bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 8
2 Corinthians 8
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Yaa obboleeyyan! Kennaa bilisaa ka Waaqinni woldayoota kristaanota Maqedooniyaa jiraniif kenne, akka beekitaniif ni barbaanna.
2
Isaan rakkinnaa baayi'e'een qormaatamanii jiran, haa ta'u malee gammachuun isaanii ol aanaa ni ture, haalaan hiyyeeyyii yoma ta'ani'llee, arjooma ol aanaa raawwatanii jiran.
3
Haga danda'anii fi haga isaaniif danda'amuu fi haga danda'amuu oltti'llee fedha isaaniitiin akka kennan, ani isaaniif ragaa ni baya.
4
Kristaanonni Yihudaa jiran carraan gargaaru'uu akka isaan hin dhoogamnneef'llee, cimisanii nu ni kadhatan,
5
wonitti isaan raawwatan ka nu eeginnee olitti, jalqaba mataa isaanii Goofta'aaf ni kennan, itti aanssanii'llee Waaqa duranatti fedhii mataa isaaniitiin mataa isaanii nu'uuf kennanii jiran.
6
Hujii kana durssee ka jalaqabe Tiitoosiin waan tureef amma'llee hujima arjoomaa keessan kana gara muumme'eetiin akka gayuuf, isuma kadhadhaanii jira.
7
Isin amanti'iin, haasayaan, beekkomisaan, hisataan, jaalala nu'uuf'llee qabddanii fi waan maraanuu ni caalttan, hujii arjoomaa kanaan'llee akka caalttan haa ta'u.
8
Eegaa kana ka isiniin jedhu isin ajaju'uunii miti, garuu hisata kenna'aa ka kaanniinii isiniin woliin wol biratti laalu'uun jaalalli keessan dhugaalessa ta'uu mirkaneessu'uuf jedheeti.
9
Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e.
10
Dhimma kanaan isiniif mishaa ta'ee ka natti mulidhate gorssa isiniif ni kenna, woggaa dabrre kennuu qofaaf uduu hin ta'in kana raawwachu'uuf jalqaba, ka barbaaddan isin turttan.
11
Kanaaf kennu'uuf eeyamummaa keessan hujii irra oolee gara muumme'ee akka gayuuf, huminna haga qabdaniitiin waan yaaddan ammuma raawwadhaa.
12
Kennu'uuf fedhiin misha'aan yoo jiraate arjoominni namaa fudhatama ka argatu, haga qabuun yoo kenne malee haga hin qabnneen yoo kenneenii miti.
13
Kana'llee yoo jedhu marri keessanuu wol qixa akka taataniif malee, isin kennu'uun yoo rakkattan kuunniin akka boqataniifii jedheetii miti.
14
Isin yeroo rakkattaniiti qabeenni isaanii rakkinna keessaniif akkuma oole amma qabeenni keessan rakkinna isaaniitiif haa oolu, bifa kanaan jidduu keessan wol qixxummaan ni jiraata.
15
Kun'llee, «Baayi'ee ka wolitti qabe hin hafinneef, shiikkoo wolitti ka qabee'llee jalaa hin dhidhanne» jedhamee akkuma barreeffame.
16
Haga ani isiniif yaadu Tiitoos'llee isiniif onne'een akka yaadu, Waaqinni taasise haa galatoomu.
17
Tiitoos gara keessan ka dhufe fedhuma mataa isaatiin kaka'ee gammachu'uun malee, nu'u waan isa kadhanne qofaafii miti.
18
Lallaba isaa ka wongeelaatiin woldayoota amanti'ii maratti obboleessa galateeffatame, isaan woliin ni ergina.
19
Kanaa oltti'llee obboleessi kun nu'u hujii bayeessa kana ulfinna Goofta'aatiif yoo raawwannuu fi tajaajilu'uuf hawwii mishaa qabnnu yoo ibisinu nu woliin deemu'uun, qoodamaa hujii keenna akka ta'uuf, woldayoota krirstaanaatiin ka filatame.
20
Qarshii arjoomaan kenname kana'llee yoo bulchinu, ashaan woyiituu akka nurra hin geenneef, ufi eegganna ni taasfnna.
21
Kaayyoon keenna Gooftaa durana qofatti uduu hin ta'in, namoota duranatti'llee waan mishaa ta'e raawwachu'u.
22
Yeroo baayi'ee karaa baayi'een qoratamee hisataa ta'ee ka argame obboleessa keenna Tiitoosiin woliin ka ergineef'llee waayee kanaan, inni amantiin isin irratti qabu guddaa waan ta'eef, amma hujii kanaan gargaaru'uuf hisanni inni qabu, ka yeroo kamiinuu caalu.
23
Waayee Tiitoosii beekuu yoo barbaachise isin garggaaru'uun ka ana woliin hojjatu waahelli hujii kiyyaati, isaan woliin waayee worra dhufan obboleeyyan bira'aa yoo ta'e, isaan ulfinna bakka bu'oota woldaya amanti'iitiif ka dhaabatan.
24
Kanaaf jaalala keessan isaaniif ibisaa, bifa kanaan jaalala keessan fi dhaadannoon isin irratti qabnnu, tasa ta'uu dhabuu isaa woldayoota kristaanotaa marattuu ni muldhifttan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13