bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Hosea 7
Hosea 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 8 →
1
«Ani banii kiyya Israa'eliin fayyisu'uu fi akka durooman hennaa godhuu barbaade yakki bani'iitii fi hammeenni Samaariya'aa ifa ta'ee mudhata; isaan soba wolitti dubbatan; mana cabsa'aa hatan; gare gare'een ta'anii kara'atti baya'aa saaman.
2
Garuu akka ani hammeenna isaanii kana maraa qaabadhu sirima hin hubatan; sababaa kanaaf cubbuu ufiitiin marfamaniiran; hujiin hammeenna isaanii maruu ka na jalaa dhokatee miti.
3
Rabbi akkana jedha, «Isaan mootii ufii hammeenna ufiitiin, worra jajjabaa sobaan gammachiisan.
4
Isaan maruu hin seebaran; namni daabboo godhu haga dukkuussiin dukkuufame sun bukaawutti ibidda jala tuquun hin barbaachifne akka gaamsee oo'eeti.
5
Worri jajjabaan guyyaa ayyaana mootii isaanii daadhii woyini'ii guddisanii dhuganii machaayanii dhibaman ka daabboo godhu namoota baldanitti mudhisu'uuf harka ufii kaase.
6
Daba hojjachu'uuf garaan isaanii akka gaamse'ee oo'a; lolli isaanii halkan guutuu uduu aaru bula; yoo lafti bariitu ammo akka ibidda bobayuutitti mallisa.
7
Isaan maruu akka gaamse'eetitti lolaan oo'anii bulchoota ufii fixan; mootota ufiillee kore kore'een fixan; hennaa wonti kun maruu ta'u isaan keessaa namni tokkollee ka gargaarsa na gaafate hin jiru» jedha.
8
Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taanetti makaman; isaan sababaa kanaaf akka xoroshoo gara hin gallee worra bu'aa hin qabne ta'aniiran.
9
Worri ormaa hunna isaanii fixan; isaan ammo hin hubanne, arrii babbaasaniiran; isaan ammo hin hubanne.
10
Banii Israa'elii dhaaduun isaaniituu isaanitti rageessa; kun maruu ta'ee isaan gara ana Waaqa isaanii hin deebine, sirimaa na hin sondhe.
11
Baniin Israa'elii akka handari'ii gara laafeyyi'ii fi worra sammuu dhidhu'uu ta'aniiran; kanaafuu isaan gargaarsa argachu'uuf hennaa tokko gara biyya Misirii iyyatan; hennaa tokko gara mootii Asoorii fiigan.
12
Hulee isaan itti naannayan marattuu siiboo kiyya diriirsee akka simbiraatitti isaan qaba; hujii hammeennaa ka isaan hojjataniifillee isaan adaba.
13
Isaan waan na irraa fagaatanii deemaniif isaan hobbaas! isaan waan na dhibaniif badiin isaanitti haa dhuftu; ani isaan oolchuu barbaadee ture, isaan ammo na irratti soba dubbatan.
14
Isaan siree ufii irra ciisanii iyyan malee gara'aan na hin kdhatan; isaan midhaanii fi daadhii woyini'ii argatu'uuf jedhanii nafa ufii cicciran; natti ka'an.
15
Ka isaan leenjisee fi ka hunna isaanii jabeesse ana; isaan daba natti yaadan.
16
Na irraa fagaatanii gara waaqeffannaa duwwa'aa deebi'an, akka buundhee waan itti bikkatan dhabee baduu ta'aniiran; bulchoonni isaanii sababaa waan hamaa dubbataniif guraade'een dhayamanii du'an; isaan worra biyya Misirii biratti worra kolfaa ta'an.»
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14