; namoota dursanii dhufan galmee ragaa fiixaa isaanii argadhe. Isa keessatti ka akkana jedhanii barreessaniiran arge.
6
Ijoolleen biyyaa worri booji'aman ka mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor booji'e worri gara Yerusaalemii, gara Yihuuda'aatii fi gara qachaa ufii deebi'an kanniin.
7
Masakkoonni isaaniillee Zarubaabeel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaas, Ra'aamiyaa, Nahamaan, Mardokiyoos, Balaasaan, Misipheereet, Baguwaayi, Nahuumii fi Ba'aanaa fa'a woliin dhufan.
8
Laakkobsi namoota banii Israa'elii kana. Fiixaan Faaroosii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama.
9
Fiixaan Safaaxiyaasii dhibba sadihii fi torbaatamii lama.
10
Fiixaan Eera'aa dhibba jahaa fi shantamii lama.
11
Fiixaan Iyyaasu'uutii fi ka Iyyoo'aabii, fiixaan gosa Fahaati Mo'aabii ta'an kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha saddeet.
12
Fiixaan Eelaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur.
13
Fiixaan Zaatu'ii dhibba saddeetii fi afurtamii shan.
14
Fiixaan Zakaayii dhibba torbaa fi jahaatama.
15
Fiixaan Biiniwi'ii dhibba jahaa fi afurtamii saddeet.
16
Fiixaan Beebaayii dhibba jahaa fi diddamii saddeet.
17
Fiixaan Azgaadii kuma lamaa fi dhibba sadihii fi diddamii lama.
18
Fiixaan Adooniqaamii dhibba jahaa fi jahaatamii torba.
19
Fiixaan Baguwaayii kuma lamaa fi jahaatamii torba.
20
Fiixaan Aadiinii dhibba jahaa fi shantamii shan.
21
Fiixaan Axeerii gosa Hisqiyaasii sagaltamii saddeet.
22
Fiixaan Hasuumii dhibba sadihii fi diddamii saddeeti.
23
Fiixaan Beesaayii dhibba sadihii fi diddamii afur.
24
Fiixaan Hariifii dhibba tokkoo fi kudha lama.
25
Fiixaan Gabaa'oonii sagaltamii shan.
26
Namoonni Naxoofa'aatii fi Beeteliheemii dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeet.
27
Namoonni Anaatootii dhibba tokkoo fi diddamii saddeet.
28
Namoonni Beeti'aazimootii afurtamii lama.
29
Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii, namoonni Kaafira'aatii fi namoonni Bi'eerootii dhibba torbaa fi afurtamii sadihi.
30
Namoonni Raama'aatii fi namoonni Geeba'aa dhibba jahaa fi diddamii tokko.
31
Namoonni Maakimaasii dhibba tokkoo fi diddamii lama.
32
Namoonni Beeteeliitii fi ka Gaayii dhibba tokkoo fi diddamii sadihi.
33
Namoonni Naboo biraa keessa jiraatan shantamii lama.
34
Fiixaan Eelaamii biraa keessa jiraata kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur.
35
Fiixaan Kaariimii dhibba sadihii fi diddama.
36
Fiixaan Iyyaariko'oo dhibba sadihii fi afurtamii shan.
37
Fiixaan Loodii, ta Hadiidiitii fi ta Oonoomii, dhibba torbaa fi diddamii tokko.
38
Fiixaan Seena'aa kuma sadihii fi dhibba sagalii fi soddoma.
39
Fiixaan Yoodaahe'ee gadoonni gosa Iyyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sadihi.
40
Fiixaan Iimeerii kuma tokkoo fi shantamii lama.
41
Fiixaan Faaskoorii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba.
42
Fiixaan Kaariimii kuma tokkoo fi kudha torba.
43
Fiixaan Qadimi'eeliitii fi ta Iyyaasu'uu worri Leewwotaa worri gosa Hodaayiwa'aa namoota torbaatamii afur.
44
Fiixaan Asaafii weeddiftoonni dhibba tokkoo fi afurtamii saddeeti.
45
Worri balbala eegan fiixaan Saloomii, ta Axeerii, ta Xeelmoonii, ta Aquubii, fiixaan Haxiixa'aatii fi fiixaan Soobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeet.
