bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 7
2 Corinthians 7
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Eegaa yaa obboleeyyan, abddiin kun marrinuu ka kenname nu'uf waan ta'eef, Hafuura waan batteessu waanuma kamiin irraayyuu, mataa keenna haa qulqulleessinuu, Waaqa'llee sodaachu'uun qulqullaayomnni muda maleessa akka ta'u haa taasfnnu.
2
Onnee teessaniin ufitti nu fudhadhaa, nu'u eennuun'llee gadi hin qabnne, eennuun'llee hin miine, eenuun'llee itti fayyadama keennaaf hin taasfnneen.
3
Kana'llee ka jedhuuf isin irratti murteesu'uufii miti. Akkuma asiin durana isinitti hime, isin onnee keenna keessa jirttan, kanaaf jireennaan ta'ee du'aan'llee, yeroo maraa isin irraa hin fooyaminnu.
4
Amanitiin isin irratti qabu ol aana'aa, dhaaduun isin irratti qabu'llee gudda'a, isiniin'llee ni jajabaadha, rakkinna keenna maraan'llee haalaan ni gammada.
5
Yeroma Maqedooniyaa geennettuu kallattii baayi'e'een rakkinnatu nurra gaye malee boqannaa woyiituu hin arganne, alaan wol dhaba, keessan'llee soda'atu nutti jira ture.
6
Garuu Waaqinni worra salphatan jajabeessu, dhufaatii Tiitoosiitiin nu ni jajabeesse.
7
Ka jajabaanne'llee dhufaatii isaa qofaan uduu hin ta'in, isin ka isa jajabeestaniin ta'uu keessa dhagayuu keenna dabalu'uun'lle'e, yaadayuun waayee keennaaf qabddan, gaddaa fi sarddama'llee yeroo nutti himetti, caala'atti ni gammanne.
8
Asiin durana ergaan isiniif barreesse ka isin gaddisiise yoma ta'e'llee, ergicha barreessuu kiyyaan hin gaabbu, gaddee yoma jiraadhe'llee waan ergaan kiyya yeroo muraasaaf isin gaddisiiseef.
9
Amma garuu gammadee jira, sababaan ittiin gammadeef'llee waayee isin hin gaddisiiseef uduu hin ta'in, sababaa gadda keessaniitiin dhiifamaan gara Waaqaa deebitanii jijjiiramuu keessaniin, eegaa gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan ta'eef, nu'u womaa isin hin miine jechu'u.
10
Gaddi akka fedhii Waaqaa ta'u gara fayyinaa titti ka eemaru, jijjiirraa dhiifamaan cubbu'uutiin argamu waan argamisiisuuf, gaabbii itti hin aanssu, gaddi biyya lafaa garuu du'a ni fida,
11
Gaddi keessan kun fedhii Waaqaatiin ta'uun isaa, deebii ittisaa ka attam ta'e kennuu isaa, attam dadafaan dallanuu, sodaa attam jiru, yaaduu attam jiru fi hinaaffaa attam jiru, adabbii attam jiru'llee akka itti hin aansineef qalbbi'iin hubadhaa. Isin ammoo waan maraanuu dhimmicha irraa bilisa ta'uu keessan, rageesisiifttanii jirttan.
12
Kanaaf yoma isiniif barreesse'llee ani isinii ka barreesse hisanni isin nu'uuf qabddan, Waaqa duranatti isiniif ifa akka ta'uuf jedheeti malee, waayee nama balleessaa hojjateetii fi waayee nama miidhaan isa irratti raawwatameetiif jedheetii miti.
13
Jajabaachuu keennaa alatti'llee gammachuu Tiitoos argateen caala'atti gammannee jirra, ka gammanne'llee marri keessanuu Tiitoosiin waan jajabeesitaniinii fi hafuura isaa'llee waan boqachiifttaniif.
14
Dhaaduu isiniin ni qaba ture Tiitoostti himee jira ture, isin'llee ana hin saalfachiifnne, yeroo maraa dhugaa isinitti ni hima ture, kun'llee waayee keessaniif dhaaduun Tiitoostti himnne, dhugaa ta'uu isaatiin mirkanaayee jira.
15
Marri keessanuu ajajamoota akka taatanii fi soda'aa fi hollataan'llee akka isa ufitti fudhattaniin Tiitoos yoo yaadatu, jaalalitti inni isiniif qabu haalaan ol aanaa ta'ee jira.
16
Ani'llee karaa maraanuu isin abddii taasfachuu danda'uu kiyyaan, caala'atti gammadee jira.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13