bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 5
2 Corinthians 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
1
Yo waaroo lafaa, ta nu amma keessa teennu tana jechuun nafa keenna lafa tana irraa balleessanii, akka mana namii harkaan hinjaariin ka haga jiruu jireenna taa'u, ka gubbaa jiru, Waaqaa biraa qamnu in beenna.
2
Amma waan warra keenna ka gubbaa jiru itti galuu feenuuf guddoo laaleffanna;
3
wantii akkasiitiif nu yo warra suniitti gallee nama alaatti galu hinfakkaannu.
4
Haga nafa keenna kana qamnu akka nama gaargalchanii laaleffanna; nu nafa keenna hinjibinuu, ammoo akka jireennii waan du'aa dabsatu nafa gubbaa fedhachu feena.
5
Waaqaatti waan kanaaf nu kurfeesse, duuba innii akka qabdoo nuu ta'uu hafuura ufii nuu kenne.
6
Tanaaf nu yo tokkollee hinsodaannu; akka haga nafaan jirru mana Aabboo irraa fagoo jirru inbeennaa.
7
Wantii akkanaatiif jireennii keenna waan ilaan arganiinitii, waan dhugeeffachaati.
8
Nu hinsodaannu; warra keenna nafa kanaan biraa yaaneetti Aabboo waliin taa'uu feenaa.
9
Warra keenna kana keessaa fi achiilleetti nu waan cufa irra Aabboo gammachiisuu feena.
10
Akka innii dubbii teenna qoree, namii cuftii waan nafaan tolchee ka argachuu mallee, hamtuu fi dansaallee, argatuu, nuun cuftii Kiristoo dura ejjuu malle.
11
Nu akka Aabboo sodaachuu malan inbeennaa, tanaaf biyya garsiimna. Waaqii nu beeka, anilleen waan isaniilleen guddoo na beettan seha.
12
Nu ammallee isan duraatti ufii dhugeessuu hinfeenuu; ammoo waan isan marroo teennaaf ufii guddisu maltaniif isanitti himna, akka isan warra nafa hammeennaatii fi ufi koorsu ka ammoo adaba hammeennaatii fi ufi hinkoorsine wa itti himatan.
13
Nu yo maraanneellee marroo Waaqatiif maraanna; yo fayyaa qabaaneellee marroo teessaniif fayyaa horanna.
14
Jaalala Kiristoon nu jaalatuutti nu qaba, amma akka namii tokko marroo nama cufaatiif du'e inbeenna, akkas jechuun namii cuftii ya du'e jechuu.
15
Wantii innii nama cufaa du'eef akka namii tokkolleen ufiif hinjiraatuu, ammoo marroo nama isaaniif jedhee du'ee du'a keessaa kaasantiif jiraatu.
16
Nu armaa achii aadaa namaa gula nama tokkollee hinqorru; yo durii aadaa namaa gula Kiristoo qorreellee, armaa achi hintolchinu.
17
Namii yo Kiristoon takkaa tahe, uumama haaraa; wantii dullatiin ya dabartee, haareetiin ya dhufte.
18
Waan kana cufaa Waaqaatti nuu tolche, ka marroo Kiristootiif walti nu araarsee, “Beenaa, nama walti araarsaa” nuun jedhe.
19
Dhaamsii keenna akka Waaqii karaa Kiristoo gula nama ufiitti araarsu. Waaqii daba warraatti hinbarreessine, ammallee ya dhaamsa nagayaa kana harka keennaatti kenne.
20
Kunoo, nu teenneetti marroo Kiristootiif dubbanna, akka waan Waaqii afaan keenna tahe isanitti dubbatu; marroo Kiristootiif isan kadhannaa, Waaqaan walti araaramaa.
21
Kiristoon cubbuu hinqabuu, Waaqii ammoo marroo teennaaf akka nu karaa isaatiin qajeeluma Waaqaa argannu, isa cubbamaa tolche.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13