bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 4
2 Corinthians 4
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Waaqinni dhiifama isaatiin tajaajila kana waan nuuf kenneef abddii hin kutannu.
2
Dhoffama'aa fi saalfachiisaa waan ta'e dhabamisiifnnee jira, dabaan'llee hin hojjannu, dubbii Waaqaa'llee hin jijjiirru, irra caalaa dhugaa ifaan ni muldhifnna, mataa keenna'llee sammuu nama maraatiif Waaqa duranatti ifa ni taasfnna.
3
Dubbiin wongeela ka barsiifnne'llee yookiin ka dhokate yoo ta'e, ka dhokate'llee worra badaniif.
4
Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise.
5
Nu'u ka barsiifnnu Yesus Kristos Gooftaa ta'uu isaatii fi nu'u mataan keennaa waayee Yesusiitiif tajaajilttoota keessan ta'uu keenna malee, waayee mataa keennaa hin lallabnnu.
6
«Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise.
7
Garuu kun huminni maraayyuu caalu ka Waaqaati malee keenna ta'uu dhabuun isaa akka beekkamuuf, waan ulfaataa kana akka meeshaa faaraa taanee qabanneenii jirra.
8
Kallattima maraan rakkinni nurra ni gaya garuu hin injifataminnu, yeroo baayi'ee dubbiin bitaa nutti ni ta'a, garuu abddii hin kutannu,
9
diinonni nu ni ari'atan, garuu waahellan dhabnnee hin beekinnu, dhayaminnee ni kufnna, garuu hin duunu,
10
jireenni Yesusii qaama keenna irratti akka muldhatu du'a Yesusiin irra gaye, qaama keenna irratti'llee yeroo mara, baannee ni naannofnna.
11
Jireenni Yesusii qaama keenna du'aa irratti muldhachu'uuf akka danda'uuf, nu'u jiraattonni yeroo maraa waayee Yesusiitiif yeroo mara, du'aaf dabarffamnnee ni kennamnna.
12
Kanaaf nu dedeebinee du'aaf yoo saaxilaminnu, isin garuu jireennaaf ni saaxilamittan.
13
Haa ta'u malee, «Amane, kanaaf dubbadhe» jedhamee, akkuma barreeffame, nu'llee hafuuruma amanti'ii tokko sun waan qabnnuuf ni amanna, kanaaf'llee ni dubbanna.
14
Gooftaa Yesusiin Waaqinni du'aa kaaseen nu'llee Yesusiin woliin akka nu kaasuu fi isiniin woliin'llee, fuundura isaa titti akka nu dhiyeessu ni beekinna.
15
Kun marrinuu faayiddaa keessaniif ka ta'e kennaan isaa ka bilisaa ka irraa hafee haguma namoota baayi'eef gayeetiin, galanni ulfinna Waaqaatiif ta'u akka baayi'atuuf.
16
Kanaaf abddii hin kutannu, yoma qaaminni keenna ka duubaa bade'llee, qaaminni keenna ka keessaa guyyama guyya'aan ni haareffama.
17
Kun'llee salpha'aa fi ka yeroo ka ta'e rakkinni keenna, ka haga hin qabnne haalaan ol aanaa ka ta'e ulfinna bara baraaf, nu'uuf ni argamisiisa.
18
Nu'u ka eegganu waan hin muldhanne malee ka muldhatuu miti, wonitti muldhatu ka yero'ooti, ka hin muldhanne garuu ka bara baraati.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13