bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 1
Mark 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
1
Jalqabni Dubbii Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.
2
Kitaaba raatticha Isaayyaasii keessatti, «Ani ergamaa kiyya ka karaa sii qopheessu si afo'otti erga.
3
Lafa udume'ee keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a. Daandii inni irra deemullee qajeelchaa'a› jedha'aa laagaa namicha iyyu tokkoo» jedhamee akkuma barreeffame.
4
Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisaa» jedha'aa lallaba'aa dhufe.
5
Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanosiititti harka isaatiin cuuphama'aa turan.
6
Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatame uffatee, mudhii ufii teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma gammoojji'ii nyaata'aa ture.
7
Inni akkana jedhee lallabe. «Ka ana caalaa hunna qabu, ka miseensa kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara.
8
Ani bisaaniin isin cuupha; Inni ammo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha» jedha'aa lallabe.
9
Hennaa san Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yoordaanosiititti cuuphame.
10
Akkuma Inni bisaan keessaa bayeen samiin banamee Ayyaanni handarii fakkaatee yoo irratti bu'u arge.
11
Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, Ani sitti gammada» jedhu dhufe.
12
Yoma san Ayyaanni gara lafa udume'ee isa baase.
13
Lafa udume'eetitti guyyaa afurtamaaf seexanaan ataabama'aa ture. Achitti bineensota jidduu ture. Maleekkonni isa tajaajilaniin.
14
Haga Yohaannis dabarfamee kennameen maayii Yesuus, «Barri dhume; Jeennanni Rabbii dhiyaateera; aagii galaa'a; Dubbii Nagayaatittillee amanaa'a.» jedha'aa Dubbii Nagayaa ka jeennata Rabbii lallaba'aa gara Galiila'aa dhufe.
16
Uduu galaana Galiila'aa bira lufa'aaru Simoonii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan.
17
Yesuus, «Na faanaa koottaa worra nama wolitti qabu akka taatan isin taasisaa» isaaniin jedhe.
18
Yoosuu siiboo ufii dhiisanii isa faanaa deeman.
19
Akkuma diqqoo achi siiqeen ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin yabala irratti uduu isaan siiboo midhaaffatan argee,
20
Yoma san isaan waame; isaanillee abbaa isaanii Zabdewoosiin hojjattoota woliin yabala irratti dhiisanii isa faanaa deeman.
21
Gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqanii guyyaan Sambataa hennaa gaye Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise.
22
Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef namoonni barumsa isaa maalalfatan.
23
Hennaa san mana sagada Yihuudotaa keessatti nama ayyaanni battiin dhayeeru tokkotu ture.
24
Inni, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye.
25
Yesuus, «Cadhisi! Isa keessaa bayi» jedhee teedeffate.
26
Ayyaanni battiin dhidhiitachiisee laagaa gudda'aan iyyee isa keessaa baye.
27
Martinuu, «Kun maali'i? Baalli'iin ayyaannan battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif; barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan.
28
Gurri isaallee yoosuu biyya Galiila'aa maraa keessatti dhagayame.
29
Yoma san mana sagada Yihuudotaatii bayee Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin gara mana Simoonii fi Indiriyaasii seene.
30
Soddaatiin Simoonii dhibee haxaxxe'eetiin dhibamtee ciiftee turte. Yoosuu waan isi'ii itti himan.
31
Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen; haxaxxeen bakkumatti dhiiseen. isiin ol kaatee isaan keessummeessite.
32
Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.
33
Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan.
34
Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase; Jinnoonni Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine.
35
Yesuus ganama barii dimimmisaan ka'ee bayee gara lafa udume'ee dhaqee achitti faateffate.
36
Simoonii fi worri isa woliin jiran isa soqa'aa isa faanaa deeman.
37
Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin.
38
Inni ammo, «Ka'aa gara ganda dhiyoo jiranii haa deemnuu, Ani achittillee dubbii nagayaa barsiisaa; wonti ani dhufeef kanaa» isaaniin jedhe.
39
Mana sagada Yihuudotaatitti lallaba'aa, jinniillee baasa'aa biyya Galiila'aa keessa naannaye.
40
Namichi dhibee gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee jilbiiffatee, «Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedhee kadhateen.
41
Yesuusillee garaa laafeefii harka ufii hiixatee qaqqabeenii «Fedhii kiyyaa fayyi» jedheen.
42
Akkuma inni dubbateen dhibeen sun isa dhiise; namichillee hin fayye.
43
Achiin maayii Yesuus namichaan «Eennuttillee waa tokko akka hin dubbanne uf eegi. Deemi ammo gadichatti uf mudhisi; isaaniifillee akka ragaa ta'u fayyuu keetiif waan Muuseen ajaje dhiyeessi» jedhee jabeessee isa seeree geegesseen.
45
Inni ammo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture; gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16