bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
2 Corinthians 7
2 Corinthians 7
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
1
Kakuu tana cufa nuu kakatan, jaallaan tiyya! Tanaaf waan nafaa fi hafuura xureessaa lagannaa, qulqulloomnee sodaa Waaqaa keessa taa'uu mallee.
2
Garaa keessan keessaatti fulaa nuu midhaasaa. Nu wallaala namuutuu hintolchinee, namuu hinballeesinee, yokaan homaa nama irraa hinfudhanne.
3
Anin waan kana wallaala isanitti muruuf hinjedhuu; akkuma qaraa jedhee, nu waan guddoo isan jaalannuuf yo jirruu fi yo dooneellee yo cufaa waliin jirra.
4
Anin waan guddoo isan amanuuf, marroo teessaniif ufi koorsa! Gaargala keenna cufa keesaatti garaa hinlaafuu, ammoo gammadaan qillixama.
5
Eegii Maqedooniyaan baaneellee nafii keenna boqota hinarganne; fulaa cufa gaargala, waldidiisaa fi sodaatti garaa keenna keessa jira.
6
Waaqii ka warra garaa laafu jabeessu ammoo, nu jabeeseetti Tiittoo nutti erge.
7
Dhufiisa isaa callaaniti, innii ammoo akka isan isa jabeesitan nutti hime; ammallee innii akka isan guddoo na arguu feetanii fi akka isan marroo tiyyaaf laaleffatan, ammallee akka isan akka na qarqaartan kurfoo jirtan natti hime, tanaaf anin guddoo gammade.
8
Adoo ergaan tiyya ta qaraa isan laaleffachiifteellee, anin waan barreesseef hingaabu; yo silaa akka ergaan sun haga diqqaa tokko callaa isan laaleffachiifte argee ufii gaaba.
9
Amma ammoo, marroo isan laaleffachiseenitii, marroo laaleffachaan teessan daandii teessan irraa isan gorsiteef anin ingammada; laalefachaa sun Waaqaatti hujiin hojjate malee, nu homaa isan hintolchine.
10
Laaleffachaa Waaqii hujiin hojjate sunitti garaa keessan gargalchee baafama isanii kenne, marroo waan sunitiif nu ufi hingaabinu! Laaleffachaan dhibiin ammoo du'aan namatti dhufti.
11
Waan Waaqii laaleffachaa teessan tolche laalaa; isan jabaattaniitti ufii dubbattan, dalantanii, rifattanii, na herreddanii, oowitanii akka dhugaa tolchan barbaaddan! Dubbii tana cufa keessa akka nama wallaala hinqamnee ufi mulliftan.
12
Tanaaf anin adoo ergaa sun barreesseellee, marroo nama wallaala tolcheetii fi marroo nama wallaala itti tolchaniifiillee hinbarreesinee, ammoo wannii anin barreesseef akka fuula Waaqaa duraatti akka isan nu jaalattan diideesee garsiisuuf.
13
Mar. roo waan kanaatiif nu garaa jabaanne. Nu garaa callaa hinjabaannee; ammoo gammada Tiitoo arginaan guddoo ufiillee gammanne; isan cuftii Tiitoo qarqaartanii gammachiiftan.
14
Anin guddoo waan keessan isaatti hime, isaniilleen na hinceersine; nu yo cufa ya dhugaa isanitti dubbanne. Akkasumaa wantii nu Tiitoon jenne ya dhugaa taate.
15
Jaalaltii innii isan jaalatu ya itti daramtee duuba, yo innii akka isaniin cuftii kurfoo jirtan qaabate, akka isan sodaa fi naasuun isa fudhattan.
16
Anin waan gammadee guddoo gammada waan anin danda'ee garaa tokkoon isan herregadhuuf.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13