bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 2
Mark 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
1
Guyyaa hago'oon maayii Yesuus gara Qifirnaahoomii dhufee akka mana jiru dhagayame.
2
Afoon balbala manaa haga isaanitti dhiphatutti namoonni hedduu wolitti qabamanii Inni dubbii Rabbii isaanitti lallabe.
3
Namoonni afurii nama laamshayeeru tokko baadhatanii gara isaa fidan.
4
Sababaa namni baay'ateef gara isaa dhiyeessuu waan dadhabaniif kolba Yesuus jiruun ginnoo manaa saaqanii siree namichi laamshayaan irra ciiseeru woliin gad buusan.
5
Yesuus amantii isaanii argee, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya cubbuun kee maruu sii dhiifameera» jedheen.
6
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gari gariin achi taa'anii turan. Isaan garaa ufii keessatti,
7
«Namichi kun attamitti akkana dubbata? Kun Rabbiin arrabsu'u! Rabbii tokkocha malee eentu cubbuu namaa dhiisuu danda'a?» jedhanii yaadan.
8
Yesuus yoma san garaa isaanii keessatti akka akkana yaadan cora'aan beekee akkana isaaniin jedhe, «Maaf garaa keessan keessatti akkana yaaddan?
9
Namicha Laamshayaa saniin, ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jecho'o moo yookaan, ‹Ka'ii siree tee baadhadhuu deemi› jechu'utu irra salphata?
10
Ani Ilmi Namaa akka ardii irratti dhiifamsa cubbu'uu godhu'uuf baallii qabu akka beettan» jedhee namicha laamshaya'aan,
11
«Ani siin jedha, siree tee baadhadhuu gara mana keetii deemi» jedheen.
12
Uduma isaan argan namichi ka'ee siree ufii baadhatee bayee deeme. Kanaafuu namoonni maruu maalalanii, «Waan akkanaa kana horoma arginee hin beennu» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
13
Akkasuma ammallee Yesuus gara qarqara galaanaa gad bu'e; hennaa san namoonni hedduu gara isaa dhufan; Inni isaan barsiise.
14
Inni uduu karaa san lufa'aaru Leewwiin ilmi Alfiyoosii hulee qaraxa itti qaraxu ka taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ka'ee isa faanaa deeme.
15
Namoonni Yesuusiin faana deeman heddu waan turaniif, hennaa inni mana Leewwi'iititti hurbaata nyaata'aaru worri qaraxa guuranii fi cubbamtoonni hedduu isaa fi darasoota isaa woliin nyaata'aa turan.
16
Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni hennaa inni worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaatu arganii barattoota isaatiin, «Inni maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata'aa dhuga?» jedhan.
17
Yesuusillee waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee fayyaaleyyi'iif ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani cubbamtoota malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.
18
Darasoonni Yohaannisiitii fi Fariisonni waan soomaniif namoonni gari gariin gara Yesuusii dhufanii, «Darasoonni Yohaannisiitii fi Fariisonnii hin sooman; darasoonni tee ammo maaf hin soomne?» jedhaniin.
19
Yesuusillee deebisee, «Uduu idaayyichi isaan woliin uduu worri jaalaa soomuu hin danda'anii ree? Idaayyichi uduu isaan woliin jiru worri jaalaa soomuu hin danda'an.
20
Haa ta'uu ammo hennaan idaayyichi isaan biraa fudhatamu ammo hin dhufa, isaan hennaa san sooman.
21
Namni uffata moofaa irratti uffata haarawa kutee dhaabee hodhu hin jiru; yoo itti dhaabee hodhe ammo uffanni haarofni sun uffata moofaa hin kukkuta; tarsa'iinsi isaallee ka duraa caala.
22
Ka qalqala moofa'atti daadhii woyini'ii haarawa naqu hin jiru; yoo naqe ammo daadhiin woyini'ii qalqala san hin dhoosa; daadhiinillee jigee bada; qalqallillee hin dhooya. Daadhiin woyini'ii haarofni ammo qalqala haarawatti naqama» jedhe.
23
Guyyaa Sambataa tokko Yesuus maasaa keessa uduu lufa'aaru, darasoonni isaa isa woliin deema'aa asheeta kukkutatuu jalqaban.
24
Fariisonnillee guyyaa Sambataa «Maaf waan Seeraan dhooggame godhan?» jedhaniin.
25
Yesuus deebisee, «Hennaa Daawitii fi worri isa woliin jiran beelayanii rakkatan waan Daawiti godhe horoma argitanii hin dubbifnee? Hennaa Abiyaataar bulchaa gadootaa ta'ee ture, Daawiti gara mana Rabbii seenee xoroshoo Rabbiif woyyoomte ka seerri gadoota calla'aaf kennu ufii nyaatee worra isa woliin jiraniillee kenne» jedhe.
27
Achiin maayessa Yesuus, «Sambatatu namaaf uumame malee, namni Sambataaf hin uumamne.
28
Maarre; Ani Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a» isaaniin jedhe.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16