bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 9
Mark 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
1
Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu namoota as dhaabatan kanniin keessaa uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe.
2
Yesuus guyyaa jahaan maayii Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin qabatee hojja isaanii gara gaaraa ol isaan baase. Achitti inni afoo isaaniititti jijjiirame.
3
Uffanni isaallee haga miiccuun adunyaa tanaa kamiiyyuu miiccee addeessuu dandeettu caalaa adii weeccaa ta'e.
4
Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan.
5
Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.
6
Isaan akka malee waan sodaataniiraniif Pheexroos woma jedha'aaruu hin beenne.
7
Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.
8
Hennama san gara galanii hennaa laalan isaan woliin Yesuusiin malee eennuunuu hin argine.
9
Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Haga Ilmi namaa du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere.
10
Isaan waan inni isaanitti hime san garamatti qabatanii, «Du'aa ka'uun maali'i?» jedha'aa wol gaggaafatan.
11
Isaanillee deebi'anii, «Barsiisonni seeraa, ‹Maaf Eeliyaas firrisee dhufa› jedhan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan.
12
Yesuus akkana jedhee isaanii deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haa ta'uu ammo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree?
13
Ani ammo akkana isiniin jedha, Eeliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffame waanuma fedhan maraa isa irratti godhan» isaaniin jedhe.
14
Hennaa Yesuusii fi darasoonni sadiin gara darasoota kaawwanii dhufan gumiin guddaan isaan marsanii barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge.
15
Gumiin sun hennaa Yesuusiin argan maalalfatanii gara isaa fiiganii nagaya gaafatan.
16
Yesuus, «Wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate.
17
Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisaa'a! mucaa kiyya ka jinniin afaan duuchu dhayeeru gara kee fideera.
18
Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture isaan ammo baasuu hin dandeenne» jedheen.
19
Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin amanne! haga yoomii isin woliin jiraadha? haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya as fidaa'a!» jedhe. Isaanillee mucaa gara isaa fidan.
20
Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse.
21
Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef.
22
Hennaa hedduu isa ajjeesu'uuf ibiddaa fi bisaan keessatti isa darba. «Ati ammo yoo sii danda'ame garaa nuu laafii nu gargaari» jedheen.
23
Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? nama amanuuf wonti martinuu hin danda'ama» jedheen.
24
Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haa ta'uu ammo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen.
25
Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe.
26
Ayyaanni battiin mucaa iyyisiisee gajafsiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa taanaan namoonni hedduu, «Du'eera» jedhan.
27
Yesuus ammo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; mucaanillee ol ka'ee dhaabate.
28
Yesuus haga mana seeneen maayii darasoonni isaa, «Nu maaf ayyaana battii san baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan.
29
Inni ammo deebisee, «Ka akkanaa kun Rabbiin kadhachu'uu fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u!» isaaniin jedhe.
30
Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan.
31
Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene.
32
Isaan ammo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan.
33
Achiin maayessa Yesuusii fi darasoonni isaa gara Qifirnaahoomii dhaqan. Haga mana gayaniin maayessa Yesuus, «Karaa irratti wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate.
34
Isaan ammo, «Nu keessaa eentu caala?» jedha'aa wol morma'aa waan turaniif hin cadhisan.
35
Yesuus haga taa'een maayessa darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, «Namni bulchaa ta'uu barbaadu nama maraayyuu gad ta'ee hojjataa nama maraa haa ta'uu» isaaniin jedhe.
36
Achiin maayessa Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan afoo dhaabsiise. Inni isa ammatee,
37
«Daa'ima akkanaa tokko ka maqaa kiyyaan simatu maruu na simata; ka Ana simate ka na erge simata malee ana calla'aa miti» isaaniin jedhe.
38
Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisaa'a! namichi tokko uduu maqaa keetiin jinnii baasu arginee inni waan gara keenna hin taaneef isa dhooggine» jedheen.
39
Yesuus ammo akkana jedhe, «Namni maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammo, ka dafee waan hamaa kiyya dubbatu waan hin jirreef hin dhoogginaa'a.
40
Namni nuun hin mormine maruu gara keenna.
41
Ani dhugamaan isiniin jedha ka Kiristoosii waan taataniif ka maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii isin obaasu gatii qaba» jedhe.
42
Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa dhagaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xiillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya.
43
Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.
45
Lutti tee yoo akka cubbuu hojjatu si ataabe uf irraa kuti. Luka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya.
46
Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.
47
Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya.
48
Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu.
49
Namni maruu ibiddaan qulqulleeffama; ciincaan maruu sooqiddaan qulqulleeffama.
50
Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammo yoo kuraawummaa uf keessaa dhabe maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu; nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16