bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 7
Mark 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
1
Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa worri Yerusaalemii dhufan gariin Yesuusiin biratti wol gayan.
2
Darasoota isaa keessaa gariin uduu hin dhiqanne harka xuri'iitiin uduu xoroshoo nyaatan argan;
3
Fariisonninii fi Yihuudonni maruu seera manguddootaa eegu'uuf harka ufii midhaassanii uduu hin dhiqatin hin nyaatan.
4
Gabaya'aa yoo deebi'an uduu uf hin qulqulleessin hin nyaatan. Aadaan isaan kabajjan ka biraallee heddutu jira; isaan kobbee, ottee, qorii, waan akka sibiila irraa hojjatamee fi siree fa'a dhiqu'u.
5
Kanaaf Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa, «Darasoonni tee maaf akka aadaa manguddootaatitti jiraatuu dhiisanii harka xuri'iitiin hurbaata nyaatan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.
6
Inni ammo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajja; garaan isaanii na irraa fago'o.
7
Aadaa namaa akka ajaja Rabbiititti barsiisa'aa, na waaqeffatuun isaanii gatii hin qabu› ka jedhe dhuga'a.
8
Isin ajaja Rabbii dhiiftanii xuwwe'ee fi ottee dhiqu'uun seera namaa eeddan. Kanaaf waan kana fakkaatu waan biraallee waan heddu gootan» isaaniin jedhe.
9
Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii ajaja Rabbii guddiftanii tuffattan.
10
Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa kee kabajji! Ka haadhaa fi abbaa ufii abaaru haa ajjeefamuu› jedhee ajajee waan tureef.
11
Isin ammo namni tokko haadhaan yookaan abba'aan ‹gargaarsa na irraa argattan maraa kennaa godhee kenneera› uduu isaaniin jedhee,
12
isin namni kun asiin maayessa haadhaaf ta'ee'e abba'aaf, woma tokkollee akka isaaniif godhu hin hayyamtaniif.
13
Aadaa teessan ta wolitti dabarsitan sanniiniif dubbii Rabbii diiddan. Akkasuma waan kanniin fakkaatu waan heddu gootan.
14
Akkasuma baniillee waamee, «Isin martinuu na dhageeffadhaa'a; qalbeeffadhalle'e.
15
Wonti nama batteessu waan keessa namaatii bayu malee, ka diidaa gara gara'aa seenu tokkollee nama hin batteessu.
16
[Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu]» isaaniin jedhe.
17
Banii keessaa gara manaa hennaa seene darasoonni isaa waan mammaaka sanii isa gaafatan.
18
Inni akkana isaaniin jedhe, «Isinillee kana maraa worra hin qalbeeffannee? ka diidaa gara afaanii seenu sirimaa akka nama hin batteessine hin argitanii?
19
Gara gara'aa seenee gara diidaa baya malee, gara qalbi'ii hin seenu» Yesuus akkana jechu'uun nyaanni martinuu qulqulluu akka ta'e ibse.
20
Yesuus itti aansee akkana jedhe, «Waan garaa namaa keessaa bayutu nama batteessa.
21
Wonti garaa namaa keessaa bayu yaada hamaa, seebaruu, hanna, ajjeesuu,
22
sagaagaluu, luqunuu, hammeenna, sobuu, adaba dhabuu'u, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu'u, uf jaju'uu fi ceem'uu fa'a.
23
Hamtuun kun martuu keessa namaatii bayee nama batteessa.»
24
Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammo dhokachuu hin dandeenne.
25
Dubartiin takka ta mucattiin isi'ii ayyaana batti'iin qabamteertu gurra Yesuusii dhageettee dhuftee luka isaa jalatti jidde.
26
Dubartittiin sun nama Giriikiiti; isiin biyya Sooriya'aa keessatti hulee Finiiqee jedhamtutti dhalatte. Isiin akka mucattii isi'ii keessaa jinnii baasuuf Yesuusiin kadhatte.
27
Yesuus ammo, «Mee dura ijoolleen nyaattee haa quuftuu; nyaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun sirri'ii miti» jedheen.
28
Isiin deebiftee, «Ee, Gooftaa'a, sariinillee waanuma qorii ijoolle'ee irraa harca'e nyaatanii mii!» jetteen.
29
Inni isi'iin, «Dubbima kee kanaafuu jinniin mucattii tee keessaa bayeera; gara mana keetii gali» jedhe.
30
Isiin hennaa gara manaa deebitee galte jinniin mucattii keessaa bayee mucattiinillee ta siree irra ciifteertu argite.
31
Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee karaa Sidoona'aatiin lufee biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe.
32
Jarri tokko namicha gurra duuda'aa ka afaan wol hidhu gara Yesuusii fidanii, akka inni harka ufii isa irra kaayuuf kadhatan.
33
Yesuus namicha san gumii keessaa adda baasee, quba ufii gurra isaa keessa kaaye. Achiin maayii tufee arraba isaa tuqe.
34
Gara sami'ii ol jedhee laalee, hafuura guddaa baafatee, «Eftaahi» jedheen. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u.
35
Yoosuu gurri isaa banamee arrabni isaallee hiikkamee qajeelchee dubbate.
36
Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammo guddisanii odeessan.
37
Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu godha!» jedhan.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16