bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 3
Mark 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Yesuus hennaa biraa gara mana sagada Yihuudotaa seene; achi namicha harki isaa naafate tokkotu ture.
2
Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambataatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan.
3
Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen.
4
Achiin maayii inni isaaniin, «Guyyaa Sambataatiin waan mishaa godhu'u moo waan badaa godhu'utu Seeraan kennameera? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeessu'u?» jedhe. Isaan ammo hin cadhisan.
5
Inni gar jabeenna isaaniititti akka malee gaddee aari'iin gara galee isaan laalee namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichi harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.
6
Achiin maayii Fariisonni gad bayanii yoma san attamitti akka isa ajjeesan miiltota Heroodisii woliin mari'atan.
7
Yesuus darasoota woliin gara Galaanaa siiqe. Worri Galiila'aa dhufan namoonni hedduu isa faanaa deeman;
8
Namoonni hedduu waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaalemii, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yoordaanosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.
9
Inni waan namoonni guddisanii baay'ataniif dhiibamee akka hin kufne yabala akka isaa qopheessan darasoota ajaje.
10
Namoota heddu waan fayyiseef worri rakkoo qaban martinuu harkaan isa qabu'uuf gara isaa wol dhidhiiban.
11
Ayyaannan battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan.
12
Yesuus ayyaanonni battiin sun Inni eennuun akka ta'e akka isa hin himneef jabeessee isaan ajaje.
13
Yesuus gara gaaraa bayee worra barbaade gara ufii waame. Isaan gara isaa dhaqan.
14
Isaan isa woliin akka jiraatanii fi lallabaaf akka ergaman,
15
worra dhibaman akka fayyisanii fi jinniillee akka baasan baallii akka qabaatan namoota kudha lama filatee, «Ergamtoota» jedhee moggaase.
16
Simooniinillee, «Pheexroos» jedhee maqaa moggaase.
17
Ilmaan Zebdewoosiillee Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin, «Bo'anergees» jedhee moggaase; akkas jechuun, «Ilmaan gigissa'aa» jechu'u.
18
Indiriyaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi
19
Yihuudaa nama qachaa Keeriyootii ka Yesuusiin dabarsee kenne.
20
Achiin maayessa gara manaa hennaa dhufan, baniin hedduu waan wol gayaniiraniif Inninii fi darasoonni isaa hurbaata nyaachuu dadhaban.
21
Namoonni, «Inni maraateera» waan jedhaniif firtoonni isaa kana dhagayanii isa qabu'uuf dhufan.
22
Barsiisonni Seera Muuse'ee worri Yerusaalemii dhufan ammo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mootii jinnootaatiin jinnii baasa» Yesuusiin jedhan.
23
Inni gara ufii isaan waamee mammaakaan akkana isaaniin jedhe, «Seexanni attamitti seexana baasuu danda'a?
24
Mootummaan tokko yoo ufii wol qoqqoode mootummaan sun dhaabachuu hin danda'u.
25
Maatiin mana tokko keessatti yoo ufii wol qoqqoode maatiin sun dhaabachuu hin danda'u.
26
Seexanni ufii wol mormee yoo gar gar baye sun badii isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u.
27
Eennullee duraan dursee nama jabaa uduu hin hiine mana nama jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu hin danda'u; Yoo hidheen maayii mana isaa san seenee saamuu danda'a.
28
«Ani dhuga'aan isiniin jedha cubbuun marti, nama arrabsuunillee dhiifamsa qaba.
29
Nama Ayyaana Woyyuu arrabsu kamiifuu ammo, gatii cubbuu bara baraa itti ta'a malee sirima dhiifamsa hin argatu»
30
Yesuus sababa namoonni, «Inni ayyaana hamaa qaba» jedhaniif kana isaaniin jedhe.
31
Achiin maayessa haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanii diida dhaabatanii nama gara isaa erganii waamsisaniin.
32
Gumiin isa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhaniin.
33
Inni deebisee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe.
34
Inni gara worra isa marsanii taa'aniiranii midhatee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyyallee kunooti.
35
Namni fedhii Rabbii raawwatu maruu obboleessa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya» jedhe.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16