bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 1
2 Corinthians 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e, Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Qorontoositti ka argamittan Woldaya Waaqaatii fi akkuma kana Akaayiyaa maratti ka argamittan ummata kristaanaa maraaf,
2
Abbaa keenna Waaqa irraa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
3
Abbaa dhiifamaatii fi Waaqa jajabeenna mara ka kennuu, akkuma kana Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiif, galanni haa ta'u.
4
Nu'u jajabeenna Waaqa biraa arganuun worra rakkinna irra jiran maraa jajabeesu'uuf akka dandeennu, Waaqinni rakkinna keenna maraa irratti nu jajabeessa.
5
Rakkinna Kristosii baay'innaan akka qoodamuu keennaa titti, akkuma kanaan'llee Kristosiin jajabeenna baay'innaan ni arganna.
6
Nu'u rakkinna yoo fudhannu isin jajabeennaa fi fayyinna ni argattan, nu yoo jajabaannu ammoo isin'llee rakkinna bifa nu'u fudhannuu obissaan fudhattanii ni jajabaattan.
7
Haguma rakkinna keenna qoodamttaniin jajabaachuu keenna'llee akka qoodamttan waan beekinuuf, abddiin isin irratti qabnnu cima'a.
8
Yaa obboleeyyan! Kutaa biyya Asiya'aa yeroo turetti rakkinna nurra gayee akka beekittaniif ni jaalanna, rakkinni nurra gaye kun'llee haga baadhachuu dandeennuu olitti nurratti kufee waan tureef, lubbu'uun jiraachu'uuf abddiin qabnnuuyyuu, addaan citee ture.
9
Gonkumaa akka waan duuti nutti murteeffamee titti, nutti dhagayamee ture, kun marri'llee nurra ka gaye, ka abddii taasfannu worra du'aa ka kaasu Waaqa malee, huminna mataa keennaatiin ta'uu dhabuu akka hubannuuf.
10
Kanaaf inni galttee haga du'aatiin nu gayuu irraa nu fayyisee jira, nu fayyisa'lle'e, dabalee akka nu fayyisuuf'llee, abddiin keenna isaan.
11
Isin'llee kadhanna'aan nu gargaaruun ni mala, kadhannaa baayi'e'een nu'u gargaarssa Waaqaa yoo argannu namoonni baay'een ammoo, waayee keennaan Waaqa ni galateeffatan.
12
Wonitti ittiin dhaadanu kana, kun'llee dhugaa ta'uu isaa sammuun keenna nuuf ragaa ni baya, namoota kaanniinii fi keesumaanuu isin woliin wolitti dhufeenni ni qabnna ture, qulqullaayoma Waaqa biraa arigannee fi qajeelumaan ka hunddaaye, kun'llee ka ta'e kennaa Waaqaa ka bilisaatiin malee, ogummaa namaatiin hin turre.
13
Dubbifttanii hubachuu waan dandeettan yoo ta'e malee, ka bira'aa womaayyuu isiniif hin barreessinu, hubannaa guutu'uun hubachuu akka dandeettan abddii ni taasisa.
14
Amma waayee keenna ka beekittan gamisaan, maa'ii garuu guutumma'aan akka hubattaniin abddii ni taasisa, waayee kanaan'llee Gooftaan Yesus guyyaa itti dhufutti, nu'u isiniin akka dhaadannu, isin'llee nu'uun ni dhaadattan.
15
Waan kanaan sirrii waan tureef yeroo lama akka fayyadamttaniif jedhee, jalqaba isin laalu'uuf karoorffadhee ture,
16
isin laalu'uuf ka karoorffadhe'llee, gara Maqedooniya'aa yoo dabrruu fi achii'llee yeroo deebi'utti ture, haala kanaa'llee gara biyya Yihuda'aa adeemissa kiyya ka taasisu irratti, ana gargaarttan jedhee yaadee ture.
17
Kana yeroo karoorffadhetti waan raawwadhu ka hin beekinne, asii fi achi jedhaa nama ta'e isinitti ni fakkaataa? Yookiin kana karoorffachuu kiyyaan yeroma tokkoon, «Eeti'ii fi mitii» jedha'aa asii fi achi jedhu'uun, yaada namaatiin ka raawwadhe isinitti fakkaataa ree?
18
Waaqinni amanamaa waan ta'eef nu'llee ka isinitti himnnu, «Ee» yookiin «Miti» ka jedhu, jecha asii fi achi hin jedhuunii miti.
19
Anii fi Siilaas, Ximotewos'llee Ilmi Waaqaa Yesus Kristosiin ka isiniif lallabnne yeroo maraa, «Ee» jecha jedhu qofaan malee, «Ee yookiin miti jecha jedhu» ka asii fi achii jedhuun hin turre.
20
Abddiin Waaqinni nu'uuf kenne marrinuu, «Ee» ka ta'uun Kristosiin, kanaaf ulfinna Waaqaatiif Kristosiin, «Ameen» ka jennu.
21
Nu'u isiniin woliin Kristosiin akka jabaannuuf ka nu taasise Waaqa, huji'iif'llee ka nu fooye isa.
22
Ka isaa ta'uu keennaaf ragaa ka ta'u chaaphaa isaa ka nurratti taasisee fi ufi durana qabeenna nu'uuf kennuuf, onnee keennatti Hafuura Qulqulluu, akka wobi'ii taasisee ka nuuf kenne isa.
23
An gara Qorontoosii deebi'ee waayee dhufuu dhabeef isin akka hin gaddisiifnneef, garaa isinii laafu'uun, kanaaf'llee Waaqinni ragaa kiyya.
24
Isin amantii keessaniin worra dhaabattan waan taataniif, isin akka gammadaniif isin woliin ni hojjanna malee, amantii keesantti isin hin ajajinnu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13