bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 3
2 Corinthians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
1
Nu waan ufi guddisu jirru fakaannaa? Yokhaan akka biyya garii ergaa ufiin beesimnu isaniitiin dhumnee? Yokaan isan irraa fudhachuu mallee?
2
Ergaan teenna, ta akka namii cuftii dubbisee baratu garaa keenna keessaatti barreessan isan.
3
Kiristootti ergaa tana barreessee harka keennaan erge. Dhakaa gubbatti qalaamuun hinbarreesinee garaa nama keessatti hafuura Waaqaa jiruutiin barreessan.
4
Wantii nu waan kana jennuuf marroo dhugaa Waaqaa Kiristoo keessaa qamnuuf.
5
Wantii nu keessa jiraa, ta akka nu waan kana tolchuu dandeennu agarsiiftu hinjirtu. Jabeennii nu qamnu fulaa Waaqatii dhufa;
6
isaatti akka waldhaqiisa haareessa kanaan hojjannu nu dandeessise, waldhaqiisii kun waan seera barreessanitinitii waan hafuuraati. Seerii barreessan du'aan dhufa, hafuurii ammoo nama jireessa.
7
Seera durii dhakaa gubbaatti barreessan, yo seera sun kennan guddinnii Waaqaa inmullate. Adoo guddinnii sun badeellee, fuulii Muusee guddoo cululuqee, gochitii Israa'elii isa ilaaluu dadhabde. Yo Seerii, ka hujiin isaa du'aan dhuftu, guddinna kana cufaan dhufee,
8
guddinnii hafuuraan dhufuu, hagas irra jira!
9
Hujiin wallaala namatiin muran waan guddoo, ammoo hujjiin namaan, Wallaala hinqabdu jedhan hagasirra guddoo.
10
Nu waan kana marroo guddinna guddaa amma jiruutiif jenna, guddinnii durii jiru amma hinjiru.
11
Guddinnii yo waan haguma diqqaa tokko taahaa keessa jiraatee, waan haga hegerii taahaa hagasi irra keessa jira!
12
Mar. roo abdii tana qamnuuf nu guddoo garaa jabaanna.
13
Nu akka Muusee hinjirru, ka gochitii Israa'ellii cululuqa fuula isaa ka badu hingarree hagooggoo mataatti uyifatee.
14
Qalbii warraa gaafas dukkaneesan; adoo kitaaba waldhaqiisa durii dubbisanuu, haga ardhaallee hagoggoon sun qalbuma warraa gubbaa teetti. Yo namii karaa Kiristoo keessa jiraate calla hagooggoo sun nama irraa fuudhan.
15
Haga arraallee yo warrii Seera Muusee dubbisu hagooggoon qalbuma warraa gubbaa teetti.
16
Ammoo dandaanii irraa hinfuudhan; barreessiin qulquulloon, “Muuseen gara Aabboo deebinaan hagooggoo irraa fuudhan” jetti.
17
Aabboon armaatti baanaan hafuura; fulaa hafuurii Aabboo jiru balchoomaatti jira.
18
Nuun cuftii guddinna Aabboo fuula hagooggoo hinqamneen akkuma daawitii mullimna; karaa kanaan akka isa fakkaannu guddinna muummee hinqamneen gara nu galchan; Aabboon akkana tolchu kun hafuura.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13