46
Fiixaan hojjattootaa ka worra mana woyyuu keessatti hojjatan worri boojuu irraa deebi'an tajaajiltoota, fiixaa Siiha'aa, fiixaa Hasufa'aa,
47
fiixaa Xabbi'ootii, fiixaa Keeraasii, fiixaa Si'aa,
48
fiixaa Faadoonii, fiixaa Libana'aa,
49
fiixaa Aggaaba'aa, fiixaa Simlaayii, fiixaa Hannaanii, fiixaa Gedeelii, fiixaa Gaaharii,
50
fiixaa Raayya'aa, fiixaa Ra'aasoonii, fiixaa Neqooda'aa,
51
fiixaa Gaaseemii, fiixaa Ooza'aa, fiixaa Faaseha'aa,
52
fiixaa Beesaayii, fiixaa Mi'uunootaa,
53
fiixaa Nifusasiimii, fiixaa Baaqbuqii, fiixaa Haqafa'aa, fiixaa Harhuurii,
54
fiixaa Baasilootii, fiixaa Mihiida'aa, fiixaa Harsha'aa,
55
fiixaa Barqoosii, fiixaa Siisaara'aa, fiixaa Teema'aa,
56
fiixaa Nisiya'aatii fi fiixaa Haxiifa'aa fa'a.
57
Hojjattoonni Solomoonii worri boojuu irraa deebi'an fiixaa Sooxaayii, fiixaa Soofereetii, fiixaa Firuuda'aa, fiixaa Yayya'ila'aa,
58
fiixaa Darqoonii, fiixaa Gedeelii,
59
fiixaa Safaaxiyaasii, fiixaa Haxiilii, fiixaa Fakaraatii, fiixaa Hatsibooyimii, fiixaa Amoonii,
60
Worri tajaajiltootaa maraa fi fiixaan garboota Solomoonii dhibba sadihii fi sagaltamii lama.
61
Worri Teelmeellaa, Teelaareesaa, Kiruub, Addaanii fi Iimeeriin keessaa bayan kanniin. Isaan garuu hortee manniin abboota isaanii yookaan fiixaa Israa'elii ta'uu isaanii uf beessisuu hin dandeenne.
62
Fiixaan Daalaya'aa, fiixaan Xoobbiya'aatii fi fiixaan Neeqoda'aa dhibba jahaa fi afurtamii lama.
63
Gadoota keessaallee fiixaa Eebbiya'aa, fiixaa Aaqosii, fiixaa Beerzeeli'ii ka nama gosa Gala'aadii irraa haadha manaa fuudhee ijoollee Beerzeeli'ii irraa argatee maqaa isaatiin waamame.
64
Kunniin kitaaba maqaan hortee isaanii keessatti barreeffame keessa soqan; garuu maqaan isaanii hin argamne, isaan akka gadoota hin taane dhooggaman.
65
Kanaafuu bulchaan Yihuuda'aa, «Haga gadichi uurimii fi Tumiimiin murteessu ka'uuf waan qulqullaaye irraa hin nyaattan» isaaniin jedhe.
66
Worri boojuu irraa deebi'an wolumatti qabaa namoota kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadihii fi jahaatama. Kunniin tajaajiltoota dhiiraatii fi ka intalaa kuma torbaa fi dhibba sadihii fi soddomii torbaa uduu hin eda'anne.
68
Faradoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaha. Gaangiin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan.
69
Gaallan isaanii dhibba afurii fi soddomii shan. Harriin isaanii kuma jahaa fi dhibba torbaa fi diddama turan.
70
Bulchoonni maati'ii gari gariin waan mana woyyuu deebisanii ijaaru'uuf gargaaru godhaniiran; isaan keessaa, Bulchaan biyyaa; worqii kiilograamii 8 madaalu, saanii golboo 50, uffata gadootaa 530 kenne. Worri gosa bulchu; worqii kiilograamii 168 madaalu, birrii kiilograamii 1,250 madaalu kennan. Namoonni hafanillee, worqii kiilograamii 168 madaalu, birrii kiilograamii 1,100 madaaluu fi uffata gadootaa 67 kennan.
73
Worri gadootaa, Leewwonni, worri balbala eeganii fi worri faarfattootaa, banii keessaallee namoonni baay'een, tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi worri Israa'elii maruu qachama ufii keessa jiraatan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13