bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 4
Hosea 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 5 →
1
Banii Israa'elii! Rabbi namoota biyya kana keessa jiraatan maraa waan ajiifatu qaba; kanaafuu waan inni siin jedhu maraa dhagayi; «Biyyattii keessa amanamummaan, jaalalaa fi Rabbiin beekuun badeera.
2
Isaan waadaa kaku'uun galan diiganii soban, hin ajjeesan, hin hatan, hin seebaran, miidhaanii fi ajjeechaan baay'ateera.
3
Sababaa kanaaf biyyatti'itti rakkoo caamaatitu dhufa; worri isii keessa jiraatan maruu hin dadhaban; horiin, simbirranii fi qurxummiin galaana keessaa maruu hin dhuman.
4
Rabbi akkana jedha, «Gadoota ani isin ajiifadha malee ka banii himatu yookaan ajiifatu hin jiraatin.
5
Isin gadoota nana! ifa guyya'aatiin bararraaxxan; raattonnillee halkan isin woliin dukkana keessa bararraaqan; kanaafuu ani biyya haadha teessanii hin balleessa.
6
Baniin kiyya sababaa kolbatti na beekuu dhabeef badeera; isin waan na beekuu hin barbaanneef akka gadoota tiyya taatanii na tajaajiltan hin barbaadu; isin waan seera kiyya tuffattanii irraafattaniif ijoolleen teessanillee hin irraanfataman.
7
«Isin gadoota, akkuma baay'inni keessan eda'a'aa deemuun yakki keessanillee afoo kiyyatti baay'ata'aa deemeera; kanaafuu ani ulfinna keessan isin irraa mulqee isin salphisa.
8
Cubbuun banii kiyyaa karaa isin ittiin duroomtan waan ta'eef baniin akka guddisanii cubbuu hojjatan barbaaddan.
9
Isin gadoonni akkuma bani'ii taataniirtan; kanaafuu adabbiin banii irra gayu isin irrallee hin gaya; gatii hujii hammeenna keessaniillee hin kaffaltan.
10
Baniin kiyya ana Rabbiin waan dhiisaniif hin nyaatan garuu hin quufan; hulee worri Yihuudii hin taane irratti sagadan irratti seebaran; garuu ijoollee hin uumatan» jedha.
11
Rabbi akkana jedha, «Hujiin seebaru'uu daadhii woyini'ii ka turee fi haarawa obaasa'aa sammuu banii kiyyaa balleessaniiran.
12
Kanaafuu waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame gorsa gaafatan, uleen isaan moraniin gaafii isaaniitiif waan deebii isaanii deebisu seeyan; isaan hafuura seebaraatiin masakkamanii Rabbiin irraa fagaataniiran.
13
Isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessan; tulloota irrattillee kennaa dhiyeessan; isaan waan kana qilxuu mishaa gudda'aa fi ka haafni isaa babadhatee gaaddisa qabu, muka balasii jedhamuu fi hindheessa jalatti dhiyeessan; sababaa kanaaf ijoolleen durbaa teessan seebartoota ta'an; haawwonni manaa ilmaan teessaniillee hin seebaran.
14
Ta'ullee ijoolleen durbaa teessanii fi haawwonni manaa ilmaan teessanii waan seebaraniif hin adabu; sababaan adabuu dhabuuf isin worri dhiiraa dubartoota mana woyyuu keessatti seebaran duukaa bu'a'aa isaan woliin waaqeffannaa ormaa raawwattan; kanaafuu baniin hubannaa hin qabne hin bada.
15
Banii Israa'elii! isin yoo seebartanillee banii Yihuuda'aa yakkamtoota hin taasisinaa'a; gara Gelgela'aa yookaan gara Beeti'aweenii hin dhaqinaa'a; ‹Rabbii jiraataa'a› jedha'aa hin kakatinaa'a.
16
Baniin Israa'elii akka raada dhibduu dhibaa ta'aniiran; eeganaa Rabbi isaan akka korbeeyyii hoolotaa attamitti hulee misha'atti isaan bobbaasa?
17
Baniin Israa'elii waaqeffannaa waaqolee tolfama'aatiin waan wolitti hidhamaniif isaan dhiisaa'a; waan barbaadan haa godhanii.
18
Haga daadhii woyini'ii guddisanii dhuganiin maayessa hujii ufii ka seebaraatitti ka'an; bulchoonni isaanii guddisanii waan nama saalfachiisu hojjachuu jaalatan.
19
Isaan haguma qilleensi fuudhee isaaniin deemuutitti fagaatan; ciincaa waaqa tolfama'aa dhiyeessanittillee hin saalfatan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14