bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 12
2 Corinthians 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
1
Adoo homaa naa bahuu baatteellee anin ufi guddisuu male. Amma ammoo anin waan daayyaatii fi waan Aabboon natti mullise dubbachuu male.
2
Anin nama Kiristaanaa tokkoo ka ganna kudhanii afuriitiin duraatti gara Waaqaa gubbaatti olfuudhan fuula beeka; (anin wantii kunin dhuguma taatuulllee, yokaan innii daayyaa arguullee Waaqaatti beeka malee, hinbeeku.)
3
Anin ammallee itti deebi'eetti jedhaa, akka nama kana garaa Waaqaa gubbaatti olfuudhan inbeeka (ammallee, wantii kunin dhuguma taatuullee yokaan daayyaa taatuullee anin hinbeekuu, Waaqaatti beeka),
4
achiitti innii waan arrabii namaa danda'ee hinjenne, ka afaan namaa silaa hindubbanne dhagaye.
5
Tanaaf anin waan nama kanaatiif ufi guddisa; ammoo waan laafinna kiyyaa agarsiisa malee waan kiyyaan ufi hinguddisu.
6
Anin yo silaa ufi guddisuu fedhe daallee hintahu; ammoo marroo dhugaa dubbadheef ufi hinguddisu; wantii akkanaatiif anin nama tokkollee ka na saadu hinfedhuu, ammoo akka innii waan anin tolchee fi ka anin jedhe callaa argee saadu fedha.
7
Ammoo marroo waan dansaa anin argeetiif akka anin ufii guddisu na dhowan; waan akka qoraattiiti nafa kiyya keessaa na waraanee na dhukkubsa; wantii na dhukkubsaa kun akka ergamaa Sheexanaa taatee na gaargalchitee ufi guddisu na dhowarte.
8
Anin waan kana marroo sadii Waaqaa kadhadhee, “Nara fuudhi” jedheen.
9
Innii, “Eebbitii tiyya sii geeti; Yo atin laafaa jabeennii kiyya waan guddaa” naan jedhe. Mar. roo waan kanaatiif anin guddoo laafinna kiyyaaf ufi guddisa, akka jabeennii Kiristoo na gubbaa taa'u.
10
Anin laafinna, arraba, dhibaa fi dhiphuu, gargala marroo Kiristootiif hindidu. Wantii akkasitiif anin yo laafaa guddoo jabaadha.
11
Anin akka daallee tahuu jirra, ammoo isanitti na tolche. Namii silaa na oowisuu male isan; anin adoo homaa tahuu dhibaadheellee, ergamaa keessan sunii maandhaniti.
12
Waan akka anin ergamaa na agarsiisaa cufa karaa obsaatiin jidduu teessan keessaatti tolchan; akeekaa, hujii jabduu fi waan mamaa jidduu teessanitti tolchan.
13
Wantii dhibiin anin gumii Kiristiyaanaa taanii tolchee takka isanii hintolchin maal? Wantii isan irraa irdhate yo jiraate qarqaarsa callaa naa kennaa isaniin hinjedhin; wallaala kanaaf ammoo naa araaramaa!
14
Mar. roon sadeesoo ka imaltuu gara keessan dhufu kanaa, anin diqqumaallee ulfinna isanitti tahuu hinfedhu. Anin isan fedha malee, horii keessan hinfedhu. Ijoolleen haadhaa-abbaa ufii nyaachisuu himmallee ammoo haadhaa-abbaatti ijoollee ufi nyaachisuu malte.
15
Anin waan qabu cufa nafa kiyyaallee akkka isan qarqaaru gammadaan baasa. Yo anin guddisee isan jaaladhe, jaalaltii teessan dandeettee diqqaattii?
16
Adoo anin durii bahaa ulfoo isanitti tahu dhibaadheellee, namii garii, “Innii mala warraati dhaateetti warra sobe” jedha.
17
Anin akkamiin nama isanitti ergee karaa suniin isan dabse?
18
Anin akka innii deemu Tiitoos kadhadhee, obboleessa dhibiillee isa waliin erge. Tiitooti isan daalleesse wa isan irraa nyaatee ree? Naa fi innii herrega tokkoo fi adaba tokko hinqamnuu?
19
Isan waan nu haguma duriitii ufii dubbachuu jiru seetanii? Ammoo akkasinti! Nu isan jabeessuuf fuula Waaqaa duraatti, waan Kiristoon nuu dubbachuu fedhu dubbanna, jaallan tiyya ammallee nu waan tolchinu cufaa isaniin qarqaara.
20
Yo anin achiin bahe isan akka anin fedhu hinjirtan, anilleen akka isan na feetan hinjirufaa sodaadha. Hegerii anin waldidiisaa, qoxxee, dallansuu, ufi jaalachaa, arrabaa, wali hamachuu, ufi guddisiitii fi hammeenna arga.
21
Akka yo anin ammallee dhufu, Waaqii kiyya fuula keessan duraatti na diqqeessa, ammallee akka anin warra durii daba tolche, ammoo hammeenna sun ka akka daba algaloomaatii fi ka dharraa hamtuu irra hindeebii'in boohu insodaadha.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13