bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Matthew 21
Matthew 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Yesuusii fi darasoonni akkuma Yerusaalemitti dhiyaataniin gaara Ejersaatitti hulee Beetafaagee jedhamtu gayan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaa akkana jedhee isaan erge.
2
«Gara ganda isin afoo jirtuu dhaqaa'a; achitti harree ilmoo woliin hidhamteertu takka hin argitan; hiika'aa naa fidaa'a.
3
Eennullee yoo waa isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin deebisa› jedhaa'a» isaaniin jedhe.
4
Wonti raattichi raage akka raawwatamuuf kun ta'e; wonti raattichi raage,
5
«Intala Xiyooniitiin, ‹Kunoo, mootiin kee gad uf qabee, harre'ee fi ilmoo harre'ee irra taa'ee, gara kee dhufa'aara› jedha'aan» ka jedhu.
6
Darasoonni dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan;
7
Isaan harree sanii fi ilmoo harre'ee san fidanii uffata ufii irra kaayan; inni irra taa'e.
8
Gumiin guddaan uffata ufii karaa irratti afan; kuuwwanillee baala mukaa cira'aa karaa irratti afa'aa turan.
9
Gumiin afo'oo fi duuba isaatiin deeman iyya'aa, «Hosaanaa Ilma Daawitiitiif Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan.
10
Yesuus hennaa Yerusaalem seene qachaan guutuun raafamee, «Kun eennu?» jedhan.
11
Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan.
12
Yesuus gara mana woyyu'uu seenee namoota mana woyyuu keessatti bitatuu fi gurguratu maraa gad yaase; worra birrii sharafuu fi teessoo worra handarii gurguratuullee gara galchee,
13
«Manni kiyya ‹mana Rabbiin itti kadhatan jedhama› jedhamee barreeffameera; isin ammo goda shiftootaa gootan» isaaniin jedhe.
14
Mana woyyuu keessatti worri ija jaamanii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan; inni isaan fayyise.
15
Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammo baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godhee fi hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran.
16
Kanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu hin dhageettuu?» jedhaniin. Yesuus, «Ee hin dhagaya; isin sirimaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu irraa galata ufiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbifnee?» isaaniin jedhe.
17
Achiin maayessa gara qachaa Biitaaniya'aa deemee achi bule.
18
Yesuus ganama barii hennaa gara qacha'aa deebi'u beelayee,
19
Karaa irratti muka hurbu'uu argee gara isi'ii goree yoo laalu baala malee womaa irratti hin argine. Achiin maayessa inni hurbuu saniin, «Horomaa deebi'ee sanyiin si irratti hin argamin» jedheen. Yoma san munni hurbu'uu sun goge.
20
Darasoonni isaallee kana arganii attamitti yoosuu godde? jedhanii maalalan.
21
Yesuus deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattan, waan muka hurbu'uu irratti ta'e callaa hin gootan; isin gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan hin ta'a.
22
Yoo Amanti'iin Rabbiin kadhattan waan Rabbiin kadhattaniif san maraa hin argattan» isaaniin jedhe.
23
Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin.
24
Yesuus deebisee, «Anillee gaafii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebiftan achiin maayii anillee baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hima.
25
Cuuphaan Yohaannis cuuphe Rabbiin irraa dhufe moo, yookaan nama irraa dhufe?» isaaniin jedhe. Isaanillee wol mormanii, « ‹Rabbiin irraa dhufe› yoo jenne inni, ‹Isin maaf isa hin amanne ree?› nuun jedha;
26
‹Nama irraa› yoo jenne, martinuu akka raagaatitti waan Yohaannisiin laalaniif, gumii sodaanna» jedhan.
27
Maarre isaan deebisanii, Yesuusiin, «Nu hin beennu» jedhan. Yesuusillee, «Baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
28
Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya! adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen.
29
Inni deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; maayessa ammo gaabbee deeme.
30
Abbaan gara ilma lammeesso'oollee dhaqee akkasuma jedhe; ilmi lammeesso'oo, ‹Hin dhaqa, abbaa kiyya!› jedhe. Inni garuu hin dhandhe.
31
Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.
32
Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe; isin ammo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammo itti amanan. Isin kana argitaniillee aagii galtanii itti hin amanne.
33
Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka biraa dhagayaa'a! Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qonnaan bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme.
34
Hennaa woyiniin sun gaye, midhaan fudhachu'uuf hojjattoota ufii gara worra biqiltuu woyini'ii eeganii erge.
35
Qonnaan bultoonni isaa sun hojjattoota isaa keessaa nama tokko qabanii dhaanan; kaan hin ajjeesan; kaan ammo dhaga'aan tuman.
36
Abbaan maasaa biqiltuu sanii worra hojjattoota duraa laakkobsaan caalan isaanitti erge. Sanniinillee akkuma kaawwanii godhan.
37
Maayessa ammo, «Ilma kiyya hin kabajjan.» jedhee, Ilma ufii isaanitti erge.
38
Qonnaan bultoonni sunniin ammo, Ilma isaa hennaa argan, ‹Ka dhaalu kanaa; koottaa, isa ajjeefnee lafa fudhannaa.› woliin jedhan.
39
Isaan Ilma isaa qabanii biqiltuu woyini'ii keessaa baasanii ajjeesan.
40
Eegasuu abbaan biqiltuu woyini'ii sun hennaa dhufe qonnaan bultoota san waan maal godhu seetan?» isaaniin jedhe.
41
Isaan deebisanii, «Inni worra hammeeyyii hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa ka hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin.
42
Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'aan ta'e, Ija keennaafillee waan baasaati!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee?
43
«Kanaaf akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee banii daraaraa godhatuuf kennamti. [
44
Ka dhagaa kana irratti kufu hin caccaba. Namni dhagaan kun irratti kufe maruu hin bututa.]»
45
Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonni hennaa mammaaka dhagayan, akka inni waan isaanii dubbata'aaru hubatan.
46
Isa qabuu barbaadanii gumiin akka raagaatitti waan isa laaluuf isaan sodaatanii dhiisaniin.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28