bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 2
2 Corinthians 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Eegaa akka isin hin gaddisiifneef yaadu'uun laalchaaf gara keessan deebi'ee akka hin dhufinneef, murtii dhugaa ta'e ni taasise.
2
Yoma isin'llee gaddisiise'llee ka isin gaddisiise, isin malee ana ka gammachiisu eennu?
3
Akkasitti ka isiniif barreesse gara keessan yoo dhufutti, namoota gammachiisuu qaban, akka ana hin gaddisiifnneef jedheeti, gammachuun kiyya gammachuu keessan maraa ta'uu isaa ni amana.
4
Gadda gudda'aa fi sarddama onne'eetiin, imimmaan baayi'een'llee ta'ee ka isiniif barreesse, haalaan ka isin jaaladhu ta'uu kiyya akka beekittaniif jedheeti malee, isin gaddisiisu'uuf jedheetii miti.
5
Nama ka gaddisiise eennu'llee yoo jiraate ka gaddisiise ana uduu hin ta'in, balleessaa isaa ol guddisu'uun natti hin ta'in malee, gara bira'aatiin isin keessaa baayi'eewwan gaddisiisee jira.
6
Nama akkanaa kanaaf isin keessaa adabbiin baayi'eewwan itti murteessan ni gayaan.
7
Kanaaf naminni kun haalaan gadduu irraa ka ka'een abddii akka hin kutanneef, kana irra dhiifama akka isaa taasfttanii fi akka jajabeessitaniin ni mala.
8
Akkuma kana isa ka jaalattan ta'uu keessan deebitanii akka mirkaneestaniif, isin ni kadhadha.
9
Ergaa san'llee isiniif ka barreesse qormaatamittanii waan maraanuu ajajamittoota ta'uu keessan, hubachu'uuf jedheeti.
10
Nama isin dhiifama taasfttaniif ani'llee dhiifama ni taasisaaf, dhiifaminni ani taasisuuf yoo jiraate, ani Kristosiin duranatti dhiifama ka isaa taasisuuf waayee keessaniif jedheeti.
11
Kana'llee ka raawwadhu hujii sheexanaa ka dabaa waan beekinuuf, akka Sheexanni nu hin sobinneef jedheeti.
12
Kanaan duubatti wongeela Kristosii barsiisu'uuf gara Xiro'aasii yeroo deemutti, Gooftaan balbala baldhaa huji'ii naaf banee ture,
13
garuu obboleessa kiyya Tiitoosiin waan hin argatiniif, qalbbiin tiyya hin boqanne, kanaaf kristaanota achi jirantti nagaya dhaamee, gara Maqedooniya'aa ni deeme.
14
Garuu ka nu yeroo maraa Kristosiin injifattoota taasisee nu eemaru'uu fi akka shittoo dibataa ka foolii mishaa qabuu titti, beekkomissa waayee Kristositiif qabnnu bakka maraa akka geessinu, ka nu taasisu Waaqa nu taasisuuf galanni haa ta'u!
15
Nu'u worra fayyaniif'llee ta'ee worra badaniif akka ixaana foolii mishaa qabuu titti, Kristosiin Waaqaaf ka dhiyaanne.
16
Nu'u tokkoof foolii du'aa ka ajjeesu, ka bira'aatiif jireenna ka kennu foolii jireennaat, eegaa tajaajila kanaaf gayaa ka ta'u eennu?
17
Nu'u dubbii Waaqaa akka worra meeshaa daldalaa gurguranii titti akka baayi'eewwaniitii miti, garuu akka worra Waaqa biraa ergaman akka ergamoota qajeelttotaa, Kristosiin taanee Waaqa duranatti ni dubbanna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13