bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 6
2 Corinthians 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
1
Nu warrii hujjii Waaqaa waliin hujjannu, isan kadhannaa, eebba Waaqaa hinballeesinaa.
2
Waaqii, “Anin yo guyyaan baafamaa dhufee si caqaseetti si qarqaara” jedha. Caqasaa! Yoh. ii fedhii Waaqaa barbaadattan kana, guyyaan baafama kana!
3
Nu nama tokkollee ka wallaala hujii teennaa argu hinfeenu, tanaaf daandii nama tokkollee keessa gufuu kaa'uu hinfeenu.
4
Ammoo waan tolchinu cufa keessaatti akka hojjatoota Waaqaa ufi agarsiisuu feena. Gaargala, dhiphuu fi hammeenna cufaa inobsina.
5
Ya nu dhaananii, nu hidhanii, dhakaan nu hadhanii; hujiin ufi dadhabsinnee, hiriibaa fi sagalee malee yaane.
6
Qulqulloomaan, beekkumsaan, obsaa fi arjoomaan, hafuura Qulqulloo fi jaalala dhugaatiif, akka hojjatoota Waaqaa ya ufi agarsiimne;
7
Dubbii teenna ta dhugaatii fi jabeenna Waaqaatiin inhojjana; dhugaa akka waraanaa wanteetti ittiin hojjachuuf harka mirgichaa bittachaallee inqamna.
8
Nu guddisanii, nu ceersanii; nu arabsanii, nu faarsanii, Kiyyibdoollee nuun jedhaniillee, ammoo nu dhugaa dubbanna;
9
akka nama hinbeekkamnee jira, ammoo namii cuftii fuula nu beeka; waan nu doone sehanii, ammoo akka isan gartanii nu injirra. Adoo nu gaargalchaniillee, nu inijjeemne;
10
nu adoo laaleffanneellee, yo cufa gammadaa qamna; hiyyeeyii fakkaannaa, ammoo nama hedduu duroomsina; waan homaa qamnu hinfakaannuu ammoo waan cufa inqamna.
11
Jaallan teenna ta Qorontos jirtu! Nu ya diideesinee waan cufa isanittii himnee, garaa keenna isanitti mullimne.
12
Nu garaa keenna isan duraa hin hiinnee; isanitti garaa keessan hidhe male.
13
Anin akka waan isan ijoollee tiyyaa isanitti dubbadha. Waan nu isan seenu isaniilleen nu sehaa! Garaa keessan nuu banaa!
14
Nama hindhugeeffatiiniin haga takkaa hinhojatiinaa, wantii sun hintaatu. Dhugaa fi wallaalii waahela walii tahu indandaanii? Ibsee fi dukkantiilleen waliin intaatii? Hiyyoo;
15
Kiristoo fi Sheexanii waldhaquu indandaanii? Nama dhugeeffatee fi ka indhugeeffatiin maal wali irraa qaban?
16
Manii Waaqaa, waan harkaan bocan ka warrii Waaqaa hinbeenne kadhatuun walii hintaanii? Nu Mana Waaqaa jirruuti! Akkuma Waaqii ufiin jedhe, Anin mana kiyya warra waliin jaaradhee, warra waliin taa, anin Waaqaa warraa tahee, warriilleen gumii tiyya taha.
17
Tanaaf Aabboon, “Warra lakkisaa, biraa yaa! Waan xurii qabaa hintuqiina, yoosi anin isan fudhadhaa” jedhe.
18
“Anin abbaa keessan tahe, isan ilmaan tiyya ta dhiiraati fi ta dubraa taatan, Aabboo Guddaan akkana” jedha.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13