bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 5
2 Corinthians 5
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Kun akka dukkaanaa ka yeroo ka ta'e foon keenna ka lafaa yoo diigamu, harka namaatiin uduu hin ta'in Waaqaan ka ijaarame mana jireennaa ka bara baraa sami'itti akka qabnnu, ni beekinna.
2
Qaama sami'ii uffachuu hawwu'uun, ni tataafanna.
3
Isa'llee yoo uffannu qullaa keenna taanee hin arggaminnu.
4
Kana ka akka dukkaanii biyya lafaa ta'e foon keenna keessa yoo jiraannu nutti ulffaatee ni woyanna, ka woyyannu'llee duuti jireennaan akka jijjiiramu, qaama sami'ii caala'atti akka uffanuuf malee, foon keenna ka biyya lafaa kana irraa fooyamu'uuf, barbaadu'uunii miti.
5
Waan kanaaf'llee ka nu qopheesse Waaqa, sanii oltti'llee waan nuuf kennu maraaf wobii akka nuuf ta'u, Hafuura isaa ka nu kenne'llee isa.
6
Qaama keenna ka biyya lafaatiin haga yeroo jiruu titti Gooftaa irraa ka fagaanne ta'uu keenna yoma beekinne'llee, yeroo mara isaan ni abiddanna.
7
Nu'u ka jiraannu'llee Gooftaa amanu'uun malee, isa laalu'uunii miti.
8
Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna.
9
Foon keenna kana woliin yoo taane'llee yookiin isa irraa yoo fooyaminne'llee, kaayyoon keenna Gooftaa gammachiisu'u.
10
Tokkoon tokkoon jireenna isaa ka biyya lafaa titti waan raawwate hamaa ta'ee mishaaf'llee akkaataa hujii isaatiin gatii isaa fudhachu'uuf, marri keennaa murti'iif teessoo Kristosii duranatti, dhiyaachuu ni qabnna.
11
Gooftaa sodaachuun maal ta'uu isaa waan beekinuuf namoota ni hubachiifnna, nu'u maal ta'uu keenna'llee Waaqinni ni beeka, isin'llee onnee teessanitti maal ta'uu keessan akka beekittan abddii ni taasisa.
12
Ka onnee jiruun uduu hin ta'in waan mulidhatuun worri dhaadataniif deebii kennuu akka dandeettaniif, nu'uun akka dhaadattaniif carraa isiniif ni kennina malee, deebinee nu'u isiniif mataa keenna hin galateesinu.
13
Maraattota yoo taane Waaqaaf jenneeti, worra sammuu qaban yoo taane'llee, isiniif jenneeti.
14
Yeroo tokko Kristos maraafuu du'uu isaatii fi akkuma kana marrinuuu qoodamtoota du'a isaa ta'uu waan hubanneef, jaalalli Kristosii huji'iif nu ni dirqisiisa.
15
Lubbu'uun ka jiran marrinuu isaanii ka du'ee fi du'aa'llee ka ka'eef akka jiraataniif malee, ammaa achitti mataa isaaniitiif jedhanii akka hin jiraanneef, Kristos maraafuu ni du'e.
16
Ammaa achitti nu'u nama kamiinuu laalcha isaa ka fooniitiin hin laallu, kanaan durana Kristosiin'llee ka laaleen akka nama kamiituu laalcha fooniitiin yoo ta'e, ufi duranaaf garuu kana hin raawwannu.
17
Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira.
18
Kun marri'llee ka ta'e nu mataa isaa woliin karaa Kristositiin ka nu araarise tajaajilallee ka nuuf kenne Waaqaan.
19
Kun'llee Waaqinni karaa Kristositiin namoota biyya lafaa mara mataa isaa woliin ni araarsse jechu'u, balleessaa isaanii'llee isaanitti hin lakkoofnne, nu'uuf'llee nama Goofta'aan woliin ka ittiin araarssinu dubbii isaa nuuf ni kenne.
20
Waaqinni namoota karaa keennaan waan waamuuf nu bakka bu'oota Kristositi, kanaaf, «Waaqaan woliin araaramaa!» jennee, maqaa Kristositiin isin ni kadhanna.
21
Nu'u Kristosiin qoodamtoota qulqullaayota Waaqaa akka taanuuf, Waaqinni ka cubbuu hin qabnne Kristosiin, cubbuu keenna akka baadhatu ni taasiseen.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13