bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 16
Mark 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Sambanni haga lufeen maayii Maariyaamiin Maqidalaa, Maariyaamiin haati Yaaqoobiitii fi Saloomeen nafa Yesuusiitiif Urgoo dibu'uuf bitan.
2
Torbaan keessa guyyaa Dilbataa obboroo haga aduun baate gara awwaalaa dhufan.
3
Isaan kara'atti, «Dhagaa afaan awwaalaa irraa eentu nuu gangalcha?» Woliin jedha'aa turan.
4
Waan dhagaan guddisee guddaa tureef itti siiqanii hennaa laalan dhagaan balbala awwaalaatii ka gara galfameeru argan.
5
Hennaa gara awwaalaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaatiin taa'eeru arganii nayan.
6
Inni ammo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera; arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan.
7
Haa ta'uu ammo deema'aatii darasoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isin firrisee Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin argitan› jedha'aatii himaa'a!» isaaniin jedhe.
8
Isaan naasu'uun bararraaqanii achi keessaa bayanii awwaala biraa baqatan; sodaatanii waan turaniif eennuttillee womaa hin dubbanne. Isaan waan inni isaan ajaje maraa Pheexroosii fi worra isa woliin jiranitti gabaabsanii himan. Kanaan maayessa Yesuus innumti Dubbii Nagayaa ka fayyinna bara baraatiif ta'e Woyyuun hin jijjiiramne, baya biiftu'uutii haga dhiyaa isaan harka kaayee erge.
9
Yesuus jalqaba torbaanii ganama barii hennaa du'aa ka'e dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hammeeyyii torba keessaa baaseetti mudhate.
10
Isiin gara worra dur isa woliin jiranii, ka guddisanii gaddanii booya'aa jiranii dhaxxee waan kana isaanitti himte.
11
Isaan ammo akka inni jiraataa ta'ee fi akka isiin isa argitellee hennaa dhagayan hin amanne.
12
Achiin maayessa isaan keessaa nama lamaa ka gara baadiya'aa deeman argee karaa irratti bifa biraatiin isaanitti mudhate.
13
Isaan deemanii ka biraatitti odeessan. Isaan sunillee isaan hin amanne.
14
Achiin maayessa uduu isaan hurbaata nyaachu'uuf ta'aniiran kudha tokkottuu mudhate; ka'ee sababa isaan garaa jabaatanii amanuu dhabaniif isaan tuffate.
15
Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Dubbii Nagayaa lallabaa'a!
16
Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammo itti murteeffama.
17
Worri natti amane maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.
18
Bofa yoo harkaan qaban, yookaan yoo waan nama ajjeesullee dhugaan isaan hin miidhu; harka ufiillee worra dhibamtoota irra yoo kaayan isaan hin fayyan» isaaniin jedhe.
19
Gooftaan Yesuus haga isaan woliin kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.
20
Isaan bayanii naannoo maraa dhaqa'aa, Dubbii Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16