bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 3
2 Corinthians 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
1
Deebinee mataa keenna galateeffachuu jala ni qabnna ree? Yookiin tokko tokko akka raawwatanitti isiniif isin irraa xalayaa garggaarsaa nu barbaachisa ta'inna laata?
2
Naminni marrinuu ka isin beekuu fi ka isin dubbisu onnee keennatti ka barreeffamittan, xalayaawwan keenna ka irkisaa isin.
3
Isin hoo tajaajila keennaan ka dhufttan ergaa Kristosii ta'uun keessan ifa, ergaan kun'llee ka barreeffame Hafuura Waaqa jiraata'aatiin malee hallu'uunii miti, akkuma kana gabatee onnee namaa irratti malee, gabatee dhaga'aa irratti ka barreeffamee miti.
4
Kana'llee waayeen jennuuf karaa Kristositiin Waaqaa irratti amantii waan qabnnuuf.
5
Tajaajila keenna raawwachu'uuf akka dandeennu gayaa ka nu taasisu Waaqaa malee, nu mataa keennatti womaayyuu raawwachu'uuf, gaya'aa miti.
6
Tajaajilttoota waadaa haarawaa akka taanuuf gaye'eessummaa ka nuuf kenne isa, kun'llee Seera qube'een barreeffameen uduu hin ta'in gargaarssa Hafuura Qulqullu'uutiin, Seerri qube'een barreeffame du'a ni fida, Hafuurri Qulqulluun garuu jireenna ni kenna.
7
Seerri ka bocame gabatee dhaga'aa irratti qube'een ture, Seerri yeroo kennametti'llee ifin ni jira ture dhabamisiifama'aa ka deemu yoo ta'e'llee, Israa'eeloonni fuula Muse'ee guutatanii laalu'unii hin danda'an, eegaa seerri du'a fide ulfinna bifa akkanaatiin yoo muldhate,
8
eegaa, karaa Hafuura Qulqullu'uutiin tajaajilli argamu ulfinna caalaa ta'e hin qabaatuu ree?
9
Tajaajilli namoonni ittiin cubbifaman ulfinna hagana gayu eega qabaate, tajaajilli namoonni ittiin qulqullaayan ammoo attam ulfinna haalaan caalu hin qabaannee?
10
Ulfinni maa'ii irraa haalaan ol aanaa ta'uu irraa ka hafe'een, ulfinni dabrre womaayyuu akka hin qabaannetti ni lakkaayama.
11
Ka dimimisi'aa ni deema ture sun ulfinna hagana mara gayu ni qaba eega ture, bara baraaf jabaatee wonitti jiraatu hoo, attamitti haalaan caala'atti ulfinna hin qabaanne!
12
Abddii akkanaa kana waan qabnnuuf uggiinsaan ni dubbanna.
13
Museen'llee dhaama'aa ka deemu calaqisuun fuula isaa haga dhabamisiifamutti, Israa'eeloonni akka isa hin argineef fuula isaa titti ni haguugata ture, nu'u garuu akka isaatii miti.
14
Onneen isaan dhugama hadoodee jira, haga adhaa titti'llee kitaaba waadaa duraanii yoo dubbisan, onneen isaanii waanuma isatti haguuganiin haguugeffamee jira. Kun'llee ka ta'u haguuggiin sun ka dhabamisiifamu Kristos qofaan waan ta'eef.
15
Yoma adha'llee ta'e kitaabban seeraa akkuma dubbisaniin onneen isaanii haguuggi'iin ni haguuggama.
16
Garuu naminni gara Goofta'aa yeroo deebi'u, «Haguuggiin isaa ni dhabamisiifama.»
17
Gooftaan Hafuura, Hafuurri Goofta'aa bakka jirutti'llee bilisummaan ni jira.
18
Nu'u marri keennaa fuula hin haguuggaminiin taanee akka waan daawi'ite'een laalamu'uu titti, ulfinna Goofta'aa ni calaqisiifnna, hafuura keenna'llee ka ta'e bifa Goofta'aa fakkaachu'uuf, ulfinnaa gara ulfinnaa titti ni jijjiiraminna.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13