bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 4
2 Corinthians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
1
Mar. roo naasu ufitiif Waaqii ya hujii tana nuu kennee, tanaaf nu ufi hinjibbaannu.
2
Hujii dhossaatii fi ta ceeraa la lakkimne; nama hinsomnu, dubbii Waaqaallee hindhaareesinu. Dhugaa diidaatti dubbannee akka dhugaa qamnu Waaqaa duraatti nama cufaa garsiimna.
3
Oduun dansaan nu himnu yo dhofamte, warra baduu jiru callaa duraa dhoffamte.
4
Wantii warrii hindhugeeffanneef waan hamaan lafa tana keessa jiru qalbii warraa dukkaneeseef. Innii ibsee oduu dansaa ta guddinna Kiristoo keessaa dhuftu ta akka Waaqii jiru garsiiftu warraatti ibseetti la argu warra dhowwe.
5
Nu waan keenna haasahuuttii hinjirruu, ammoo akka Yesus Kiristoon Aabboo, ammallee akka nu marroo teessaniif tisseellee isaa taanee haasuu jira.
6
Waaqii, dukkana keessaatti ibseen ha ibsituu jedheeti ibsee tana garaa keenna keessatti ibse, akka ibsee hubachaa guddinna Waaqaa ta fuula Kiristooti ibsuu nuu keennu.
7
Ammoo nu warrii horii hafuuraa kana qabu akka okkotee faaraa jirra; akka jabeennii guddaan ka Waaqaa malee, keenna hinta'in garsiimna.
8
Mar. roo hedduu nu gaargalchan; ammoo takka nu hin macarsinne; yo garii inbaqannaa, ammoo takka ufi hinjibaanne;
9
nyaapha hedduu qamnaa, ammoo takka jaala hindhamne; marroo hedduu madoomnaa, ammoo takka nu hinballeesine.
10
Akka jireennii Yesus nafa keenna keessaatti mullatu yo cufa nafa keenna gubbaatti du'a isaa baannee deemna.
11
Akka Jireennii Yesus nafa keenna keessaatti mullatuuf haga lafa tana irra jirru cufa marroo Kiristootiif jennee diqqumaa hindhumane (du'aatti ufii kennina).
12
Tanaaf dooti nu bira ejjiti, ammoo jireennii isan bira ejja.
13
Barreessiin qulquulloon, “Mar. roo dhugeefadheef dubbadhe” jetti. Akkasuma nulleen garaa dhugeeffachaatiin marroo dhugeeffanneef dubbanna.
14
Nu akka Waaqii ka Aabboo Yesus du'a keessaa kaase, Yesus waliin nullee du'a keessaa kaase isan waliin fuula ufii duraan nu dhufe inbeenna.
15
Wantii kunin cuftii marroo teessaniif taate; duuba akkuma eebbitii Waaqaa nama hedduu geettuun, namii akka maqaa Waaqaa guddisu galata Waaqaa deebisa.
16
Mar. roo waan kanaatiif nu garaa hinlaamnu; adoo nafii keenna guyyaa cufa shameellee, garaan keenna guyyaa cufa haaraa taha.
17
Gaargalii diqqaan yoosuu hobba'u, ka nu qamnu kunin eegii tanaa guddinna hegerii ka gaargala sun irra jiruun nuu dhufa.
18
Nu waan mullataa abdachuuti hinjirruu, ammoo waan hinmullanne abdachuu jirra. Wantii mullataa haga diqqaa tokkoo callaa teetti, ammoo wantii hinmullannee haga jiruu jireennaa teetti.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13