bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 10
Hosea 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 11 →
1
Baniin Israa'elii akka biqiltuu woyini'ii ka hurbuu hedduu qabuuti, haguma daraaraa hedduu argataniin, hulee ciinca'aa heddu argataniin, hulee ciinca'aa heddu hojjatan; haguma lafti isaanii midhaan isaanii kennitee duroomaniin utubaawwan waaqa tolfama'aa ka hulee itti sagadanii bareechisanii hojjatan.
2
Garaa isaanii keessa dharatu guuteera; gatii yakka ufii hin argatan; Rabbi meeshaa isaanii ka ciincaan irratti dhiyaatu maraa hin caccabsa; utubaawwan waaqa tolfama'aa ka hulee itti sagadanii maraa hin caccabsa.
3
Baniin «Nu waan Rabbiin sodaachuu dhiifneef mootii dhabneerra; yoma mootii qabaannellee maal nuu godha?» jedhan.
4
Kakuu sobaatiin waadaa gala'aa dubbii duwwaa dubbatan; kanaafuu akkuma lafa qonnaa keessatti aramaan hadhaa qabu biqilu akkasuma isaan keessattillee wol mormu'utu baay'ata.
5
Baniin qachaa Samaariyaa keessa jiraatan waaqa tolfamaa fakii waatiyyo'ootiin hojjatame ka Beeti'aaweeniin keessa jiruu guddisanii sodaatanii hollatan; ulfinni isaanii waan isaan irraa mulqameef baniin hin booyan; gadoonni waaqa tolfama'aallee mararamanii iyyan.
6
Waaqa tolfamaa gara biyya Asoorii fidanii mooticha gudda'aa akka kenna'aatitti dhiyaata; sababaa baniin Israa'elii gorsa hamaa duukaa bu'aniif saallinii fi salphinni isaan irra gaya.
7
Mootiin Samaariya'aa akka hoomacha bisaan irraa ta'a.
8
Huleen gugurdaan waaqolee tolfamaa itti waaqeffata'aa baniin Israa'elii cubbuu irratti hojjatan ka qachaa Aweerii jedhamu keessa jiran hin diiggaman; hulee ciinca'aa ka isaanii irratti qore'ee fi qummuuddu'utu baya; hennaa san baniin gaarraniin, «Nu dhossaa'a!» tullootaanillee «Nu golgaa'a!» jedhan.
9
Rabbi akkana jedha, «Hennaa baniin Israa'elii Gibi'a'atti cubbuu hojjatan irraa jalqabee haga adhaa na gaddisiisuu hin dhiifne; kanaafuu Gabaa'oonitti lolli isaanitti ka'a.
10
Ani worra dhiban kanniin hin adaba; worri Yihuudota hin taane maruu wolitti qabamanii isaanitti ka'an; sababaa baay'inna cubbuu ufiitiif adabaman.
11
Israa'el akka raada leenjisa jaalattuuti; ani ammo lum'a isi'ii bareeda san irra qambara kaaya; akkaataa kanaan Yihuudaan hin qota; ijoolleen Yaaqoobii maruu xamadamanii lafa bulleessan.
12
Ani isaaniin, ‹Eeganaa lafa bulte qotaa'a; balchummaa facaafadhaa'a; jaalala hin jijjiiramne wolitti qabadhaa'a; hennaan isin gara ana Waaqa keessanii deebitan amma! ani dhufee haqa isinii baay'isa› jedhe.
13
«Isin ammo hunna keessanii fi baay'inna worra jajjabaa keessanii hedattanii hammeenna wolitti qabattan; daraaraa durummaa keessaniin argattan nyaattan.
14
Banii keessan irratti lola gudda'atu dhufa; kusheen keessan maruu hin diiggaman; hennaan kun akka hennaa mootichi Sheelmaan qachaa Beeta'aarbeelii akkuma lolaan diigee fi haawwotallee ijoollee isaanii woliin lafa irratti jissee fixee ta'a.
15
Worra qachaa Beeteelii keessa jiraattan! sababaa cubbuu guddaa hojjattaniitiif badiin kana fakkaatu isin irra gaya; akkuma simbirti wocceen lolli hennaa jalqabame mootii Israa'elii yoma san ajjeesan.»
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14