bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 5
Hosea 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 6 →
1
«Isin gadoonni! waan kana dhagayaa'a! isin banii Israa'elii hubadhaa'a! isinillee maatiin moototaa waan kana dhagayaa'a! murtiin isinitti dhufeera; isin Mitsipha'atti akka woshaado'oo, Taaborittillee akka siiboo gingilcha'aa taataniirtan.
2
Worri dhiban hujii ajjeecha'aa babadhifataniiran; kanaafuu ani isaan maraa hin adaba.
3
Israa'el ani haala kee maraa waan beekuuf na jalaa dhokatuu hin dandeettu; seebara waaqeffannaa waaqa tolfama'aatiinillee battoofteerta.
4
Hafuurri seebaraa banii Israa'elii keessa waan jiruuf Rabbiinillee waan hin beenneef hujiin isaanii akka gara Rabbii deebi'an isaanitti hin dhiisu.
5
Dhaaduun baniin Israa'elii dhaadatan isaanitti rageessa; cubbuun isaanii gufachiisee isaan kuffisa; baniin Yihuuda'aallee isaanuma woliin gufatanii kufan.
6
Isaan hoolotaa fi horii ufii ciincaa godhanii dhiyeessu'uuf oofanii Rabbiin soqaa deeman; inni waan isaan irraa fooyameef isa hin argatan.
7
Isaan worra waaqolee tolfamaa waaqeffatan waan ta'aniif Rabbiif amanamtoota hin taane; ijoolleen isaanii akka ijoollee waaqa tolfama'aatitti laakkayaman; kanaafuu jalqaba ji'a kanaatitti isaanii fi biyyi isaaniillee wolumaan badan.
8
Isaan lolaaf akka bayan Gabaa'onii fi Raama'atti laagaa xurumba'aa dhageessisan; Beeti'aweenitti «Gosa Biiniyaamii! nu'u si woliin jirra jedha'aa iyyaa'a!
9
Guyyaa adabbi'ii Israa'el ona taati; badiin kun ka ani dhugamaan akka gosa Israa'elii irra gawu murteesse.
10
Rabbi akkana jedha, «Bulchoonni Yihuuda'aa akka namoota daangaa Israa'elii diiganii ta'aniiran; kanaafuu ani lola kiyya akka lolaa bisaaniititti isaan irratti buusa.
11
Israa'el waan duwwaa duukaa bu'a'aa waan jabaateef miidha'aa fi haqummaa dhabuun isa irra gaye.
12
Kanaafuu akkuma kokeenii fi xiinxanaan midhaanii fi muka balleessu anillee akkasuma Israa'elii fi Yihuudaa hin balleessa.
13
Israa'el akka dhibame, Yihuudaanillee akka madaaye hennaa arge Israa'el fuula ufii gara mootii Asoorii deebise; gargaarsa argachu'uuf gara mooticha gudda'aa ergaa erge; inni ammo isaan hambisuu yookaan madaa isaanii fayyisuu hin dandeenne.
14
Ani sababaa kanaaf Israa'eliin akka leencaa; Yihuudaallee akka leenca darmi'ii ta'ee isaan caccabsee deema; ani butee isaa fudhadha; eennullee isaan hambisuu hin danda'u.
15
Isaan hennaa rakkoon isaanitti baay'atu na soqan; kanaafuu badii ufii hojjatan hubatanii gara kiyya haga deebi'anitti ani isaan irraa fagaadha.»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14