bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 10
2 Corinthians 10
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
1
Anin Phaawulos dansoomaa fi garaa laafinna Kiristoosiin jabeessee isan gorsa; gaaf ani isan waliin jiruu, “Diqqoo daafanaa naan” jedhan, ammoo yo anin fagoo jiruu, “Guddoo janna naan” jedhan.
2
Gaafa anin dhufuu akka anin jannooma kiyya sun agarsiisu na hintolchinaa; wantii akkanaatiif anin nama “Isan waan lafa tanaatiif hojjattan” nuun jedhu diqqumaallee hinsodaadhu.
3
Dhugumaa nu lafa tana keessa teenna; ammoo nu marroo waan lafaatiif hinanuu.
4
Mihii nu waan lafa tanaatiin haanu ka lafaatiiniti, ammoo ka jabeenna Waaqaati, ka fulaa jabduu cufa balleessuu danda'u. Nu walmormitii dharaa cufa balleesineetti,
5
waan nu guffachiisaa ka karaa keessa jiraa, ka Waaqaa hubachuu nama dhowaa balleessina; herrega keenna cufa akka innii moohatu Kiristoo kennina.
6
Eegii isan akka nama dhugaa ufi agarsiiftan, nu akka hujii hamtuu cufa balleesinu kurfoo jira.
7
Isan waan cufaa gama alaa laaltan. Eennu namii nama Kiristoo ufi seehu? Namii sun ha ammallee waan ufii herreguutii, wantii akkasitiif nulleen akkuma isaa nama Kiristooti.
8
Anin adoo Jabeenna Aabboon nuu kenne kanaaf diqqoo ufi guddiseellee, diqqoo haganaallee hinceerfadhu, jabeennii kun ka isan jaaruu malee, ka isan balleessuniti.
9
Anin nama ergaa tiyyaan isan sodaachiisu tahuu hinfedhu.
10
Namii garii, “Ergaan Phaawulos guddoo jajjabduu jedha. Innii ammoo yo nu waliin jiru guddo laafaa, dubbiin isaa homaa hinbaatu” jedha.
11
Namii akkanaa kunin, akka dubbiin nu yo fagoo jirru barreessinuu fi ta nu yo dhi'oo jirru dubbannu takkaa, ha hubatuutii.
12
Nu jara ufi guddisuun diqqumaallee dandeennee walbira ufi hinqamnu. Warrii guddoo daalle! Seera ufumaan tolfateetti, duuba seera suniin ufi qora!
13
Nu haga dabarree ufi hinguddimnu; haguma Waaqii nuu herrege callaa ufi herrenna, heregii sun hujii nu jidduu teessanitti hojjannu.
14
Isaniilleen herrega sun keessa jirtan, tanaaf nu gaafa oduu dansaa Kiritoo isanii dhumneen herrega sun hindabarre.
15
Tanaaf nu hujii namii dhibiin hojjate, ta qooda keenna keessa hinjirree jennee ufi hinguddimnu; ammoo akka dhugeeffachaan teessan guddattee, qooda Waaqii nuu herrege gula hujii hagas irra dansaa hojjachuu dandeennu inabdanna.
16
Yoosi dandeennee oduu dansaa lafa isan duubaa keessaalleetti himna, akka nu hujii oobruu abbaa dhibii keessaatti hojjataniif ufi hinguddimne.
17
Ammoo akkuma barreessiin jettuu, “Namii ufi guddisuu fedhu, ha hujii Aabboon hojjateefiin ufi guddisuu”
18
Wantii akkanaatiif namii, yo waan ufii dansaa herregunitii yo Waaqii waan isaa dansaa herregu callaa dansaa taha.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13