bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 8
Mark 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
1
Hennaa san gumiin guddaan Yesuusiin biratti wol gaye; sababaa isaan waan nyaatan dhabaniif Yesuus darasoota gara ufii waamee akkana isaaniin jedhe,
2
«Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan;
3
Isaan keessaa gari gariin lafa fago'oo waan dhufaniiraniif uduu isaan waa hin nyaachifne gara manaa deema'aa galaa yoo jenne, karaa irratti laafanii kufan.»
4
Darasoonni isaa deebisanii, «Lafa gammoojjii akkanaatitti nyaata namoota haganaatii gayu eessaa fuuna» jedhaniin.
5
Inni, «Xoroshoo hagam qabdan?» jedhe isaan gaafannaan, «Xoroshoo torba» jedhaniin.
6
Inni gumii saniin, «Lafa taa'aa'a» jedhee xoroshoo torbaa san fuudhee Rabbiin galatoonfatee caccabsee gumi'ii akka qoodan darasoota ufiititti kenne; isaanillee gumii taa'e sanii qoodan.
7
Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galatoonfatee akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne.
8
Gumiin namoota kuma afurii sun haga nyaatee quufeen maayessa hambaa hafe masoobii gugurdaa torba guutuu isaan jalaa kaasan. Yesuus akkuma gumii uf irraa galcheen
10
darasoota woliin gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe.
11
Fariisonni qoru'uuf bayanii malkata samii irraa akka itti mudhisu isa irraa barbaadanii isaan wol mormuu jalqaban.
12
Inni hafuura guddaa baafatee, «Dhaloonni kun maaf malkata barbaadan? Dhuga'aan isiniin jedha, dhaloota kanaaf malkanni hin kennamu!» jedhe.
13
Achiin maayessa inni achumatti isaan dhiisee yabala keessa seenee gama ceeye.
14
Darasoonni dhalee qabachuu waan irraanfataniif xoroshoo tokkottii malee yabala keessaa womaa hin qaban.
15
Yesuus isaaniin, «Laalladhaa'a! raacitii Fariisotaatii fi Heroodiisii irraa uf eeggadhaa'a.» jedhee isaan seere.
16
Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana nuun jedha» jedhanii woliin qaaqan.
17
Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? Isin Haga ammaa hin beennee yookaan hin hubannee? Qalbiin teessan duuda'a?
18
Uduu ija qabdan hin argitanii? Gurra uduu qabdan hin dhageettanii? hin qaabattanii?
19
Hennaa ani xoroshoo shanii namoota kuma shaniif caccabsee kenne hambaa hafe masoobii hagam kaaftan?» isaanillee, «Kudha lama» jedhanii deebisaniif.
20
Yesuus itti aansee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe masoobii hagam guutuu kaaftan?» Isaanillee, «Torba» jedhaniin.
21
Inni, «Isin haga ammaallee hin hubannee?» isaaniin jedhe.
22
Yesuusii fi darasoonni isaa gara Beetasaayida'aa dhufan. Jarri tokko nama ijji isaa hin argine tokko gara isaa fidanii akka inni harkaan qaqqabu kadhatan.
23
Yesuus namicha jaamaa san harka ufii isa irra kaayee qabee ganda san keessaa baasee ija isaatitti tufee, harka ufii irra kaayee, «Waa arga'aartaa?» jedhee gaafate.
24
Namichi ol jedhee laalee, «Ee, namoota arga'aara; haa ta'uu ammo akka waan munni deemuu natti fakkaata» jedhe.
25
Yesuus ammallee harka ufii ija namichaa irra kaaye. Hennaa san namichi guuttatee laale. Ijji isaa fayyitee waa maraa midhaassee arge.
26
Achiin maayessa Yesuus, «Ganda keessa hin deddeemin; eennuttillee hin himin» jedhee namicha gara mana isaa erge.
27
Yesuusii fi darasoonni isaa gara ganda Filiphoos Qisaariya'aa bayanii, inni uduu deema'aaran karaa irratti «Namoonni naan eennu jedhan?» jedhee darasoota gaafate.
28
Isaan, «Gariin Yohaannisii cuupha'a, gariin Eeliyaas, kuuwwan ammo raattota keessaa tokko siin jedhan» jedhanii deebisaniif.
29
Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroosillee, «Ati Kiristoos» jedhee deebise.
30
Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere.
31
Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe.
32
Inni waan kana ibsee dubbate. Pheexroos Yesuusiin ufitti sissee isa teedeffatuu jalqabe.
33
Inni ammo gara galee darasoota laalee Pheexroosiin, «Seexana nana, na biraa fagaadhu; Ati waan namaa malee, waan Rabbii hin yaaddu» jedhee teedeffate.
34
Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faanaa haa deemuu.
35
Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; ka waan kiyyaa fi waan Dubbii Nagayaatiif lubbuu ufii balleeffatu maruu ammo hin oolfata.
36
Namni waan adunyaa tanaa maraa qabaatee lubbuu ufii yoo dhabe ammo maal isaa godha?
37
Namni bikka lubbuu ufii maal kennuu danda'a?
38
Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa hennaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin dhufu isatti saalfata» jedhe.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16