bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 8
2 Corinthians 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
1
Obboleeyyaan tiyya, nu waan eebbitii Waaqaa gumii Maqedooniyaatii tolchite isan beessisuu feena.
2
Gaargalii warrii argate guddoo warra laallate; ammoo adoo hiyyeeyyii, ta'aniillee guddoo gammadanii arjoomaanii namaa wa kennan.
3
Waan anin isanitti himu, haguma dandaan kennan, ammallee waan sun irra;
4
warrii akka gumii Yihudaa qarqaaraan fedhii ufiitiin guddoo nu kadhate.
5
Nu waan warrii waan kana tolchu hinseene! Qaraa fiixee Aabboo ufi kennan; lammeesso ammoo, fedhii Waaqaa gula nuullee ufi kennan.
6
Tanaaf nu Tiitoo, ka hujii tana itti keeyyate, kadhanne, akka innii dura dabree isan qarqaaree hujii jaalalaa tana waliin hobbaaftan.
7
Isan waan qabdan cufa keessa, dhugeeffachaa, haasaa, hubachaa, qarqaarsa akka cufaatii fi jaalala teenna keessaleti guddoo dureeyyii; tanaaf nu akka hujii jaalalaa tana keessaalleetti jabaattan isanii kadhanna.
8
Anin seera isanii baasuutti hinjiruu; ammoo haga biyyitii dhibiin qarqaaruu feete isan garsiisee, duuba akka jaalaltii teessan ta dhugaa argu fedha.
9
Isan eebba Aabboo keenna Yesus Kiristoo inbeettan; innii dureessaa, ammoo marroo teessaniif ufi hiyyoomsee, akka hiyyumaa ufiitiin isan duroomsu.
10
Anin yo silaa waan ganna dabre itti keeyattan hobbaaftan irra isanii goomtti seha. Isanii warra qaraa ka waan kana tolchee; sun callaanitii, ammoo isan warruma qaraa ka fedhii ufitiin waan kana tolchu fedhe.
11
Akka akkuma itti keeyyattaniin hobbaaftan, jabaadhaa! Ammallee dura yaa'aa homa qabdaniin hobbaasaa!
12
Yo isan wa keennuu feettanii, Waaqii homaa isan qabdan ka isan baaftan sun fudhata malee, waan isan hinqamne hinbarbaadu.
13
Anin ba'aa ulfoo nama dhibii irraa fuudhee isan irra kaahuutti hinjiru; isan ammoo amma waan guddoo wa qabdaniif nama gaargala keessa jiru qarqaaruu maltan. Yoos gaafa isan gaargala keessa jirtan warrii waan guddoo qabuulleen isan qarqaaree, karaa kanaan nama cufa walqixeesanii.
15
Barreessiin qulqulloon, “Namii nama cufaa irra kuufate guddoo hinqabu; ka diqqoo kuufate ammoo guddo qaba” jette.
16
Nu guddoo galata Waaqaa deebimna, ka Tiitoolleen akkuma nu isan qarqaarre isan qarqaare!
17
Innii waan nu isa kadhanne callaa hinfudhannee; ufi baaseetti, akka gara keessan deemu herregate.
18
Obboleessa tokko ka akka dansaa oduu dansaa haasa'uu beeku, ka gumiin cuftii saadduu, isa waliin isaanii ergina.
19
Sun maleellee, gumiin akka innii haga nu hujii jaalalaa ta guddinna Aabboo hojjannee nama qarqaarru nu waliin deemu isa foohate.
20
Akka namii tokkolleen haga nu horii baasan kana harkaa qamnu nu hinhimannee, nu guddoo ufi qorqoranna.
21
Nu waan qajeelaa fuula Waaqaa calla duraanitii, fuula namaallee duraatti tolchuu feena.
22
Tanaaf nu obboleessa keenna warra waliin ergine; nu marroo hedduu isa laallannee, akka innii yo cufa akka nama qarqaaru kurfoo jiru ya garre. Amma marroo innii guddoo isan dhugeeffatuuf akka isan qarqaaru haga qaraallee irra kurfoo jira.
23
Isan yo waan Tiittoo dhaga'uu feetanii, innii waahela kiyya ka akka isan qarqaaru na waliin hojjatu; obboleeyyaan dhibii ta isa waliin yaatu ammoo gumiitti foohatee, warriilleen Kiristoo guddisa.
24
Akka gumiin cuftii quuftee, akka wantii nu ufi guddimnuuf cuftii dhugaa agartuu, jaalala teessan warra garsiisaa.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13