bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 14
Hosea 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
1
Banii Israa'elii! isin sababaa cubbuu keessaniitiif waan gufattaniirtaniif gara Rabbii Waaqa keessanii deebi'aa'a.
2
Waan himattan qabadha'aatii gara Rabbii deebi'a'aatii «Cubbuu keenna maraa nuu dhiisi, araaraan ufitti nu fudhu; daraaraa galataa mishaa afaan keennaa sii dhiyeessinaa.
3
Asoor nu hin oolchu, faradoo isaa ka lolaa hin hedannu; nu'u ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keennaan hojjanne maraa ‹Waaqa› jennee hin waamnu; Waaqa keenna! worri maatiin jalaa dhuman si'iin araara argatan» jedha'aanii'i.
4
Rabbi akkana jedha, «Ani amanamuu dhabuu banii kiyyaa qajeelchee, gara kiyya isaan deebisa; dheekkamsa kiyya waan isaan irraa deebi'eef fedhuma kiyyaan isaan jaaladha.
5
Ani banii Israa'eliitii akka fixeensa bu'uu ta'a; isaan akka abaaboo billiqqaayee bareedan; akka mukkiin Libaanosiititti hidda gad fageeffatan.
6
Biqilli isaanii hin lalisa; akka muka ejersaatitti bareedan; akka bosona Libaanosii akka misha'atti urgaayan.
7
Isaan deebi'anii gaaddisa kiyya jala taa'an; akka biqila midhaaniititti lalisan; akka dhaaba woyini'iititti abaaban; akka daadhii woyinii Libaanosii beekkamaa ta'an.
8
Banii Israa'elii! ani waaqolee tolfamaa woliin wolii galtee maal qaba? ka kadhaa keessaniif deebii isinii kennuu fi ka isin kunuunsu ana; ani akka hindheessa hennaa maraa lalisee mudhatuuti; isin anaan worra bu'aa qabu taatan.»
9
Worri ogummaa qaban waan kanniin hin hubatan; worri hubannaa qabanillee isaan beekan; karaan Rabbii qajeela'a; balchoonni isa irra deeman; cubbamtoonni ammo itti gufatan.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14