bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 11
Hosea 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 12 →
1
Rabbi akkana jedha, «Ani banii kiyya Israa'eliin daa'imumma'atti jaaladhe; ilma kiyya biyya Misiriitii waame.
2
Garuu banii kiyya Israa'eliin haguma gara kiyya guddisanii akka dhiyaataniif isaan waame; isaan guddisanii na irraa fagaatan; isaan waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uu fi fakiiwwan isaatiifillee hixaana aarsuu hin dhiifne.
3
Ka ijoollee isaanii qabee daaddee barsiise ana; ani ammadhee isaa qabee ture; isaan ammo akka ani isaan kunuunsu hin beenne.
4
Ani gara laafummaa, namumma'aatii fi hidhaa jaalalaatiin isaan masakka'aa ture; qambara isaan irra jiru isaan irraa kaasee, gad jedhee isaan nyaachisa'aa ture.
5
Isaan waan gara kiyya deebi'uu didaniif gara biyya Misirii deebi'anii mootii biyya Asoorii jalatti bulan.
6
Eboon diina isaanii qachoota isaanii dhaya; balballan qachootaallee hin caccabsa; gorsa isaanii hamaallee isaan harkaa balleessa.
7
Baniin kiyya na irraa fagaachuu barbaadan; ta'ullee gargaarsaaf ol iyyatan, eennullee rakkinna isaanii jalaa isaan baasuu hin danda'u.
8
«Israa'el! attamiin si dhiisa? attamitti dabarsee si kennalle'e? waan Adaama'aa fi Tsabooyiin irra godhe, attamitti si irratti godha? jaalalli ani sii qabu guddaa waan ta'eef, waan kana maraa si irratti godhuu hin barbaadu!
9
Ani ka isin jidduu jiru Waaqa woyyicha malee namaa miti; kanaafuu balaa lola kiyyaa hin fidu; deebi'ee Israa'eliin hin balleessu; lola kiyyaanillee gara keessan hin dhufu.
10
«Ani Rabbi isaan fayyisu'uuf akka leenca aaduu hennaa laagaa kiyya dhageessise isaan na faanaa deeman; ijoolleen tiyya hollata'aa gara dhiya adu'uutii dhufan.
11
Biyya Misiriitii akka simbiraatitti, biyya Asooriitii akka handari'iititti barara'aa dhufan; ani gara hulee jireenna isaanii isaan deebisa; ka waan kana dubbata'aaru ana Rabbi Waaqa keessan» jedha.
12
Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii sobaan kijibaan na marsaniiran; Yihuudaan ammo ammallee karaa ani Rabbi isa masakkuun deema; ana woyyichaafillee amanama'a.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14