bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 10
2 Corinthians 10
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Ani Phaawulos isin durana yeroo jirutti gara laafessa ni jedhame, isin irraa yeroo fagaadhu garuu isin irratti uggaa ni jedhame, arjjummaa Kristositii fi mishummaa isaatiin isin ni kadhadha,
2
ka isin kadhadhu'llee gara keessan yeroo dhufutti uggiinsaan akka dubbadhu akka ana taasfttaniif, yaada fooniitiin akka yeroo dedeebinuu taasisanii worra tilmaaman namoota tokko tokko duranatti garuu, uggiinsaan dubbachu'uuf ni barbaada.
3
Yoma biyya lafaa irra jiradhe'llee, loli lolu ka biyya lafaatii miti.
4
Meeshaawwan keenna ka lolaa'llee kushee diigu'uuf ka dandeesisu, huminna Waaqumma'aa ka qaban malee, meeshaawwan woraanaa ka biyya lafaatii miti.
5
Waaqa beekuu irratti gufuu ta'anii worroota ka'an mormma'aa fi ufi tuulummaa ni diiginna, yaada namootaa mara'llee booji'aa Kristosiif akka ajajaman ni taasfnna.
6
Ajajaminni keessan muda maleessa yoo ta'u, ajajamuu dhabuu kamiinuu adabu'uuf qophaayota ni taana.
7
Isin ka laalttan waan alatti muldhatu qofa, naminni kumi'llee ani ka Kristositi jedhee ufitti yoo amane irra deebi'ee itti haa yaadu, nu'llee akkuma isaa ka Kristosii ta'uu keenna haa hubatu.
8
Waayee aangoo Gooftaan nuuf kenneetiif haalaan yoo dhaadadhe'llee itti hin saalfadhu, aangoon kun ka nuuf kennameef isin ijaaru'uuf malee, diigu'uufii miti.
9
Ergaa kiyyaan waan isin sodaachisu isinitti hin fakkaatin.
10
Yookiin, «Tokko tokko ergamoota Phaawulosii ulffaattotaa fi cicimootaa fi inni mataan ka dhiban, inni mataan isaa nu woliin yoo ta'e garuu dadhaba'a, haasofnni isaa'llee ka tuffatame» ni jedhan ta'a.
11
Namoonni kana jedhan nu'u fagoo taanee ergaawwan keennaan ka barreessinuu fi dhiyeennatti'llee isin woliin taanee hujii hojjannu jidduu, garaa garummaan woyiituu ka hin jiraanne ta'uu haa hubatan.
12
Haa ta'u malee mataa isaanii ka galatoomiffatan namoota tokko tokko woliin mataa keenna wol dorgomssiisuu yookiin mataa keenna'llee wol biratti laalu'uuf hin ugginu, isaan garuu mataa isaanii mataa isaaniitiin wol biratti madaalu'uu fi mataa isaanii'llee mataa isaanii woliin wol dorgomsiisuu isaaniitiin, hubattootaa miti.
13
Nu'u garuu haguma keessan'llee haga geennutti kutaa huji'ii ka Waaqinni nuuf kenneen ni dhaadanna malee, hagaa olitti ka ufi tuulluu miti.
14
Isin'llee ka jirttan naannoo hujii keennaa keessa waan ta'eef wongeela Kristosii barsiisu'uuf gara keessan yeroo dhufnnetti, naannoo san hin dabarre.
15
Kanaaf naannoo Waaqinni nu'uuf murteesse irra dabarree hujii kaanniiniitiin haga malee hin dhaadannu, kana irra amantiin keessan akka guddatuu fi hujiin keenna'llee naannoo Waaqinni nuuf murteesse keessatti caala'atti akka babaldhatuuf, abddii ni taasfnna.
16
Eegaa naannoo hujii nama bira'aa keessa aseennee hujii durssee hojjatameen uduu hin dhaadatin, biyyoota isinii achi jiranitti dubbii gammachu'uu lallabuu ni dandeenna.
17
Garuu, «Ka dhaadatu Goofta'aan haa dhaadatu.»
18
Naminni galateeffamu'uuf ka gayu Gooftaan yoo isa galateeffate malee, mataa isaatii mataa isaa yoo galateeffatee miti.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13