bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 9
Hosea 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 10 →
1
Banii Israa'elii! gatiin seebaraa ka hulee oobdi'ii maratti argamu eebba waaqa tolfamaa ba'aaliin irraa namaa kennamu seetanii isa jaalattan kana waan gootaniif Waaqa keessanii amanamtoota hin taane; kanaafuu isin akka banii kaawwanii gammadu'uu fi burraaquu dhiisaa'a!
2
Isin ammaa achi oobdii keessan irraa midhaan, hulee woyinii itti cuunfan irraa sirima daadhii woyini'ii hin argattan.
3
Baniin Israa'elii biyya Rabbi isaanii kenne keessa hin jiraatan; garuu giddi'iin gara biyya Misirii deebi'an; gara Asoorii deebi'anii midhaan seeraan qulqullaayee hin hojjatamne nyaatan.
4
Achitti kennaa daadhii woyini'ii Rabbii dhiyeessuu hin danda'an; ciincaan isaanii Rabbiin hin gammachiisu; buddeenni isaanii ka hennaa beelayan nyaatan malee ka akka ciinca'aatitti gara mana Rabbii fidanii miti; kanaafuu buddeena gaddaa isaanii ta'a; ka isa nyaatu maruu hin battaaya.
5
Eeganaa isin guyyoota ayyaanaa ulfaataa Rabbiif murtaayetti maal gootan?
6
Isaan hennaa badii jalaa bayu'uuf dheessan biyyi Misirii wolitti isaan qabdi; Meemfiis isaan awwaalti; qabeenni meeti'ii ka isaan kuufatan maruu doobbii uffatan; hulee isaan jiraatanitti qore'etu biqila.
7
Guyyaan adabbi'ii gayeera; worri Israa'eliillee akka guyyaan ani haluu isaan bayu gaye haa beekanii; isin sababaa badi'ii fi jibba keessaniitiin raatticha akka gowwa'aatitti, nama Hafuurri Rabbii isa irra jiru akka maraattu'uutitti laaltan.
8
Rabbi raatticha tissee banii Israa'elii akka ta'u godheera; ta'ullee karaa marattuu siiboo isa jala kaayaniiran; mana woyyuu Waaqa ufii keessattillee lolatu isa eeggata.
9
Baniin Israa'elii akka namoota bara Gabaa'onii turanii battaayaniiran; Rabbi badii isaanii yaadee waan cubbuu isaaniitiif isaan adaba.
10
Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa Israa'eliin arge akka nama lafa onaatitti hurbuu woyini'ii argatee ta'e; ani hennaa abboota teessan ta durii arge akka daraaraa muka hurbuu jalqaba gaye argee ta'e; isaan garuu hennaa Ba'alpheetsoriin gayan waaqa tolfamaa nama saalfachiisu sanitti dabarsanii uf kenna; isaanillee akkuma waaqa tolfamaa jaalatan sanii battoota ta'an.
11
Guddinni banii Israa'elii akka simbiraa bararee bada; ammaa achi garaan isaanii hin taa'u; hin ulfaayan; hin dayanille'e.
12
Isaan yoma ijoollee uumatanii guddisanillee ani isaan maraa waan qoomuuf worra ijoollee hin qabne ta'an; ani isaan irraa yoo fagaadhe isaan hobbaas!»
13
Ani Israa'eliin akka meexxii lafa mishaa irratti dhaabanii ka taateetu arge; worri Israa'elii ammo ijoollee ufii qalmaaf dhiyeessan.
14
Gooftaa kiyya! banii kanaa maal kennita; garaa irraa bawuu fi harma aannan hin baane isaanii kenni!
15
Rabbi akkana jedha, «Isaan uduu Gelgelaa jiran hujiin isaanii hamaan ifa baye; anillee hujii isaanii hamaa kana achitti jibbuu jalqabe; ani hujii hamaa isaan hojjataniif biyya isaanii kenne keessaa isaan baasa; ani ammaa achi jaalala kiyya isaanitti hin mudhisu; bulchoonni isaanii maruu worra dhiban ta'aniiran.
16
Baniin Israa'elii akka muka qilleensi dhayee hiddi isaa gogee daraaraa daraaruu hin dandeennee daraaraa malee hafan; yoma ijoollee uumatanillee ijoollee isaan guddisanii jaalatan isaan jalaa ajjeesa.
17
Isaan waan isaa ajajamuu didaniif Waandhi kiyya isaan gata; isaanillee banii Yihuudota hin taane keessatti raantaya'aa jiraatan.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14