bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 12
Hosea 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 13 →
1
«Baniin Israa'elii akka waan qilleensa cum'uu ta'a'aa guyyaa guutuu qilleensa baya biiftu'uu ari'a'aa oolee duwwaa ta'eera; sobaa fi dhibuu baay'isan; biyya Asoorii woliin wolii galtee godhatan; karaa biraatiin ammo sayitii ejersaa gara biyya Misirii ergan.»
2
Rabbi banii Yihuuda'aa waan ajiifatuuf qaba; ijoollee Yaaqoobii akkuma jireenna isaaniitiin isaan adaba; haguma hujii hamaa hojjataniitiin gatii isaanii isaanii kaffala.
3
Yaaqoob uduu gadaamessa haadha ufii keessa jiru obboleessa ufii ka lakku'uu firrisu'uuf koomee isaa qabe; haga guddateen maayessallee Waaqa ufii qabee, «Gad si hin dhiisu» jedhe.
4
Maleekkaa woliinillee wondhaansa bayee jabaatee booyee araara kadhate; hennaa biraallee Rabbiin Beeteelitti argame nu dubbise.
5
Rabbi Waandhi banii maraa maqaan inni ittiin beekkamu Rabbi.
6
Kanaafuu isin gara Waaqa keessanii deebi'aa'a; jaalalaa fi haqa dhuga'aa jabeessa'aa qabadha'aa haga Waandhi keessan isin gargaaruuf obsaan eegaa'a.
7
Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'elii akka daldaltoota worra Kana'aanii ka madaala sobaa harkaa qabanii ta'aniiran; isaan madaala saniin soban.
8
Israa'el ‹ani duroomeera; durummaa kiyyatti namni yakka yookaan cubbuu hin argu› jedhee dhaadata.
9
Ka biyya Misiriitii masakkee isin baase ammo ana Rabbi Waaqa keessan; akkuma hennaa ayyaana daase'ee daasee keessa jiraattan akkasuma deebitanii akka daasee keessa jiraattan isin taasisa.
10
Ani dursee afaan raattotaatiin dubbadheera; mudhata hedduu mudhiseera; karaa raattotaatiin mammaakaan dubbadheera.
11
Kun maruu ta'ee Gala'aaditti waaqa tolfama'aa sagadan; worri waaqa tolfama'aa sagadan duwwaa ta'an; Gelgela'atti mirgoolee ciinca'aaf dhiyeessan; meeshaawwan isaanii ammo ka ciinca'aa caccabanii qonna keessatti tuulaa dhaga'aa ta'anii hafan.»
12
Yaaqoob abbaan keenna ka durii dheessee gara Masephexoomiya'aa dhaqe; achitti intala fuudhu'uuf jedhee tissee hoolotaa ta'ee tajaajile.
13
Rabbi karaa raatticha ergeetiin banii Israa'elii biyya Misiriitii masakkee baase; karaa raatticha saniitiin isaan kunuunse.
14
Baniin Israa'elii ammo guddisee Rabbiin aarse; yakka hojjatanitti hin gaafataman; maqaa isaa waan arrabsaniif isaanitti murtaaya.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14