bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
2 Corinthians 9
2 Corinthians 9
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
1
Kristaanota Yihudaa jiraniitiif waayee buusii raawwatamuu isinii barreessuu hin barbaadu,
2
«Namoonni biyya Akaayiya'aa waggaa dabrree jalaqabanii gargaaru'uuf qophaayota» jedhee, namoota Maqedooniya'aa biratti waayee keessaniin ka dhaadadhu, hisata keessan waan beekuuf, hisanni keessan kaanniin'llee kakaasee jira.
3
Waayee kanaan dhaadannoon isin irraatti qabnnu tasa ta'ee akka hin hafinneef obboleeyyan kanniin ni erga, isin'llee akkuma ani asiin duran jedhetti qophaaya'aatii eegaa.
4
Namoonni Maqedooniya'aa anaan woliin gara keessan dhufanii, ka hin qophaayin taatanii yoo isin argan isiniin dhaadachuu keennaaf ni saalfanna, isin ammoo haalaan ni saalfattan.
5
Kanaaf kennu'uuf waadaa ka aseenttan kennaa keessan ka arjoomaa, durssitanii akka qopheesitan akka isin yaadachiisaniif jechu'uun, obboleeyyan kunniin durssanii gara keessan akka dhufan, barbaachisaa ta'ee argadhee jira. Bifa kanaan yeroo ani dhufutti kennaan keessan ka arjoomaa qophaayaa ni ta'a, isin'llee worri kennitan dirqamaan uduu hin ta'in, fedhi'in ta'uu isaa ni muldhisa.
6
«Muraasa ka facaase callaa muraasa wolitti ni qaba, baayi'ee ka facaase callaa baayi'ee wolitti ni qaba» jecha jedhu, yaadadhaa.
7
Kanaaf Waaqinni ka jaalatu nama gammachu'uun kennu waan ta'eef tokkoon tokkoonuu waan kennuu barbaade, onnee isaa titti eeyyamee gammachu'uun haa kennu malee, shakka'aa yookiin dirqamaan hin kennin.
8
Yeroo maraa waan maraanuu mataa keessan dandeettanii hujii mishaa maraaf oolichu'uuf akka isinii gayu, Waaqinni baayi'innaan eebba isaa isinii kennuu ni danda'a.
9
Kana'llee, «Hiyyeesotaaf arjjoomaan ni kenne, akka qulqullaayomu isaa'llee bara baraaf ni jiraata» jedhamee, akkuma barreeffame.
10
Facaasa'aaf sanyii, nyaataaf buddeena Waaqinni kennu, sanyii facaafttan atootessee isiniif ni kenna, firii arjjoomnni keessan isinii ni baayi'ata.
11
Arjjoomnni keessan karaa keennaan namoonni isaan gayu marrinuu Waaqa akka galateeffataniif, yeroo maraa akka arjjoomittaniif Waaqinni waan maraanuu isin ni duroomissa.
12
Tajaajilli arjjoomaa ka raawwata'aa jirttan kun rakkinna kristaanotaa dhabamsiisu'uun alatti'llee, namoonni Waaqaaf galata baayi'ee akka dhiyeessan isaan ni taasisa.
13
Tajaajilli arjjoomaa keessan kun isin wongeela Kristosii fudhattanii amanamoota ta'uu keessan fi isaaniif kaanniinii'llee arjjoomuu keessan ka mirkaneessu waan ta'eef, marrinuu Waaqa ni galateeffatan.
14
Isaan'llee Waaqinni ka isinii kenne caala'atti, sababa kennaa bilisaatiin waan isin jaalataniif, isinii ni kadhatan.
15
Jecha namaatiin dubbatamu'uuf ka hin danda'aminne, waayee kennaa isaatiif Waaqinni ka galateeffame haa ta'u.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13