bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 13
Mark 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
1
Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen darasoota isaa keessaa tokko isaan, «Barsiisaa'a! dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen.
2
Yesuusillee deebisee, «Ati ijaarsa gugurdaa kana argitaa? kunniin martinuu hin diiggama; tokkochi isaaniillee wol irratti hin hafan» jedheen.
3
Yesuus uduu kolba mana woyyu'uutiin gaara ejersaa gubbaa taa'u Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiriyaas qofti gara isaa dhufanii,
4
«Wonti kun yoom ta'a nutti himi? wonti kun martinuu hennaa ta'u malkanni isaa maali'i?» jedhanii hojja ufiititti isa gaafatan.
5
Yesuus ammo akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a!
6
Namoonni hedduu, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan; namoota hedduullee hin dogoggorsan.
7
Hennaa lolaa fi oduu lolaa dhageettan hin sodaatinaa'a. Wonti akkasii kun hin ta'a; Haa ta'uu ammo barri dhumaa ammallee hin geenne.
8
Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; bakka adda addaatitti sochiin lafaallee hin ta'a; beellillee hin dhufa. Haa ta'uu ammo kun ciniinsuu duraati.
9
«Isin uf eeggadhaa'a; isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan; mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan; naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a.
10
Haa ta'uu ammo, Dubbiin Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama.
11
«Hennaa qabanii gara murti'ii isin geessan waan dubbattaniif dura hin yaaddayinaa'a! Waanuma hennaa san isiniif kenname dubbadhaa'a; dubbii isin dubbattan ka dubbatu Ayyaana Woyyu'u malee isinii miti.
12
Obboleessi obboleessa, Abbaanillee ilma ufii du'aaf dabarsee kenna. Ijoolleen worra ufiititti ka'anii ajjeesan.
13
Anaaf jettanii nama maraa biratti hin jibbamtan; ka haga dhumaa jabaatu ammo hin fayya» isaaniin jedhe.
14
Haa ta'uu ammo akkuma raaga Daani'eeliitiin dubbatame, «Farri battumma'aa hulee dhaabatuun isi'iif hin malle dhaabattee yoo argitan ka kana dubbise haa hubatuu. Hennaa san worri Yihuudaa jiran gara gaaraa haa dheessanii
15
Ka mana gubbaa jiru mana irraa gad bu'ee manaa waan tokko fudhachu'uuf hin seenin.
16
Ka qonna keessa jiru uffata ufii fudhatu'uuf gara duubaa hin deebi'iin.
17
Guyyoota san dubartoota ulfa ta'anii fi worra harma hoosisaniif aanne'e.
18
Haa ta'uu ammo dheessuun keessan ganna akka hin taane Waaqa kadhadhaa'a!
19
Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane; deebi'eellee hin ta'u.
20
Uduu Gooftaan guyyoota san gabaabsuu dhabaatee namni tokkollee hin hafu. Haa ta'uu ammo Inni banii ufii filateef jedhee guyyaa san gabaabse.
21
Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos as jira!› yookaan, ‹Ila laalaa'a! achi jiraa!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a.
22
Sababaanillee Kiristoosonni sobaatii fi raattonni sobaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.
23
Isin ammo uf eeggadhaa'a! Ani waan maraa dursee isinitti himeera.
24
«Guyyootuma san keessa rakkinna saniin maayessa aduun hin dukkanoofti; jiinillee hin ifu.
25
Urjiinillee samii irraa hin harcaati; hunniti Sami'iillee hin raafaman.
26
Achiin maayessa hennaa Ilmi Namaa hunna gudda'aa fi ulfinnaan duumessa keessaan dhufu hin argan.
27
Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga; kallattii arfanii fi qaccee lafa irraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.»
28
Yesuus amma ammo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee hennaa baala biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan.
29
Akkasuma isinillee kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a.
30
Ani dhuga'aan isiniin jedha; haga wonti kun maruu ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin jiraata.
31
Ardii fi samiin hin lufti; Dubbiin kiyya ammo hin lufu.
32
«Guyyaa san yookaan hennaa san eennullee hin beeku. Abbaa malee maleekkonni sami'iillee hin beekan; Ilmillee hin beeku.
33
Hennaan yoom akka ta'e isin waan hin beenneef uf eeggadhaa'a! Dammaqaa'a!
34
Kun akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee isaan maraafuu hujii kennee ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.
35
Maarre! abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufa'aa fi halkan wodhakkaa dhufaa, iyya lukku'uu dhufaa fi ganama dhufaa hin beettan.
36
Hennaa isin hin qabaannetti yoo dhufe, ka rafa'aartan akka isin hin argine,
37
Waanuma isiniin jedhu, nama maraanuu jedhaa; dammaqaa'a!»
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16