bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 9
2 Corinthians 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
1
Wantii waan qarqaarsa gumii Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuutti ergan, ka anin barreessu hinjirtu.
2
Anin akka isan nama qarqaaruu feetan inbeekaa, tanaaf waan kana warra Maqedooniyaatti hime. Anin, “Obboleeyyaan Akaayyaa jirtu haga ganna dabreetii akka warra qarqaartu kurfoo jirtii” jedheetti waan keessan dubbadhe. Hujiin teessan tuniin nama hedduu ya chochoofte.
3
Akka wantii nu waan keessaniin ufi guddimneef dhara hintaanee, anin amma obboleeyyaan tana gara keessan erga, ammoo akkuma anin jedhee, isan qarqaarsa keessaniin kurfoo taahaa!
4
Yo akkas hintahin, warrii Maqedooniyaa gaafa na waliin dhufee, akka isan kurfoo hintahiin argee, guddoo nuu ceere, waan nu guddoo isan dhugeeffaneef, ceera keessan lafa dhaabaa!
5
Tanaaf anin herrege obboleeyyan tana kadhadhee, akka warrii nu dura dabree waan inkenninaa jettan duraatti kurfeessan. Gaafa anin dhufe ya kurfoo taate, Duuba wantii sunini akka isan irree malee kennu feettan agarsiifti.
6
Waan kana qaabadhaa; namii sanyii diqqoo facaasuu, midhaan diqqoo murata; ka sanyii guddoo facaasu ammoo, midhaan guddoo murata.
7
Tanaaf namii cuftii garaa tokkoon waan kutate ha baasuutii, waan Waaqii gammadaan namaa wa kennuu jalaatuuf, irreen hinjirtu.
8
Waaqii akka isan waan feetan cufaa argattanii, ammallee irraa isanii haftee, hujii dansaa cufaan guutattanii waan isan feetan irra isanii kennu indanda'a.
9
Akkuma barreessiin, “Innii arjoomaan hiyyeeyyii kenna, dansumtii isaa haga hegerii teetti” jettuu.
10
Waaqii ka sanyii oobranii fi qixxaa nyaatan namaa kennuu, sanyii isan feetan cufa isanii kenna; ammallee innii sanyii sun, akka marroo arjooma keessanitiif isiin midhaan guddoo dhaltu inbaasa.
11
Waaqii akka isan you cufaa arjaa taatan isan duroomsa; namii hedduun duuba marroo waan isan baaftanii harka keennaatti kennitanii, ka nu warraa kenninneef galata Waaqaa deebisa.
12
Hujiin isan hojjatan tunin gumii Waaqaatii waan isiin feetu callaa hintolchituu, ammoo galata guddaa Waaqaa deebifti.
13
Hujiin teessan tunin dhugeeffachaa teessan agarsiifti, tanaaf namii hedduun Waaqaa guddisa, waan isan akkuma dhugaa oduu dansaa Kiristoo jaalattanii guuttaniif, ammallee waan isan arjoomtanii warraa fi nama dhiibiillee geettaniif.
14
Tanaaf warrii marroo eebba guddoo Waaqii isanii kenneetiif, garaa jaalalatiin isanii kadhata.
15
Mar. roo qarqaarsa guddaa kanaatiif galata Waaqaa deebisu malle.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13