bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 1
2 Corinthians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawulos, ka fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoo Yesus ta'e, ammallee obboleessa keenna Ximotwos waliin jira. Gumii Waaqaa ta Qorontos jirtuu fi ta Akaayyaa keessa jirtu cufaa ergaa tana erga;
2
Waaqii Abbaa keennaatiifi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagayaa isanii kenninna!
3
Waaqaa Abbaa Aabboo keenna Yesus Kiristootii, Abbaa naasuu, Waaqaa qarqaarsa akka cufaa namaa kennuu galatii ha ga'uu!
4
Akka nulleen qarqaarsa Waaqaa irraa arganne suniin, dandeennee nama gaargala keessa jiru cufaa qarqaaru, gaargala keenna cufaa keessaatti nu qarqaara.
5
Akkuma gaargala Kiristoo guddaa qoodannee, akkasuma marroo Kiristootiif qarqaarsa isaa guddaallee qoodanna.
6
Nu yo gaargalle, marroo qarqaarsaa fi baafama keessanitiif gaargalla; yo nu qarqaaran isaniillee ya qarqaaran, irree ta isan gaargala akka keennaa obsitaniin isanii kennan.
7
Tanaaf abdiin nu isan abdannu diqqumaallee hinchochoone; akka akkuma gaargala keenna qoodattan, akkasuma qarqaarsa nu argannullee qoodattan nu inbeenna.
8
Obboleeyyaan tiyya, nu gaargala lafa Asiyaa keessaatti nu dhaqabe (nurra ga'e) isan qaabsiisu feena. Bahaan nurra kaayan waan guddoo, ammallee akka mallee nutti ulfaatte, tanaaf nu waan jiraannu ufi hinseene.
9
Waan ijjeechaa nutti muran seene. Wantii kunin ammoo akka nu ufi hin abdannuu ammoo Waaqaa ka nama du'e kaasu abdannuuf taate.
10
Waaqii gaargala du'aa ka akkasii sun la jalaa nu baase, hegeriillee nu baasa; akka innii ammallee nu baasuu nulleen abdii teenna isa irra keeyyanna,
11
akkuma isaniilleen kadhachaa teessaniin nu qarqaaratan; duuba namii hedduun qoonqoo olfudhatee marroo teennaaf galata Waaqaa galacha.
12
Wantii nu ufi guddimnuuf tana; herregii keenna akka dansaa nu beesisa, akka lafa tana keessa, keessuma jiddu teennaa fi teessan, nu garaa tokkoon dhugaa Waaqii nuu kennee fi eebbaa Waaqaatiin teennee, ammoo qalbii namaatiin hinteenne.
13
Nu waan isan dubbichanii hubattan callaa isanii barreessina. Anin akka isan waan ammaatanaa akka dansaa hinhubatin in herregadha
14
hegerii hubattan, akka guyyaa Aabboo Yesus isaniilleen akkuma nu marroo teessaniif ufi guddimnu marroo teennaaf ufi guddiftan.
15
Waan kana akka dansaa beenna, anin akka isan marroo lama eebba argattan, imaltuu gara keessan dhaqu herrege.
16
Akka imaltuu tiyya ta Yihudaa keessaa na qarqaartan, gaafa Maqedooniyaa deemuu fi gaafa galuullee isan irra bahu fedhe.
17
Anin gaafa waan kana herrege waan akka hinjirre tahee? Anin yo wa herregu, akka nama lafaa herregaa? ka “Ee, ee” yokaan “Hiyyoo” fulaa tokkootuu jedhuu?
18
Waaqii ka dhugaati, kakhuun tiyya, “Ee'ee” yokaan “Hiyyoo” jedhee gara keessan gargaggaluuniti.
19
Wantii akkanaatiif Yesus Kiristoon Ilmii Waaqaa ka Silwaanos, naa fi ximotewos isaniitti himnee, “Eetii fi Hiyyo” jennuuniti. Innii “Eeti” Waaqaati;
20
wantii akkaanatiif waan Waaqii kakhate cufa innii, “Ee'ee” jedha. Mar. roo waan kanaatiif marroo Yesus Kiristootiif nu “Ee'e jenne” jennee Waaqaa guddimna.
21
Waaqaatti isan waliin nu jabeessa, jireenna keenna ka Kiristoo keessa; ammallee isumatti biyya irraa kophaa nu baasee,
22
beessisa ufii nurra kaaye, ammallee Hafuura Qulqulloo ufii nuu kenne, akka qabdoo nuu taatu.
23
Anin Waaqaa ka dhugaa tiyyaa yaammadha, innii garaa kiyya inbeeka! Anin akka isan hingaargalchineef Qorontos dhaqu dide.
24
Waan isan dhugeeffachaan jabaataniif nu waan isan dhugeeffachuu maltan isaniitti himuutti hinjiru. Ammoo nu akka gammada argattan isan waliin hojjachuutti jira.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13