bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 11
2 Corinthians 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
1
Yo anin diqqoo daallee taheellee, naa obisaa! Anin isan kadhadhaa.
2
Anin akkuma Waaqii isanii jedhee hinaafu, marroo teessanii jedhee inaafa; wantii akkanaatiif isan intala gammee ta anin nama tokko callaa kennee fakkaattan; namii suniilleen Kiristoo.
3
Akkuma boofii qaroomaan Hewwaan sobee, hegerii akkasuma qalbiin teessan hammaattee, jaalalaa Kiritoo qulqulloo lakkiftan jedheeti sodaadha.
4
Isan ka nu isaniiti haasoomneenitii, nama dhufee waan Kiristoo dhibii isanitti haasa'u cufa hinfudhattan, ammallee isan hafuuraa fi oduu dhibii ta hafuuraa fi oduu dansaa nu isanitti himne hinfakkaanne fudhattan.
5
Anin waan sehuun, warra ergamtoota ufiin jedhu sunii karaa tokkolleen maandhaniti!
6
Anin hegerii guddoo dubbachuu hinbeekhu, ammoo hubachaa inuma qaba; waan kana nu ya marroo hedduu fi karaa cufaan isanitti himne.
7
Anin gaafa oduu dansaa Waaqaa isanitti himee homaa tokkoollee isan irraa hinfudhanne; anin isan guddisuuf ufi diqqeesse. Waan kana anin wallaala tolchee?
8
Gaafa anin jidduu teessan hojjadhee, gumii fulaa dhibiitti horii naa baase; anin warra duraa wa fudhadheetti isaniin qarqaare.
9
Anin gaafa isana waliin jiru adoo horii fedheellee, takka isan hingaargalchine; wantii akkanaatiif obboleeyyaan Maqedooniyaa dhufte waan anin fedhu cufa naa kennite. Akkuma durii tolche hegeriillee intolcha; anin haguma jiru ba'aa ulfoo isanitti hinfahu!
10
Dhugaa Kiristootiin kakadha, haga anin lafa Akkaayyaa tana keessa jiruu, namii tokkolleen danda'ee dubbii tiyya tana hindhaareesu.
11
Anin maaf waan kana jedha? Mar. roo isan hin jaalanneefii? Akka anin isan jaaladhu Waaqiilleen inbeeka!
12
Anin waan amma tolchu kana dura deemeetti tolchuu fedha, akka ergamtootii dhibiin taan qoommii argattee, akka keessani hojjanna jettee ufi hinodeesine.
13
Warrii sunin ergmtoota dhugatiiniti, warrii ergamtoota dharaa, ta waan hujii ufii ta dharaa dubbattee ergamtoota Kiristoo ta dhugaa ufi fakkeesitu.
14
Dubbiin tun mama hinqabdu! Sheexaniilleen ufi jijiree ergamtoota ibsee ufii tolchuu indandaa.
15
Tanaaf yo ergamtootii isaa ufi jijirtee ergamtoota dhugaa ufi tolchiteellee waan diqqumaallee jabaatatiiniti. Gaafa muummee waan warraa malee argatan.
16
Anin dubbii tana ammallee itti deebi'ee jedhaa namii tokkolleen daallee na hinsehiin. Ammoo yo na seetaniille, akkuma daallee na fudhadhaa, akka anin waan diqqoo tokko ta ufiin guddisu argadhu.
17
Wantii anin amma dubbadhu kunin waan Aabboon fedhuuniti; waan ufi guddisiitii kana anin akka daallee dubbachuu jira.
18
Ammoo marroo namii hedduun waan lafaatiif ufi guddisuuf aniilleen akkasi tolchuu male.
19
Isan waan guddoo qalbii qabdaniif, waan namii daalleen jedhu dubbii malee obsitan!
20
Nama isan moohatu, ka isan koofisu, ka xuruuraa keessa isan buusu, ka isan tuffatuu, ka isan dhabanaasuullee cufa inuma obsitan.
21
Adoo ceeraallee taatee, nu waan akkasii tolchuu la sodaanne! Ammoo yo namii ufi guddisuu danda'ee akka daallee dubbadhaa beekaa aniilleen ufi guddisu indandaa.
22
Yo warrii Ibroota ta'ee, aniilleen akkasuma gosa Ibruu. Yo warrii gosa Israa'elii ta'ee, aniilleen akkasuma gosa Israa'eliti. Yo warrii ilmaan Abrahaam ta'ee, aniilleen akkasum ilma Abraaham;
23
warrii hojjatoota Kiristootii? Sunilleen ani irra jira; akka maraataa dubbadhaa–anin ya guddoo warra irra hojjadhe; ya warra irra na hidhan, ya warra irra na dhaanan, ya warra irra du'aatti dhi'aadhe.
24
Guyyaa shan Yihuudiin marroo soddomii sagalii lichoon na dhaante;
25
Roomotii marroo sadii uleen na dhaantee, marroo tokko dhakaan na dhoochee; marroo sadii hoboolloon naan caccabde, gaafa tokkoo halkaanii guyyaa bisaan keessa bule.
26
Imaltuu tiyya hedduu keessaatti ya lubbuu arge, marroo bisaaniitii fi hattoollee gosa tiyya ta Yihuditii fi gochitii dhibiilleen ya lubbuu na naxxe; dira keessaatti, raasaa keessaatti, galaanaa fi jaallan dharaa biraalleetti ya lubbuu arge.
27
Yo cufa hujii hojjadhee gaargalee marroo hedduu hiriiba dhabee beela'ee dheebodhee, marroo hedduu sagalee, da'oo fi wayaa fedhu ya dhabe.
28
Waan dhibii lafuma dhaabii, guyyaa cufa baa ulfoo qaba, hujiin gumii Waaqaa cuftii na gubbaa jirti.
29
Yo namii tokko laafe, aniilleen ya laafe; yo namii tokko daba keessa bu'uu, anin inlaalefadha.
30
Anin yo ufi guddisuu malee, waan laafinna kiyyaa agarsiisuuf ufi guddisa.
31
Maqaan Waaqaa, Abbaan Aabboo keenna Yesus Kiristoo, ha eebbifamuutii, akka anin hinkiyyimne innii inbeeka.
32
Gaafa anin Damasqoo jiru, jaallabii hayyuu Areexaa jala hojjatu akka na qabu warra waraannaa karaa diraa keessa naqe.
33
Ammoo daduu keessa na kaahaniitti qaa'a badaa manaa keessaan lafa na buusan, jennaan ka'ee baqadhe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13