bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 8
Hosea 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 9 →
1
Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya waan waadaa kiyya diiganii fi isaan seera kiyya cabsanii diinni mana kiyya irratti akka rumichaa waan naannaya'aaruuf xurumbaa isaan seeru afuufaa'a!»
2
Isaan anaan, «Waaqa keenna! nu'u baniin kee si beenna jedha'aa gara kiyya iyyan.
3
Garuu baniin Israa'elii waan mishaa waan jibbaniif diinni isaan ari'a.
4
«Isaan fedha kiyya malee mootota moosisan; uduu na hin gaafanne abboota murti'ii muudan; isaan waaqolee tolfamaa isaan balleessan meeti'ii fi worqii ufii irraa hojjatatan.
5
Isin banii Samaariya'aa! ani waaqa tolfamaa fakii waati'ii keessan jibbeera; dheekkamsi kiyya akka ibiddaatitti isin irratti bobaya; isin haga yoomii badii irraa qulqullaayuu diddan?
6
Fakiin waaqa tolfamaa waati'ii kun ka harka nama ogeessaatiin hojjatame waan ta'eef Waaqa ta'uu hin danda'u; kanaafuu waandhi tolfamaan Samaariya'aa ka fakii waati'iitiin hojjatame caccabee kufa.
7
Isaan akka nama qilleensa waamee bubbee haamatuu ta'an; maqaan midhaanii ka hurbuu hin qabne midhaan ta'uu hin danda'u; yoma daraaraa qabaatellee kama worri ormaa nyaatan woyya.
8
Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taane keessatti liqimfamanii akka meeshaa gatii hin qabnee ta'aniiran.
9
Isaan akka harree wojjuma ufii lafa onaa keessa olii gad tarara baduu gara mootii Asoorii deeman; akka isaan eegan moototaa gatii kaffala'aa shelatan.
10
Mootota Shelachu'uuf yoma gatii kaffalanillee ani hulee tokkotti wolitti isaan qaba; isaan miidhaa mootonninii fi abboonni murti'ii isaan irra geessaniin huqqata'aa deeman.
11
Baniin Israa'elii hulee ciinca'aa heddu dhiifamsa cubbu'uutiif jedhanii hojjataniiran; huleen ciinca'aa sunniin ammo hulee cubbuu itti hojjatan ta'eera.
12
Ani seera kiyya keessaa seera isaan ittiin bulan heddu barreessee isaanii kenne; isaan ammo akka waan keessumma'aatitti laakkayan.
13
Isaan yoma ciincaa mishaa naa dhiyeessanii foon ciinca'aa uduu nyaatanille'ee ani Rabbi ufitti isaan hin fudhadhu; ani amma yakka isaanii isaanitti yaadee cubbuu isaaniitiin isaan adaba; isaan gara biyya Misirii hin deebi'an.
14
Baniin Israa'elii mana mootumma'aa gugurdaa ufiif hojjataniiran; baniin Yihuuda'aallee qachoota hedduu kushee ijaarataniiran; kanaafuu ani ibidda qachoota isaaniitii fi kushee isaanii gubu isaanitti erga.»
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14