bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 13
Hosea 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 14 →
1
Bara gofti Efreemii banii Israa'eliititti boonan worri waan isaan dubbatan dhagayan maruu hin hollatan; maayessa ammo waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu sagada'aa waan cubbuu hojjateef du'aan adabaman.
2
Isaan ammallee ogummaa ufiitiin fakiiwwan baffamanii fi waaqolee tolfamaa meetii irraa hojjataman hojjata'aa cubbuu irratti cubbuu eda'atan, kunniin maruu hujii harka namaati; hujii harka namaa kanniinii ciincaa dhiyeessaa'a jedhan namoonnillee waaqolee tolfamaa bifa waatiyyo'ootiin hojjatamaniif sagadan.
3
Sababaa kanaaf isaan akka hurrii ganamaatitti aaranii badan; akka fixeensa ganamaatittillee hin harca'an; akka habaqii bubbeen oobdii irraa haruu yookaan akka aara hulee aarri bayuutiin bayee dhumatuu ta'an.
4
Rabbi akkana jedha, «Rabbi Waandhi keessan ka biyya Misiriitii isin baase ana; anaa achi Waaqa biraa hin qabdan; ka isin fayyisullee ana.
5
Ona gammoojji'ii keessatti ka isin kunuunse ana.
6
Haga gara biyya michu'uu galtan ammo akka quuftanitti nyaattanii guddiftanii uf jajjanii na irraanfattan.
7
Ani sababaa kanaaf akka leencaatii fi Qeerransa karaa irra riphuu isinitti ta'a.
8
Akka ilmoolee doobbaa jalaa fudhatame gootuu ani balaa isinitti buusa; isin ciccira; akka leenca nama nyaatuu isinitti ta'a; akka bineensa hamaa nama cicciruutitti isin ciccira.
9
«Banii Israa'elii! lafa keessan irratti waan natti kaataniif ani isin balleessa;
10
Isin akka ani mooti'ii fi bulchoota isinii kennu na gaafattanii turtan, eeganaa amma mootiin isin oolchu, bulchoonni waa isin irraa dhooggan eessa jiran?
11
Ani aaree mootota isinii kennee ture; ammo dheekkamsa kiyya gudda'aan isaan balleesse.
12
Cubbuunii fi yakki Israa'elii barreeffamee tuulameera.
13
Israa'el abdii jiraachu'uu qaba; garuu akka daa'ima hennaan dhalatu gayee gadaamessa haadhaatii bayuu hin barbaanneetitti gowwaa ta'eera.
14
Ani hunna ibidda asaabaa jalaa isaan oolchaa? du'a jalaa isaan baasaa? du'a! balaawwaa kee meeti? ibidda asaabaa! ka nama balleessituun meeti? ani garaa isaanii hin laafu.
15
Inni yoma obboleewwan ufii jiddu'utti ka bu'aa qabu ta'ellee qilleensi baya biiftu'uu ka Rabbi ittiin waa adabu lafa onaatii ka'ee dhufa; burqaan isaa hin dhaabata; lanni isaallee hin goga; qilleensi meeshaa isaa ka gatii mi'a'aa maraa jalaa fudhata.
16
Samaariyaan waan natti kaatee yakka hojjatteef hin gaafatamti; baniin isi'ii lolaan dhuman; daa'imma lafa irratti dhuman dubartoota ulfaa garaan hin baqaqa.»
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14