bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 6
2 Corinthians 6
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
1
Waaqaan woliin worra hojjannu akka ta'uu keennaa titti kennaa isaa ka bilisaan hin hanbbisinaa jennee, isin ni kadhanna.
2
Waaqinni, «Yeroo mijaayaa ta'etti si ni dhagaye! guyyaa fayyinaa titti si ni gargaare!» waan jedhuuf, «Kunoo yeroon mijaayaa ta'e amma, guyyaan itti fayyamu'llee amma.»
3
Tajaajilli keenna akka hin ashaminneef woma tokkoonuu eennuuf'llee, gufannaa hin taanu.
4
Kana irra rakkoo rakkinnaa fi sarddama'llee obissa'aa akka tajaajilttoota Waaqaa titti, karama kamiinuu mataa keenna ni dhiyeesina.
5
Tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keenna ka ibisinu'llee dhaanamu'uun, hidhamu'uun, nagaya dhabu'uun, huji'iin dadhabu'uun, hirriba dhabu'uu fi beelayu'uun.
6
Akkuma kana qulqullumma'aan, beekkomisaan, obissaan, mishumma'aan, Hafuura Qulqullu'uun eemaramu'uu fi jaalala fakkeesitummaa hin qabnneen,
7
dubbii dhuga'aatii fi huminna Waaqaatiin. Ittiin midha'aa fi ta'ee meshaan ittiin ufi irraa ittiin ittisaa'llee qulqullaayumma'a,
8
ulfinnaaf yookiin salphinnaaf, gilndifamu'uuf yookiin galateeffamu'uuf nu'u ka qophoofnne, dhugaaleyyii yoo taanu sobddoota ni jedhamnne.
9
Ka beekkaminne yoo taanu, akka waan hin beekkaminii taanee, du'anii jiran yoo jedhamnnu, jiraattota taanee ni argaminna, yoma dhaanaminu'llee hin ajjeefaminne.
10
Gaddi yoo nurra gayu'llee yeroo maraa ni gammadinna, hiyyeeyyii taanee uduu jirru, baayi'eewwan dureessota ni taasfnna, womaayuu ka hin qabnne yoo taanu, waan maraa ni qabnna.
11
Isin yaa namoota Qorontoosiin jiraattan! Kunoo, ifaan isinitti dubbannee jirra, onnee teenna'llee baldhinnaan isiniif bannee jirra.
12
Isinittu jaalala keessan nu dhoogate malee, nu'u isin hin dhooganne.
13
Akkuma Abbaan ijoollee isaa titti dubbatu haa dubbadhuutii, nu'u onnee teenna baldhinnaan bannee akkuma fedhii keenna isiniif ibisinetti, isin'llee akkuma kana raawwadhaa.
14
Haala hin mijoofnneen namoota hin amanneen woliin wolitti hin makaminaa, qulqullaayinnaa fi cubbuun attamitti woliin hirmmaachu'uuf danda'an ree? Ifaa fi dukanni attamitti woliin jiraachu'uuf danda'an ree?
15
Kristosii fi daabiloos attamitti woliigaluuf danda'an ree? Ka amanuu fi ka hin amanne hoo woliigaltee maal qabaachuu danda'an ree?
16
Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati.
17
Dabalee'llee Gooftaan akkana jedhee jira, «Isaan jiddu'uu fooyama'aatii bayaa, waan battii ta'e'llee hin tuqinaa, ani'llee isin ufitti ni fudhadha,
18
Ani abbaa keessan ni ta'a, isin'llee ijoollee tiyya ka dhiiraatii fi ta dubaraa ni taatan, jedha, Waaqinni maraa danda'u.»
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13