bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 1
Hosea 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 2 →
1
Baroota Ooziyaan, Iyyo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas Yihuudaa irratti yeroo adda addaatittii mooyan; akkasuma bara Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooye dubbiin raagaa ka Rabbi Hosee ilma Bi'eeriititti mudhise kana.
2
Rabbi karaa Hose'eetiin hennaa banii Israa'eliititti dubbii ufii himuu jalqabu Rabbi Hose'een «Baniin kiyya na irraa fooyamee hujii seebaraa badaa hojjata'ara; eeganaa ati deemii intala seebartu fuudhii isii irraa ijoollee seebaraa uumadhu» jedheen.
3
Kanaafuu Hoseen deemee Goomeerii intala Dibilaayimii fuudhe; isiin ulfooftee ilma deetteef.
4
Achiin maayessa Rabbi Hose'een, «Ani sababaa Iyyu'uu fi fiixaan isaa namoota Iyiziraa'eliin keessatti ajjeesaniitiif maatii Iyyu'uu adabu'uuf hin turu; mootummaan Israa'eliillee akka badu godha.
5
Ani hennaa san dhooqa Iyiziraa'elii keessatti lola Israa'elii hin balleessa; kanaafuu maqaa ilma keetii, Iyiziraa'el jedhii waami» jedheen.
6
Goomeer hennaa lammeesso'ootiif ulfooftee intala deette; Rabbi Hose'een «Ani armaan maayessa banii Israa'eliititti jaalala kiyya hin mudhisu; isaanii hin araaramu; kanaafuu maqaa mucattii teetii Loruhaamaa jedhii maqaa moggaasi.
7
Ani banii Yihuuda'aatitti ammo jaalala kiyya mudhisa; ani Rabbi Waandhi isaanii isaan oolcha; ka isaan oolchuun hunna lolaatiinii miti; guraadee, buundhe'ee fi eboo yookaan fardaa fi worra fardaan lolaniinii miti» jedheen.
8
Goomeer haga Loruhaamaa harma guufteen maayessa deebitee ulfooftee ilma deette.
9
Rabbi Hose'een «Armaan maayii baniin Israa'elii kiyyaa miti; ani Waaqa isaaniitii miti; kanaafuu maqaa ilma keetii Lo'aamii jedhii maqaa moggaasi» jedheen.
10
Baay'inni banii Israa'elii akka shasharee qarqara galaanaa ka laakkayamuu yookaan bikkamuu hin dandeenneeti; amma Rabbi «Isin banii kiyyaa miti» uduu isaaniin jedhelle'ee hulema kanatti ijoollee Rabbii jiraata'aa! jedhamanii hennaan waamaman hin dhufa;
11
Hennaa san baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii tokko ta'an; bulchaa isaan lachuu bulchu hin filatan; deebi'anii biyya ufii keessatti guddatanii duroomanii jiraatan; guyyaan Iyiziraa'elii guddaa ta'a.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14