bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 14
Matthew 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
1
Bara san bulchaan kutaa arfeesso'oo Heroodis seenaa Yesuusii dhagayee,
2
Hojjattoota ufiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaaf hujiin maalaleen kun isaan hojjatame» jedhe.
3
Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture.
4
Yohaannis Heroodisiin «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedheenii ture.
5
Heroodiis Yohaannisiin ajjeesisuu barbaade; gumiin ammo akka raagaatitti waan isa laalaniif sodaate.
6
Haa ta'uu ammo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbitee Heroodisiin guddiftee gammachiifte.
7
Kanaafuu Heroodis waan isiin isa kadhatte maraa kennu'uufiif waadaa gale.
8
Isiinillee haadhaan gorfamtee, «Ammuma morma Yohaannisii cuupha'aa qorii keessa kaayii naa kenni» jette.
9
Mootiinillee hin gadde; Haa ta'uu ammo waan dura kakateef namoota isa woliin jiraniif jedhee, morma Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje.
10
Inni nama gara mana hidha'aatitti ergee, morma Yohaannisii mursiise.
11
Morma isaallee muranii qorii keessa kaayanii fidanii mucatti'ii kennan; Isiinillee fuutee gara haadha ufii fidde.
12
Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa dhaqanii reeffa isaa fidanii awwaalanii deebi'anii Yesuusitti odeessan.
13
Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe.
14
Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise.
15
Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e; hin dhiiteerti; kanaafuu gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin.
16
Yesuus ammo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatan kenna'aaf!» isaaniin jedhe.
17
Isaanillee deebisanii, «Nu xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa malee, womaa asii hin qabnu» jedhaniin.
18
Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» isaaniin jedhe.
19
Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galatoonfatee xoroshoo caccabsee darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan.
20
Gumiin martinuu nyaatanii quufanii hambaa irraa hafe xoroshoo masoobii kudha lama guutuu fuudhan.
21
Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen uduu hin laakkayamin dhiirti callaan kuma shan.
22
Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime.
23
Yesuus haga gumii geegesseen maayii faateffachu'uuf hojjuma ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgaloofte inni hojjuma ufii achi ture.
24
Hennaa san yaballi uduu galaana edduu deema'aartu bubbeen waan gara afo'ootiin bubbisa'aa tureef dambali'iin asii fi achi raafamte.
25
Halkan keessa gara iyya lukkuu lammeesso'oo Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe.
26
Darasoonni isaa uduu inni galaana irra deemu arganii bararraaqanii, «Kun ekera'a» jedhanii sodaatanii iyyan.
27
Yesuus ammo hennama san, «Anaa, jabaadhaa'a! hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate.
28
Pheexroosillee deebisee, «Gooftaa'a! yoo si taate gara kee bisaan irra akka dhufu na ajaji» jedheen.
29
Yesuus deebisee, «Koottu!» jedheen. Kanaafuu Pheexroos yabala keessaa bu'ee gara Yesuusii dhaqu'uuf bisaan irra deeme.
30
Haa ta'uu ammo hennaa hunna bubbe'ee arge sodaatee liqimfamuu jalqabee jennaan, «Gooftaa'a! na oolchi!» jedha'aa iyye.
31
Yesuus yoma san harka ufii hiixatee isa qabee, «Ati bada nama amantii dhidhu'uu! Maaf mamte?» jedheen.
32
Hennaa Yesuusii fi Pheexroos yabala keessa seenan qilleensi cadhise.
33
Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif.
34
Yesuusii fi darasoonni isaa gama ceeyanii lafa Gensaareexi jedhamtu gayan.
35
Worri hulee san jiran haga Yesuusiin ta'uu beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan.
36
Qaccema uffata isaa callaa tuqanii fayyu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqe maruu hin fayye.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28