bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 2
2 Corinthians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
1
Tanaaf anin waan kana la kutadhee; itti deebi'ee fulaa teessan dhufee isan hinlaaleeffachiisu.
2
Wantii akkanaatiif yo anin isan laaleeffachiisee, warruma anin laaleffachiise sun malee, eennutti na gammachiisa?
3
Mar. roo waan kanaatif anin ergaa tana isanii barreesse, akka yo anin fulaa teessan dhufe, warrii silaa na gammachiisu na hinlaaleffachiimne. Anin akka yo anin gammada qabaadhe isaniilleen gammada argattan inbeeka.
4
Anin garaa hamaan imimmaan guddoo buusee, ergaa isanii barreesse, akka isanii laaleffachiisuuf adoo hinta'in ammoo akka jaalala tiyya guddoo isan garsiisu.
5
Namii tokkolleen yo nama laaleffachiise na hinlaaleffachiimnee isan laaleffachiise; yokaan isan keessaa nama garii laleffachiise, taatuulle dubbii tana oowisuu hinfedhu.
6
Akkii isan namii hedduun nama kana akkana gaargalchitan ingeetti.
7
Isan ammoo amma akka innii guddooo laaleffatee ufi hinjibaanne isaa araaramtanii jabeessuu maltan.
8
Isan akka akka dansaa isa jaalattan isa beessisuu maltan.
9
Mar. roo waan kanaatiif anin ergaa taan isanitti barreessee, isan laalladhee, ammallee akka isan barsiisaa tiyya gula yaatan hubachuu fedhe.
10
Yo isan nama tokkoo araaramtan anilleen isaa ya araarame. Anin yo dhuguma namaa araaramu, marroo tessaniif fuula Kiristoo duraatti araaramaaf,
11
akka Sheexanii nu hindabsanne; wantii akkanaatiif nu maltee isaa inbeenna.
12
Anin oduu dansaa Kiristoo himuuf Xaro'aas bahee jennaan, akka Aabboon karaa hujii naa bane arge.
13
Ammoo waan obboleessa keenna Tiitoos achiitti hinargiiniif guddoo laaleffadhe. Tanaaf anin biyyaan “Nagayaatti” jedhee, Maqedooniyaa dhaqe.
14
Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin! Yo nu karaa Kiristoo keessa jiru, Waaqii yo cufa akka nama Kiristoon booji'ee dabsachaan galchuu nu yaasa. Akka urgaa qayyaa ta fulaa cufa yaatuu, Waaqii nama cufaatti Kiristoo karaa kennaan mullisa.
15
Wantii akkasitiif nu akka urgaa qayyaa ta Kiristoon Waaqaa aarsee, duuba warra baafamuu fi ka baduulleetti aaruu fakkaanna.
16
Warra badu ajaan tun inijjeefti; warra baafamu ammoo urgaan tunin injireessiti. Eentu hujii tana tolchu dandaa ree?
17
Nu akka warra dubbii Waaqaatiin nagaaduu (daldaluu) hinjiru; ammoo marroo Waaqii nu ergeef, akka nama dhugaa, ka hojjataa Kiristoo fuula isaa duraatti dubbanna.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13