bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Mark 5
Mark 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
1
Yesuusii fi darasoonni isaa galaana gama gara biyya Gergesooni dhaqan.
2
Hennaa Yesuus yabala keessaa baye namichi ayyaanni battiin dhayeeru tokko awwaallan jiddu'uu bayee gara isaa dhufe.
3
Namichi kunillee bakka awwaalaa jiraata'aa ture; eennullee haada sibiilaatiin isa hidhuu hin dandeenne.
4
Hennaa hedduu haada sibiilaatii fi gaadii sibiilaatiin hidhama'aa ture. Haa ta'uu ammo haada sibiilaa uf irraa kukkuta'aa, gaadii sibiilaallee caccabsa'aa ture. Namni danda'ee isa gad qabu tokkolle hin jiru.
5
Hennaa maraa halkanii fi guyyaa awwaallan jiddu'uu fi gaarran irra naannaya'aa iyya'aa nafa ufii dhaga'aan duguuga'aa ture.
6
Inni hennaa Yesuusiin fago'otti arge gara isaa fiigee jilbiiffatee sagadeefii,
7
laagaa gudda'aan iyyee, «Yesuus! Ilma Rabbii maraa olii! Maal na irraa qabda? ani Rabbiin si wogee na hin rakkisin» jedheen.
8
Yesuus, «Ayyaana battii! nama kana keessaa bayi» waan isaan jedheeruuf.
9
Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee isa gaafate. Inni, «Nu waan heddu taaneef maqaan kiyya duula» jedhee isaa deebise.
10
Biyya san keessaa akka isaan hin baafneef inni jabeessee isa kadhate.
11
Ededa gaara achi jiruu irra gobbuun booyye'ee heddu bobbayanii waan turaniif,
12
«Gara booyyotaa akka gallu nu ergi» jedhanii kadhatan.
13
Yesuusillee, «Maarre» isaaniin jedhe. Ayyaannan battiin sunniin namicha keessaa bayanii gara booyyotaa galan. Gobbuun booyye'ee ka haga kuma lamaa gayan, afaan qile'ee irraa gara galaanaa gad gugatanii liqimfaman.
14
Jarri tisse'eellee dheessanii, waan ta'e san qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee waan ta'e san laalu'uuf dhufan.
15
Hennaa Yesuusiin bira gayan namichi duula jinni'iitiin dhayamee ture sun uffata uffatee qalbiinillee deebiteefii ka taa'eeru arganii sodaatan.
16
Namoonni isa argan sun waan namichi jinniin dhaye sun ta'ee fi waan booyyotaa bani'itti odeessan.
17
Achiin maayii akka Yesuus biyya isaanii dhiisee deemu Isa kadhatan.
18
Hennaa Yesuus achii deemu'uuf yabala yaabbata'aaru namichi jinniin dhaye sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate.
19
Yesuus ammo didee, «Gara mana keetii deebi'ii galii; waan guddaa attamii akka Gooftaan sii godhee fi attamitti akka inni sii araarame worra keetitti himi!» jedheen.
20
Namichillee deemee, waan guddaa attamii akka Yesuus isaa godhe biyya qachoota kudhan jedhamu maratti odeesse. Baniin dhagaye maruu hin maalalfate.
21
Yesuus galaana gama yabalaan haga ceeyeen maayii namoonni hedduu wol gayanii gara isaa dhufan; Inni qarqara galaanaa ture.
22
Namni Iyaayiroosi jedhamu bulchaan mana sagada Yihuudotaa tokko dhufee hennaa Yesuusiin arge luka isaa jalatti kufee,
23
«Mucattiin tiyya diqqoon dhibamtee afaan du'aa jala waan jirtuuf, akka fayyitee lubbu'uun jiraattu koottuu harka kee isii irra kaayi» jedhee jabeessee kadhate.
24
Achiin maayii Yesuus isa woliin deeme; namoonni hedduullee isa faanaa deemanii gara maraan isa hucuucan.
25
Dubartiin dhiinni isi'ii woggaa kudha lamaaf jigu'uun rakkattu takka achi turte.
26
Isiin ogeeyyii qorichaa biratti yaalama'aa birrii ufii fixattullee dhibeen itti jabaate malee womaa isi'ii hin cabne.
27
Isiin hennaa gurra Yesuusii dhageette isa duubaan gumii jiddu'uun dhuftee uffata isaa tuxxe.
28
Isiin, «Ani yoo uffata isaa tuqe hin fayya» jettee garaa ufiititti yaaddee turte.
29
Yoma san dhiinni isi'ii jiguu dhiisee, isiin dhibee ufii irraa akka fayyite uf irratti beette.
30
Yesuusillee yoosuu akka hunniti fayyumsaa isa irraa baye beekee, gumii jiddu'utti uf irra gara galee, «Uffata kiyya eentu tuqe?» jedhe.
31
Darasoonnillee, «Uduu akka gumiin si dhidhiiba'aaru argitu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» jedhaniin.
32
Yesuus ammo nama isa tuqe argu'uuf uf irra gara galee laale.
33
Dubartittiin ammo waan isi'ii godhame beettee sodaata'aa hollata'aa dhuftee luka isaa jalatti kuftee dhugaa maraa itti himte.
34
Inni, «Intala tiyya! amantiin kee si fayyiseera; nagayaan deemi; dhibee kee irraa fayyi» isi'iin jedhe.
35
Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin.
36
Yesuus ammo waan isaan jedhan san nafaan didee bulchaa Mana sagada Yihuudotaatiin, «Amani malee hin sodaatin!» jedheen.
37
Yesuus: Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisii achi eennullee akka isa faanaa deemu hin barbaanne.
38
Hennaa mana bulcha'aa san bira gayan Yesuus namoonni iyya'aa, woca'aa, uduu booyan arge.
39
Inni mana seenee, «Maaf woca'aa boottan? Mucattiin hin rafteerti malee hin duune» isaaniin jedhe.
40
Isaan ammo itti kolfan. Achiin maayii inni isaan maraa manaa baasee abba'aa fi haadha mucatti'ii, darasoota isa woliin jiranillee qabatee gara gola reeffi mucatti'ii jiru san seene.
41
Harka mucatti'ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen. Hiikkaanillee, «Mucattii diqqoo'o! Ol ka'i!» jechu'u.
42
Mucattiin yoosuu kaatee dhaabattee deddeemte. Isiin nama woggaa kudha lamaati. Waan ta'e san guddisanii maalalfatan.
43
Yesuus waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere; waan nyaattu akka isi'ii kennan isaanitti hime.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16