bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 12
2 Corinthians 12
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
1
Yoma dhaadachu'uun faayiidaan ka hin argaminne ta'e'llee dhaadachuu yoo barbaachise, muldhataa fi waan Gooftaan yaada kiyya keessa naa ibiseen ni dhaadadha.
2
Ka Kristosii ka ta'e nama tokko ni beeka, naminni kun woggaa kudha afuriin duranatti haga samii sadaffaa titti ni fudhatame, ka fudhatame'llee foon isaa woliin haa ta'uu yookiin hin ta'inii isaa hin beeku, Waaqinni ni beeka.
3
Garuu naminni kun gara jaayinataa akka fudhatame ni beeka, garuu foon isaa woliin haa ta'uu yookiin hin ta'inii hin beeku, Waaqinni ni beeka,
4
inni'llee gara jaayinataa butamee jecha namaatiin'llee ibisamu'uu fi naminni'llee dubbatamuu hin dandeenne, ni dhagaye.
5
Nama akkanaa kanaan ni dhaadadha, waayee mataa kiyyaa garuu dadhabaa ta'uu kiyyaan alatti, waan ittiin dhaadadhu hin jiru.
6
Eegaa, ani dhugaa waan dubbaduuf dhaadachuu yoo barbaade'llee gowwaa hin ta'u, garuu eennu'llee ana irratti ka arguu fi ani'llee ka dhagayuu olitti, tilmaama akka hin kennamnneef jedhee, dhaadachuu irraa ufi ni qusadha.
7
Kanniin wonittoota ol aanota natti mulidhatan irraa ka ka'een akka ufi hin dhaadinnef, foon kiyya akka qore'ee titti ka woraanu makkaraarnni naaf ni kenname, kun'llee barataa sheexanaa ta'u'uun ana gad qabee makkaraarssu'uun, akka ani ufi hin dhaadinne ana taasisa.
8
Kun wonitti ana makkaraarssu ana irraa akka dhabamisiifamu'uuf, Gooftaa yeroo sadihi ni kadhadheen.
9
Inni garuu, «Huminni kiyya muda maleessa ta'ee ka mulidhatu dadhaba keetiin waan ta'eef, kennaan kiyya ka bilisaa si gaya» naan jedhe, kanaaf huminni Kristosii ana irratti akka ta'uuf yeroo kamiinuu irra dadhabaa ta'uu kiyyaan gammada'aa, ufi dhaadu'uuf ni jaaladha.
10
Huminna ka argamu dadhabaa yeroo ta'utti waan ta'eef waayee Kristositiif yoo dadhabu, yoo arrabssamu, yoo rakkadhu, yoo ari'atamuu fi yoo sarddamu ni gammada.
11
Akka gowwa'aa ni dubbadhe! Eegaa, akkanatti akka dubbadhu ka ana taasfttan isin, ana galateeffachuu ka qabddan isin turttan, ani nama eennummaan kiyya ka hin beekkaminne yoma ta'e'llee, ergamittoota ol aanttota jedhaman womaanuu hin hanqadhu.
12
Ani ergatamaa dhuga'aa ta'uu kiyya wonittoonni hubachiisan yeroo jidduu keessan jirutti, hujiiwwan ani obissaan raawwadhe, malikatoonni sunniinii fi wonittoonni maalale'ee baasota'llee.
13
Isin irratti ba'aa uduu hin ta'in hafuu kiyyaan alatti woldaya kristaanotaa kaanniinii gadi, wonitti isin irraa dhidhise taasise maali'i? Kun'llee balleessaa ta'ee yoo ka lakkaayamuu dhiifama naa taasisaa!
14
Gara keessan dhufu'uuf yeroo qophaayu amma sadaffaa kiyya, ani ba'aa isinitti ta'uuf hin barbaadu, ani ka barbaadu isin malee qarshii keessanii miti. Ijoollee isaaniitiif qabeenna kuusuu ka qaban isin maati'i malee, ijoolle'ee maati'i.
15
Waayee keessaniif qabeenna kiyya dhiisii mataa kiyya'llee dabarssee uduu kennee, haalaan ni gammada, eegaa ani hagana mara baayi'isee yoo isin jaaladhu, isin ka ana jaalattan akkuma kana muraasaan moo?
16
San ta'ee kana ba'aa isinitti hin taa'u, haa ta'u malee dabaa fi sossobu'uun, ka isin qabe isinitti ni fakkaata.
17
Karama namoota isinii erge tokkootiinuu isinitti fayyadamee jiraa ree?
18
Tiitoos gara keessan akka dhufuuf ni kadhadheen, obboleessa keenna san'llee isaan woliin ergeenii jira, eegaa, Tiitoos isinitti ni fayyadamee ree? Anaa fi inni ka isin tajaajille hafuura tokkoon hin turree ree? Adeemissi keenna hoo tokko hin turree ree?
19
Marri keessanuu haga ammaa titti ka yaadan nu'u isin duranatti waayee mataa keennaatiif akka waan ufi irraa ittifata taasfttaniiti moo? Nu Kristosiin taanee ka dubbannu Waaqa duranatti, Yaa waaheloota! Nu'u kana maraa ka dubbannu isin ijaaru'uuf jenneeti.
20
Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha.
21
Deebi'ee gara keessan yoo dhufu Waaqinni kiyya yookiin isin duranatti ana ni salphisa jedhee ni sodaadha, asiin durana cubbuu hojjatanii battummaa raawwatan kanaan, sagaagalaa fi gad dhiifammummaan waayee namoota gara Waaqaa hin deebi'iniitiif, gadda irratti ni kufa jedhee ni sodaadha.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13